Seenaa Gabaabaa Luba Bal’inaa Saarkaa

Gooti wangeelaa Dr. Kabajaa Luba Bal’inaa Saarkaa, Haadha isaani Jabanee Lookoo fi Abba isaanii Saarkaa Dannoo irraa Fulbaana 12,1933 A.L.I Godina Wallagga Lixaa magaalaa Boojjii Dirmajjiitti bakka Amuumaa Eennaa jedhamutti dhalatan. Erga barumsa isaanii xumuranii booda hojii barsiisuutiin saba isaanii tajaajilaa turan. Bultii Waaqayyoof amanamu dhaabbachuun maatii horatanii ijoollee ja’a kan goodhatan yoo ta’u, gaa’ila isaaniif amanamuun fakkeenyummaa gaarii nama ta’anidha.

Lubni Bal’inaa hojii tajaajilaa kan jalqaban umurii isaanii waggaa kudhanitti yoo ta’u, bara 1964tti immoo Hafuura Qulqulluun magaala Naqamteetti akka guutaman seenaan jireenya isaanii kan dubbatu. Lubni kun, yeroo sana Hafuura Qulqulluun guutamuun shaakala barame waan hin turreef waldaa keessatti ari’atami guddaan itti dhufe. Hata’u malee isaan yaada Waaqayyoo sana caalchisuun namoota muraasa guutumuu Hafuuraa barbaadan waliin kadhachuu ittuma fufan. Booda irratti garuu waldaan shaakala guutamuu Hafuuraa sana fudhachuu waan eegalteef Lubni Bal’inaas gara waldaatti debi’uun tajaajiluu akka jalqaban af-gaffii yeroo gara gara godhan kessatti ni dubbatu. Haala siyaasaa yeroo sana biyya keessa ture keessatti falaasamni “Waaqayyo hin jiru” jedhu fudhatamaa fi bakka olaanaa ta’e waan qabatee tureef waa’ee Waaqayyoo fi guutamuu Hafuura Qulqulluu dubbachuun akka yakka guddaatti waan ilaalamuuf Lubni kun hanga bara 1973tti bakka jiraataa turan Magaalaa Naqamtee keessatti yeroo 14 ol hidhamuun isaanii ni yaadatama.

Hidhamuu irra darbees yeroo tokko murtiin du’aa irratti erga murtaa’ee booda Koloneel Mangistuu Hayilemaariyaamiin mana hidhaatii akka gadi lakkifaman ta’ee Waaqayyo murtii du’aa sana keessa isaan dabarsee akka ture seenaan jireenya isaanii ni dubbata. Erga mana hidhaa keessaa ba’aniis ari’atama guddaa fi cunqursaa hamaa hedduu dabarsaniiru.

Tajaajila Waggaa Jaatamii Sadii

Lubni Bal’inaa Saarkaa, ijaaramuu Waldaa Kristaanaa shantamii ja’aa ol kessatti ga’ee guddaa fi olaanaa ta’e taphachuun babal’ina mootummaa Waaqayyootiif sababa ta’anii darbaniiru. Gara Gooftaa isaanii utuu hin adeemin xiqqoo dursees yeroo muraasaaf ergama Waaqayyo irraa fudhataniin hojjetoota Wangeelaa dibuun abbummaa isaanii ba’aa turaniiru.

Kana malees, Lubni kun waa’ee biyya keenyaa Waaqayyoon yeroo dheeraadhaaf kadhachaa utuu jiranii mul’ata dheeraa egeree biyya kanaa Waaqayyo isaanitti mul’ise irraa ka’anii kitaaba “Bara Olkaafamuu” jedhamu maxxansiisuun sagalee abdii biyyaas nama turanidha.

