Category: Fayyina

  • Ijikee Fayyaadhaa?Maatewos 6:22-23

    Ijikee Fayyaadhaa?Maatewos 6:22-23

    Iji keenya fayya buleessa taanaan dhagni keenya hundumtuu ifaan guutama, fayya buleessadha. Dhagni keenya ifaan guutuudha jechuun ammoo jireenyi keenyi ifaan kan guutame, nagaas qaba jechuudha. Jireenya ifaan guutamee fi nagaa qabu qabna taanaan nageenyii fi ifni jireenya keenyaa nurra darbee maatii keenya, hiriyoota keenyaa fi namoota naannoo keenya jiraniif illee eebba ta’ee irraa hafuu…

  • Waa’ee Yesus Kristoos – Ol-butamuu Isaa

    Waa’ee Yesus Kristoos – Ol-butamuu Isaa

    Yesus erga du’aa ka’ee booda guyyaa afurtamaaf akka isa arganiis ergamoota isaatti of mul’iseera. Sana booda garuu guyyaa tokko lafa isaan hunduu walitti qabamanitti otuuma isaanii waliin dudubbatuu, Yesus Gooftaan gara waaqaatti ol ol fudhatamuun isaanirraa adda bahe. Ergasiis deebi’ee isaan gidduutti hin argamne jechuu dha. Taatee kana booda namoonni kana argan fajajaniima waaqa keessa…

  • Waa’ee Yesus Kristoos – Du’aa fi Du’aa Ka’uu, Kutaa 2ffaa

    Waa’ee Yesus Kristoos – Du’aa fi Du’aa Ka’uu, Kutaa 2ffaa

    Du’aa Ka’uu Isaa Mee utuu kun isinirra ga’ee maal gootu? Namni isin bittaa warra Roomaa jalaa nu baasa ittiin jettanii amantan, akkasuma barsiisaa keessan ta’ee jireenyi keessan isaa wajjin qofa akka dhumu murteessitanii isa faana buutan harka jal’ootaatti dabarfamee reebamee caccabsamee utuu ajjeefame. Du’uun Kristoos bartoota isaatti miira shakkii, bitaa galuu, aarii, boo’uu, yeroon isaanii…

  • Waa’ee Yesus Kristoos – Du’aa fi Du’aa Ka’uu, Kutaa 1ffaa

    Waa’ee Yesus Kristoos – Du’aa fi Du’aa Ka’uu, Kutaa 1ffaa

    Du’uu Isaa Waa’een fayyisaa ta’uu Yesus ilma Waaqayyoo yeroo ka’u akkamitti akka fayyisaa ta’ee fi fayyisaa ta’uuf jecha maal akka inni hojjete gaaffii namatti ta’uun isaa hin hafu. Ofuma isaa Waaqayyo inni ta’e foon uffachuun dinqiin kan inni dhalate akkuma namoota kaanii jiraatee dulloomee du’uuf hin turre. Jireenyi isaa kaayyoo qaba ture, innis kaayyoo fannoo irratti…

  • Waa’ee Yesus Kristoos – Tajaajila Isaa

    Waa’ee Yesus Kristoos – Tajaajila Isaa

    Mucichi Yesus dhalachuun namootaaf misraachoo  erga ta’ee booda akkuma daa’ima kamii iyyuu Maariyaamii fi Yoseefiin kunuunfamaa in guddate. Isa kana hubachuuf immoo kutaa macaafaa armaan gadii ilaaluun nii danda’ama. “Yesus immoo Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture.” (Luq 2:52) caqasa dabalataas “Mucichi immoo guddachaa, jabaachaa, ogummaadhaanis guutaaadeeme, ayyaanni Waaqayyoos…

  • Waa’ee Yesus Kristoos – Dhalachuu fi Guddina Isaa

    Waa’ee Yesus Kristoos – Dhalachuu fi Guddina Isaa

    Waaqayyo jalqabatti Samii fi lafa, itti aansuunis ifa, dukkana, bishaanota, bineensotaa, simbirroota fi wanta lafarra jiran hunda erga uumee booda namas immoo in uume. Uumama kana hundumaa keessaa namni akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti uumame. Kunis immoo waanuma uumame hundumaa irratti ol-aantummaa akka qabaatuuf ta’e. Ergasii Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa ilaale, innis baayyee gaarii akka…

  • Kennaa fi Carraa Waaqayyo Nuuf Kenne

    Kennaa fi Carraa Waaqayyo Nuuf Kenne

    Akeekaa fi yaadni Waaqayyo ilma namaaf qabu namni hundumtuu tokkicha ilma isaatti amanee jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti. Ilmii namaa hundumtuu irra daddarbaa nama tokkoon tora jireenyaa keessaa bahee diina Waaqayyoo tahe. Inni kun immoo jireenya bara baraa dhabnee mootummaa dukkanaaf akka nuyi garba taanuuf akkasumas du’a bara baraaf akka nuyi…

  • Garaagarummaan Qulqullummaa fi Qajeelummaa Maali?

    Garaagarummaan Qulqullummaa fi Qajeelummaa Maali?

    Yeroo garaagaraatti macaafa qulqulluu keessatti jechoota irra deddeebiin argaman keessaa qulqulluummaa fi qajeelummaan adda duree dha. Garuu jechooti kun lamaan tokkuma moo garaagara? Kakuu moofaa keessattis haa ta’u kakuu haaraa keessatti jechooti kun karaa garaagaraa yommuu kaa’an ni argina. Qulqullummaaf qajeelummaan tokko miti. Hiikkaa addaa addaas sababa qabaniif jechoota kana hubachuun yaada waaqayyo dhala namaaf…

  • Utuu hin sooromin badhaadhaa ta’uu!

    Utuu hin sooromin badhaadhaa ta’uu!

    Eeyyeen ni danda’ama. Utuu hin sooromin badhaadhaa ta’uun ni danda’ama. Akkamitti isa jedhuuf deebii utuu hin kenniin dura garaagarummaan soorumaa fi badhaadhummaa gidduu akka jiru, garaa garummaan jirus baayyee guddaa akka ta’e hubachuun nu barbaachisa! Soorumnii fi badhaadhummaan yeroo baayye tokko nutti fakkaachuu danda’u, haasaa keenya keessattis wal keessa maknee jechoota kana fayyadamna. Yeroo tokko…

  • Macaafni Hunduu Waa’eekoo..

    Macaafni Hunduu Waa’eekoo..

    Eenyummaan Kiristoos guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti, Seera Uumamaa irraa kaasee hanga Mul’ata Yohaannisitti ni argama. Kakuun moofaa dhufaatii Kiristoos ilaalchisee raajii fi gaaddidduu hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’u; Kakuu haaraan immoo waa’ee jireenya isaa, barsiisa isaa, du’a isaa fi du’aa ka’uu isaa bal’inaan kan ibsudha. Yesus Kristos kutaa Macaafa Qulqulluu tokkoo tokkoo isaa…