Category: Gaa’ela
-

Sababoota Kanaaf hin Fuudhiinaa / hin Heerumiinaa!
Gaa’elli dhaabbata qulqulluu ta’e, kan Waaqayyo ofii dhaabe ta’uu macaafni qulqulluu dhugaa baha. Kanaaf gaa’elli jalqabuma yaada Waaqayyo uumaati malee barbaacha namootaan kan jalqabe miti jechuu dha. Gaa’elli kunis kakuu dhiirrii fi durbi tokko bara lafa irra jiraatan hundatti wal-faana jiraachuuf fuula Waaqayyootti godhani dha (Uum 2:24, Mat 19:4-5). Gara yeroo gaa’elli inni jalqabaa dhaabametti…
-

Eenyuun Fuudhu? Eenyutti Heerumu?
Saayinsiin akka jedhuttii dhalli namaa guyyaadhaan yaada lakkoofsaan hanga 70,000 ta’an yaaduu danda’a.Gama dubbiitiin immoo namni tokko gidduu galeessaan jechoota 7,000 ta’an guyyaa tokkotti dubbachuu danda’a. Ragaa saayinsii kana irraa namni hanga afaaniin dubbatu caalaa sammuu isaa keessatti yaada inni qabutu heddummaata jechuu dha. Kanaaf fakkaata namnii murtoo tokko tokko murteessuuf waa’ee waan sanaa dursa…
-

Gaa’ela Mudaa hin Qabne
Namni uumamuma isaan jireenya mudaa hin qabneef barbaacha jabaa qaba. Kun immoo jalqabumaa waaqni gaafa nama tolche mudaa malee, guutuu akka ta’utti waan tolcheef ta’uu mala.Gaa’elas dhaabbachuu yoo yaadu bultii gammachuun guute kan hir’ina hin qabne akka ta’uuf abjota.
