Nuyi waraana abidda qulqulluu sanaati!
Namoota gatamoo, burjaaja’oo fi tuffatamoo Ayyaana Waaqayyoo karaa Gooftaa keenya Yesus Kristoosin mullifameen gara jireenya dhugaa fi kan bara baraatti waamamnee.
Akkuma sagaleen Waaqayyoo nu abboomu, utuu yeroon jiruu waan hojjechuu qabnu hojjechuuf walitti qabamnee jirra.
Bara kana keessa ammoo isumaan filatamnee baballina mootummaa Waaqayyo keenyaaf gargaarsa haa ta’uuf jecha ayyaana, ogummaa, dandeettii fi yeroo inni nuuf kenne fayyadamnee websaayitii kana uumnee ergaa Waaqayyo nu keessa kaa’e dabarsuuf hojjechaa jirra.
Yoo Waaqayyo jedhee jiraanne, barruleen as keessa jiran kun baayyinaa fi qulqullinaan dabalaa dhalootaa dhalootatti akka darbuuf hamma ayyaana Waaqayyo nuuf baayyate sanaa hojjechuu ittuma fufna.
Nagaa fi Ayyaanni Waaqayyoo isiniif haa baayyatu!
