Sababoota Kanaaf hin Fuudhiinaa / hin Heerumiinaa!

Inni garuu deebisee, “Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ‘Dhiiraa fi dubartii akka uume hin dubbifnee ree?” jedhe. Itti dabalees, “‘ Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u.

Maatewos 19:4-5

Gaa’elli dhaabbata qulqulluu ta’e, kan Waaqayyo ofii dhaabe ta’uu macaafni qulqulluu dhugaa baha. Kanaaf gaa’elli jalqabuma yaada Waaqayyo uumaati malee barbaacha namootaan kan jalqabe miti jechuu dha. Gaa’elli kunis kakuu dhiirrii fi durbi tokko bara lafa irra jiraatan hundatti wal-faana jiraachuuf fuula Waaqayyootti godhani dha (Uum 2:24, Mat 19:4-5). Gara yeroo gaa’elli inni jalqabaa dhaabametti yoo deebinee ilaalle Waaqayyo namichaaf kan akka isaatii kan isa gargaartu isaaf akka tolchee fi isaan lamaaniin walitti fiduun akka eegale nii argama. Ergasii egaa dhiirri gaa’elaaf ga’e tokko haadhaa fi abbaa isaa dhiisuun haadha manaa isaaf taatutti maxxanuuf barbaaduun fedha Waaqni isa keessa kaa’e dha (Uum 2:24). Egaa dhiira tokkoof dubbiin haadha manaa isaaf taatu argachuu akka waan gaarii argachuu ta’ee fi ayyaanas Waaqayyo biraa argachuu isaa akka ta’e dubbii dhugaa irraa in barra. kanaaf ‘hiriyyaa gaa’elaaf namaaf taatu/ta’u akkamitti filadhu?’ gaaffii jedhuuf deebii argachuuf wantonni ogummaadhaan ilaalamuu qaban jiraachuu malu (Fak 18:22).

Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata

Fakkeenya 18:22

Kanaafuu ‘gaa’elaaf sababa kamfaatu fudhatamaa dha?’ gaaffii jedhu salphaamatti deebisuuf mee sababoonni gaa’ela hundeessuuf ga’aa hin taane yookaan karaa dogoggoraatti ilaalaman kam fa’i isa jedhu haa ilaallu. Fakkeenyonni muraasni gaa’ela dhaabbachuuf dogoggora ta’anis kunooti.

  • Hirkattummaa Miiraa: Namoonni lama wal fuudhuun miira duwwaa ta’uu namatti dhagahamuuf akka falaatti yaaduun; ‘tasgabbii fi gammachuu an amma hin qabne namni an gaa’ela waliin dhaabbadhu kun naaf kenna’ jechuun eeguun dogoggora. Miira hirkattummaan ‘milkaa’innii, nagaanii fi gammachuun an argadhu nama isa kanarraa yookaan isa sanarraa anaaf dhufa’ jedhanii eeguun kaka’umsa fayya-qabeessa miti. Gaa’elli wal deeggaruu fi wal tumsuu kan fidu yoo ta’e illee wanta namni tokko namaaf kennuu danda’uun ol wantota ta’an kanneen akka miiraan tasgabbaahuu, nagaa, kaayyoo, abdii fi kaka’umsa jireenyaa fi kana fakkaatan walirraa argachuuf namaan hin gahu. Maddi raawwii fi quufa namaa inni dhumaa hariiroo dhuunfaa Waaqayyoo wajjin qaban irraa qofa akka argamu beekuun immoo dogoggora akkanaa uumuu fi gaaga’umsa itti aanee dhufu jalaa nama oolcha.
  • Natti bareeddi/natti bareeda sababa jedhuun qofa: namoonni lama wal jaallatanii gaa’ela dhaabbachuuf gahuuf jarri walitti bareeduun barbaachisaa dha. Ija waliitti miidhaguun jaalalli uumamuuf jalqaba dubbii ta’uu mala. Garuu nama tokko sababa natti bareeddi/ natti bareeda jedhuun qofa waliin jiraachuuf waadaa nan gala jechuuf garuu sababa gahaa ta’uu hin danda’u. Dubbiin Waaqayyoo ‘Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti’ (Fak 31:30) Jedha. Kanaaf egaa bareedinaa fi simboo darbuun harkifamuun qofti sababa gaa’ela bara dheeraaf dhaabbataniif gahaa ta’uu dhiisuu mala jechuu dha.

Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti

Fakkeenya 31:30

  • Amala Nama Biraa Sirreessuuf Yookiin Jijjiiruuf: namni tokko hiriyyaa jaallatu qaba haa jennu. Nama sana karaa baay’eedhaan nii filata; garuu amala inni hin jaallanne tokko irraa qaba jennee haa yaannu. Egaa amala jibbu kana nama kana ‘yoon itti heerume/fuudhe nan sirreessaan’ yaada jedhuun gaa’elatti seenuun qajeelfama bu’uuraa macaafa qulqulluu wajjin kan wal hin simne dha. Gaa’elli nama isa kaan fakkii barbaadanitti bocuuf bakka itti yaalan ta’uun yaada qajeelaa miti. Nama jijjiiruu kan danda’u Waaqayyo isa nama uume sana malee haadha yookaan abbaa yookaan hiriyyaa gaa’elaa ta’uu hin danda’u. Jijjiiruu danda’uu Waaqayyoof karaa ta’uu dandeenya ta’a malee eenyu illee amala namaa jijjiiruuf itti gaafatamummaa fudhachuu hin qabu. Gaa’ellis walii galtee namoonni olaantummaa Waaqayyo jireenya isaanii irratti qabu kana beekanii walitti dhufan malee tokko kaaniin jijjiiruuf kan adeeman ta’uu hin danda’u. kanaaf dogoggora kana ooluuf gochuun kan danda’amu namni kamuu yeroodhaa gara yerootti guddachaa adeemuun isaa barbaachisaa kan ta’ee fi isa kanaaf immoo amantii fi hariiroo inni Waaqayyo waliin qabaatu murteessaa akka ta’e amanuun fala.

Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal’inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? Kristosii fi Seexanni² attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree?

2Qorontos 5:14-15

  • Fedha Wal-qunnamtii Saalaa guuttachuu qoofaaf: Wal-quunnamtiin saalaa abbaa manaa fi haadha manaa gidduu jiru hariiroo Waaqayyo kennee fi waan gammachuu fidu dha. Garuu nama tokko sababa fedhii saal-qunnamtii ofii waliin guuttachuuf yaaduun qofti gaa’ela dhaabbachuuf adeemuun barsiisa macaafa qulqulluu wajjin kan wal hin simne dha. Akka qajeelfamaa fi barsiisa macaafa qulqulluutti hariiroon saal-quunnamtii, dhiiraa fi durba gaa’elaan walitti hidhaman lamaaf kan kenname malee hariiroo dursanii qabaachuun yookaan dursa isa yaaduun sababa sanaaf immoo gaa’elatti seenan ta’uu hin danda’u. Kanaaf kaayyoo hariiroo wal-quunnamtii saalaa beekuunii fi eenyuuf akka kenname hubachuun balaa kanaan wal qabatee namatti dhufu ooluuf nama gargaara.
  • Bu’aa Maallaqaa/ Qabeenyaaf: Nama tokko fuudhuun / itti heeruumun adda durummaan wabii maallaqaa yookaan bu’aa qabeenyaaf jecha taanaan faallaa qajeelfama macaafa qulqulluu adeemuu ta’a. Waanta tokko nama isa kaan irraa argachuuf jecha adeemuun amala sirrii kristaanni tokko qabaachuun irraa eegamu miti. ‘An maalin argadha otuu hin taane an maalin kennuu danda’a’ jedhuun waanta sirrii fi Waaqayyo jaallatu dha.
  • Maqaa gaariif/ Kabajaaf: adeemsi nama itti heeruman/fuudhan sanaan maqaa gaarii fi kabaja argachuuf jedhanii gaa’ela dhaabbatan waan qajeelaa miti. Gaa’elli inni dhugaan lafa itti ofii aarsaa of gochuun kaaniif jiraachuuf murteessanii itti adeeman malee lafa itti hawaasa keessatti maqaa gaarii ittiin horachuuf dhama’an ta’uun bu’uura gaa’ela Waaqayyo tolchee miti.
  • Dhiibbaa Namoota Biroof: Dhiibbaa alaa kan maatii, hiriyyootaa yookaan hawaasa naannoo irraa kan ka’e; jaalalaa fi kabaja dhugaa waliif qabani irraa otuu hin ka’iin bultii ijaaruun jireenya gaa’elaa aarii fi gaabbiin guutuu danda’a. Kanaaf, dhiibbaa alaan nama irra gahu jalaa miliquuf jecha ariifatanii gaa’ela rakkoo hedduu namatti fidee dhufuu danda’u keessa seenuu irra tasgabbiin yaada Waaqayyoo hubachuuf dhama’uun abshaalummaa dha.
  • Sodaa Kophaa Ta’uu irraa: miirri kophummaa rakkoo guddaa uummanni addunyaa ittiin mataa cabaa jirani erga ta’e bubbuleera. Sababa kanaas namoonni murtoo balaa qaban baayyee, hanga of-ajjeesuutti illee, ofirratti yeroo fudhatan nii mul’ata. Miirri kophummaa kun garuu ‘yoon nama tokkoon gaa’elaan walitti hidhame na dhiisuu mala, yookaan immoo kophummaa kana irraa fayyuuf gaaffii gaa’eelaa abaluun naaf dhiyeessu kana simachuun qaba’ murtoo jedhan fudhachuun furamuu dhiisuuf carraa olaanaa qaba. Namni kophaa isaa yeroo jirutti gammaduu kan hin dandeenye yoo ta’e sababii namni isa waliin jiraateef gammaduu danda’a jechuun hin danda’amu. Nageenyi jireenya waloo keessa jiru calaqqee nageenya namoonni dhuunfaan qabanii ta’uun isaa dhugaa dha. Yeroo kophaa Waaqayyo waliin nagaa qabeessa ta’uun abdii gaa’ela nagaa qabeessa boru dhaabbataniiti jechuu dha. Kanaaf egaa namni gaa’elaaf ana waliin walitti dhufu kun, ‘kophaa isaatti nagaa qaba? An hoo ofiikoon nageenya qaba?’ gaaffii jedhu deebisuun murtoo gaa’elatti seenuuf godhamu keessaa tokko ta’uu qaba.

Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.

Faarfannaa 37:4

  • Ijaa yookaan haaloo ba’annaaf: sababoota namoonni ittiin gaa’ela dhaabbatan keessaa haaloo bahannaan tokko ta’uun nama gaddisiisa. Namoonni aarii fi miidhaa namni tokko duraan isaan irraan gaheef akka karaa haaloo bahannaatti nama sana yookaan immoo nama sanatti nama dhiyeenya guddaa qabutti gaa’elaan hidhamuun dhiphisuunii fi miidhuun ijaa bahachuuf yaaduun nii mul’ata. Kun garuu Kristaana tokkoof eenyummaa isa moofaa dha. Jibbii fi ijaa baafannaan gaa’elaaf karaa miti; jaalala malee. Jaalalli immoo ijaa baafannaa, aarii, jibbaa fi kan kana fakkaatan of keessaa hin qabu.

Jaalalli danda’aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu! jaalalli, lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u. Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal’inatti hin gammadu. Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.

1Qorontos 13:4-5

  • Rakkoo hariiroo keessaa gaa’elaan furuuf: Yeroo hiriyyummaatti jiran rakkoo fi waldhabdeen hedduun uumamuu malu. Yeroo tokko tokko immoo waldhabdee irra deddeebiin namoota gidduutti uumamaniif fala dhahuu dadhabuun hiriyyummaan nii diigama. Hiriyyummaan diigamuu ooluun bubbules immoo dhiibbaa alaas ta’e kan keessaan qoramuun itti fufa. Egaa yeroo kana namoonni waan kana waliin kadhachuu, ogummaan taa’anii waliin dubbii qabaachuu fi yoo hammaates gargaarsa namoota kaanii barbaaduun hiikuurra ‘ nama kana yoon fuudhe/ itti heerume hariiroon keenya nii fooyya’a’ jechuun yaadu. Kun immoo rakkoo tokko baqa kan caalutti seenuu ta’uu hin oolu. Hamma danda’metti walitti bu’insa yeroo hiriyyummaa uumamu kamiyyuu gaa’elaan gahuu irra waliin mariiyachuun furuun gaa’ela nagaa qabeessa ijaaruuf baayyee barbaachisa.

Dhumarratti, macaafni qulqulluu yaada Waaqayyoo isa gadi fagoo hubachuuf karaa dha. Waa’ee dhimma kamiifuu deebii fi falli nuti barbaannu nama irraa otuu hin taane Waaqayyo biraa akka dhufan haa hubannu. Akka kristaana tokkootti nuyi martuu jireenya keenya nagaa fi moo’icha Waaqayyo nuuf eeyyameen guutuuf akka barbaannu shakkii hin qabu. Isa kana dhugoomsuuf immoo waanti nurraa eegamu hariiroo keenya Waaqayyo uumaa keenya waliin cimsuu fi karaa dubbii isaa isa irraa barachuu qabnaan dhaamsakooti.

Ayyaannii fi nagaan Waaqayyoo siif haa baayyatu!


Yaadota

One response to “Sababoota Kanaaf hin Fuudhiinaa / hin Heerumiinaa!”

  1. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Baay’ee gaariidha! Waan guddaan irraa baradhe. Ergaa guddaa dhuka cimaa of keessaa qabudha_Eeyyee dhuka.Cimaa!!!

Yaada kenni