Hojii gurguddaa bara tajaajilaa isaanii keessatti raawwatan keessaa inni kan biraan giddu gala dadammaqiinsa hafuuraa “Divaayin Harvest Internashinaal” jedhamuu fi mana barumsaa hojjetoota wangeelaa leenjisu dhaabuuf haga gaafa du’a fooniitin boqotaniitti dadhabbii fi nuffii tokko malee Waaqayyoof hojjechaa turan.

Tajaajila waggaa jaatamii sadii gidduutti waan isaan irraa eegamuu ol hojjechuun biyya keenyaaf abbaa Wangeelaa fi jaarsa biyyaa guddaa ta’uun hojii goota wangeelaa irraa eegamu akka ba’aa turan af-gaffii miidiyaa “Mikurab” jedhamu waliin godhan irraa hubachuun ni danda’ama. Lubni Bal’inaan wangeelli fayyinaa kun nama hundumaa bira akka ga’uuf ga’ee isaan irraa eegamu ba’uun cinatti dhiibbaa akka dhuunfaatti isaanirra ga’aa ture dandamachuun wangeelli kun karaa garaa garaa dhorkaa malee akka labsamu kallattii fi al-kallattiin ga’ee isaani utuu ba’achaa jiranii akkasumas dhaloota barsiisaa, gorsaa fi leenjiisaa utuu jiranii umurii isaanii waggaa 82tti gara abbaa isaanii isa hojjetaafii turaniitti geggeeffaman.

Jireenya Isaanii Irraa Maal Baranna?

Dhalootni amma jirru kun barsiisa isaanii fi hojii isaan dirree Wangeelaa keessatti hojjetaa turan irraa waan baay’ee baranna. Isaan keessaa muraasni,

  • Hojii jaallachuu – turtii tajaajila isaanii keessatti Wangeela lallabuu utuu hin dhiisin yeroo isaan itti hojii hojjechaa maatii isaanii bulchaa turan dhuga baatii hedduuti jira. Amantootni hundinuus akka isaan daagii hin taane, barsiisaa, dheekkamaas turaniiru.
  • Jabaatanii dhabachuu – baroota dheeraadhaaf ari’atama guddaatu irra ga’aa ture; hata’u illee malee tasa harka kennanii Wangeela lafa kaa’anii hin beekan ture Lubi Bal’inaa.
  • Waaqayyoof amanamanii jiraachuu – Lubni Bal’inaa Saarkaa waan Waaqayyo irraa dhagahan amanamummaa guddaadhaan hojjechaa turaniiru. Bara dulluma isaanii keessatti illee projektii Giddu gala Kadhataa biyyoolessaa ta’e utuu nan dadhabe hin jedhin hojjetaa akka turan qabatamaa waan ta’e dha.
  • Dibata ofii beekanii eeggachuu – Dibata Waaqayyo itti isaan dibe sirriitti adda baasanii beeku, yeroo hundumaas iddoo ol-aanaa ta’e kennanii ittiin yaada Waaqayyoo tajaajilan. Waan dibata isaanii xureessuu fi gatii dhabsiisu irraa of qusachaa jiraatanii darbani.
  • Waaqayyoon sodachuu – Kun eenyummaa Luba Bal’inaa Saarkaa kan biraa ture. Hamma guyyaa gara Gooftaa isaanii deemanitti Waaqayyoon gar malee sodaatu, ofirrattis eeggatu ture. Akka tajaajiltoota si’anaa kana Waaqayyoon sodaachuu dhiisuudhaan saba Waaqayyoo irratti hojii hamminaa fi yaada Waaqayyoo hin taane hojjechuun hin beekaman ture.

Yaadota

2 responses to “Seenaa Gabaabaa Luba Bal’inaa Saarkaa”

  1. Gelana Doji Desalegn Avatar
    Gelana Doji Desalegn

    Nama kakuu Waaqayyoo bara jireenya keessan haa eebbisu eebbaaf ta’a

  2. Isaayyaas Avatar

    Waaqayyo sanyii isaanii dhalootaaf karaa kan tahu nuuf haa keesu

Yaada kenni