Category: Jaalala
-

Abbaa Abbaa Caalu
Yeroon isaa gara jalqaba bara 1990 A.L.I ture. Ani immoo ijoollee reefuu milla hikkatee oliif gadii burraaqaa oolun ture. Maatii keenyaaf mucaa jalqabaa waanan tureef jaalallii fi walitti dhufenyi ani abbaa koof haadha koo wajjin qabu hanga har’aatti yeroon waa’ee sanaa yaadu kalleessa natti fakkaata. Ilma jalqabaa waanan taheef addumatti hariiroon ani abbaa koo waliin…
-

Jaalala Abbaa
Masaahikoo Matsumoto fi haati warraa isaa Mikiko bara 1990tti mucaa isaanii isa jalqabaa Yutoo godhatani. Haa ta’u malee, Yutoon erga dhalatee utuu hin turin dhukkuba sammuu, dandeettii qaamaa fi hubannoo isaa irratti dhiibbaa guddaa geessise qabaachuun isaa itti himame. Doktaroonni maatii Matsumoto Yutoon gonkumaa deemuu yookaan jireenya guutummaatti of danda’e jiraachuu akka hin dandeenye itti himan.…
-

Sababoota Kanaaf hin Fuudhiinaa / hin Heerumiinaa!
Gaa’elli dhaabbata qulqulluu ta’e, kan Waaqayyo ofii dhaabe ta’uu macaafni qulqulluu dhugaa baha. Kanaaf gaa’elli jalqabuma yaada Waaqayyo uumaati malee barbaacha namootaan kan jalqabe miti jechuu dha. Gaa’elli kunis kakuu dhiirrii fi durbi tokko bara lafa irra jiraatan hundatti wal-faana jiraachuuf fuula Waaqayyootti godhani dha (Uum 2:24, Mat 19:4-5). Gara yeroo gaa’elli inni jalqabaa dhaabametti…
-

Eenyuun Fuudhu? Eenyutti Heerumu?
Saayinsiin akka jedhuttii dhalli namaa guyyaadhaan yaada lakkoofsaan hanga 70,000 ta’an yaaduu danda’a.Gama dubbiitiin immoo namni tokko gidduu galeessaan jechoota 7,000 ta’an guyyaa tokkotti dubbachuu danda’a. Ragaa saayinsii kana irraa namni hanga afaaniin dubbatu caalaa sammuu isaa keessatti yaada inni qabutu heddummaata jechuu dha. Kanaaf fakkaata namnii murtoo tokko tokko murteessuuf waa’ee waan sanaa dursa…
-
Nama Isa Kam?
Gaaffiin, “Nama isa kam?” jedhu gaaffii gabaabaa namichi bariisaa seeraa (torah) ta’e yeroo tokko Yesuusiin gaafatee, deebiin Yesus gaaffii isaaf kenne immoo deebii hin eegamnee fi sammuu barsiisichaa fi namoota bakka sana turan keessaa baduu hin dandeenye ta’ee argamedha. Deebiin Yesus namichaaf deebise sun, jireenya keenya keessatti barumsa guddaa nuuf ta’a, akka yaada Waaqayyoottis akka…
-

Wanta hunda irra caalu…
Jaalalli hundumaa irra caala! Jaalala kee ibsachuuf qabeenya kee keessaa yeroon kee isa hundumaa caalaa gati jabeessa ati baasuu dandeessu dha. Sababni isaa ati yeroo murtaa’e duwwaa biyya lafaa kana irra jiraatta. Qarshii qabdu irratti dabalataan hojjechuun argachuu dandeesssa ta’a. Yeroo dabalataa jireenya keef argachuuf garuu hojjetachuu hin dandeessu. Namootaaf yommuu yeroo kee laattu qabeenya…
-

Waliin Dubbii Gaarii Gaa’ela Naga-qabeessaaf
Waliin dubbiin adeemsa namoonni lamaa fi isaa ol ta’anillee yaada, miiraa fi odeeffannoo ittiin wal jijjiiranidha. Kanaafi egaa yeroo waliin dubbatan sirna barbaachisa. Tokko dubbachuu, inni kaan immoo dhaga’uu duuba yaada kan isaati itti fufee dubbachuu qaba. Akkuma dubbachuun barbaachisaa ta’e wal dhaggeeffachaa waliin dubbachuun immoo baayy’ee barbaachisaadha.
-
Meetii Dhibba Sadii Isa Caalu Filadhu!
Kakuu haaraa keessa seenaan dubartii shittoo Albasxiroos fiddee mataa Yesuusitti dibdee tokko baayyee nama dinqa. Dubartiin kun seera hawaasaa yeroo sana ture cabsuudhaan tuuta nyaataaf walitti qabame bira deemuudhaan carraa sana argatte. Sana gochuu isheef miidhaan kamuu yoo isheerra ga’e, galata Yesuusiif jireenya ishee dhangalaasuuf murteessite. Urgooftuun gati-jabeessi sun gurguramee gargaarsa hiyyeessotaaf ooluu utuu qabuu,…
-

Gaa’ela Mudaa hin Qabne
Namni uumamuma isaan jireenya mudaa hin qabneef barbaacha jabaa qaba. Kun immoo jalqabumaa waaqni gaafa nama tolche mudaa malee, guutuu akka ta’utti waan tolcheef ta’uu mala.Gaa’elas dhaabbachuu yoo yaadu bultii gammachuun guute kan hir’ina hin qabne akka ta’uuf abjota.
-

Gosoota Jaalalaa Kanneen Quba Qabdaa Laata?
Jecha jaalala jedhu yeroo baay’ee miira hedduudhaaf haala garaa garaatiin maayii itti baana. Jaalalaaf kan hin geerariin yookaan hin faarsin jira jechuuf nama rakkisa. Jaalala jechi jedhu kun miira baay’ee wal-xaxaa kan qabuu fi jireenya dhala namaa keessatti bakka guddaa argate dha. Kanaafuu ergaawwan nama dadammaqsan, sirboota, geerarsa, waloo adda addaa fi faaruu hedduun katabamuu…
