Yeroo garaagaraatti macaafa qulqulluu keessatti jechoota irra deddeebiin argaman keessaa qulqulluummaa fi qajeelummaan adda duree dha. Garuu jechooti kun lamaan tokkuma moo garaagara? Kakuu moofaa keessattis haa ta’u kakuu haaraa keessatti jechooti kun karaa garaagaraa yommuu kaa’an ni argina. Qulqullummaaf qajeelummaan tokko miti. Hiikkaa addaa addaas sababa qabaniif jechoota kana hubachuun yaada waaqayyo dhala namaaf qabu sirriitti akka hubannu nu gargaaru. Hiikkaa jechoota kanaa irraa kaanee haa ilaallu.
Qulqullummaa (Holiness) kan jedhu eenyummaa, bakka, haala, meeshaa, nama, wantoota Waaqayyoof adda ba’e ta’uu ibsa. Hiikkaa qulqullummaa baruuf dursa hiika jecha kanaa afaan Ibiraayisxii fi Giriikii dursa itti macaafni qulqulluun barraa’een hubachuun gaarii dha. Jechi qulqullummaa jedhu hiikkaan isaa afaan Ibraayisxiitiin Qaadoosh jedhama hiikkaan isaas adda baasuu, qulleessuu, kan jedhu yommuu ta’u, macaafa kakuu moofaa keessattis Waaqayyo saba isaa saba biraa irraa adda naaf ba’aa, kan koo qofaa ta’aa jedhee itti hima. Kanas kutaa garaa garaa keessatti ilaaluun ni danda’ama. Macaafa keessatti;
Ani Waaqayyo qulqulluu akkuman ta’e isinis immoo qulqulloota ta’aa!
Seera Leewwotaa 19:2
jechuun saba Israa’el abbooma. Kunis tokkoffaan Waaqayyo uumama kam irraa, namoota irraa, waaqa tolfamoo, lubbuu kan qabaniif kan hin qabne hundumaa irraa kan adda ta’e ibsuun saba isaatiin immoo isinis akkuma koo, saba kaan irraa, cubbuu fi wantoota garaa garaa irraa adda ba’aa jechuun abbooma.
Kutaalee armaan gadii irrattis waa’ee qulqullummaa sirriitti argina,
“Ani Waaqayyo gooftaan keessan; ani qulqulluu waanan ta’eef, isinis of qulleessaa, qulqullootas ta’aa! “
Seera Leewwoota 11:44
“walitti lallabaniis, “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha.””
Isaayaas 6:3
“Yaa Waaqayyo, qulqulluun akka keetii tokko illee hin jiru; si malees kan biraan hin jiru; akka Waaqayyo keenyaas kattaa kan namaaf ta’u hin jiru.”
1 Saamu’el 2:2
Macaafa qulqulluu irratti akkuma barreeffamee jiru, argamuun Waaqayyoo bakka qulqulluu (kan adda ba’e) gochuu danda’a. Tulluunis haa ta’u bakki itti Waaqayyo ulfina isaa mul’ise qulqulluu ta’a. Namnis Waaqayyo kan inni fo’ate Waaqayyoof kan adda ba’e ykn qulqulluu ta’a. Kakuu haaraa irrattis immoo jechi qulqulluu jedhu yeroo baay’ee ‘Haagiyos’ jedhamuun kan hiikame yoo ta’u hiikkaan isaas kan qulqullaa’e, saba qulqulluu, saba adda ba’e, kan fo’ame jechuun hiika kanas kutaalee garaa garaa irratti ni argina.
Fkn: Yoh 17:11, 1 Phex 1:15, Mul 4:8, Ibr 10:10
Qajeelummaa (Righteousness) jechi jedhus kakuu moofaafi kakuu haraa bakka garaagaraatti si’a baay’ee barraa’eera. Hiikkaan isaas immoo karaa qajeelaa irra dhaabbachuu, eenyummaa sirrii ta’e qabaachuu jechuudha. Qajeelummaan eenyummaa dha. Eenyummaa namni waaqa irraa dhaaluu fi itti guddatu jechuudha. Fakkeenyaaf, Mucaan xiqqoon daa’ima ta’e tokko yommuu dhalatu eenyummaa namaa qabaachuun dhalata. Garuu sababa daa’ima ta’eef calliseema jiraateef nama guddaa ta’ee hin argamu. Gaafa nama guddaa ta’us eenyummaan nama ta’uu daa’ima sanaa hin jijjiiramu. Kanaaf, Nuyi Qajeelummaa Waqayyoo irraa hirmaanneerra. Namni yommuu gooftaa Iyyesuusitti amanuun lammata dhalatu fayyina bara baraa argata. Yerosumas hirmaattuu eenyummaa waaqayyoo kan ta’e, qajeelummaa argata. Mucaan daa’imni tokko garuu takkumaan ka’ee mudaa maleessa hin ta’u, deemsa hin beeku, maal akka godhu wallaaluu danda’a. Kana jechuun garuu nama miti jechuu miti. Beekumsa barbaachisuufi soorata barbaachisuun gara eenyummaa isaa isa sirriitti guddachaa adeema malee. Akkasuma Jireenyi kiristiyaanaa akkuma gooftaatti amanneen karaan keenyaaf daandiin keenya guutummaatti sirrii ta’a jechuu miti. Dubbii sagalee Waaqayyoo irraa argannuun itti guddachaa adeemna malee. Jechi kunis afaan Ibraayisxiitiin ‘Tsaadiyik’ jedha hiikkaan isaas qajeelaa, sirrii, karaa sirrii, kan jedhu bakka bu’a. kunis kutaalee armaan gadii irratti caqafamanii jiru. Far32:11, Far37:17, Far18:21
“Isin qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa ililchaas! Isin warri gara-qajeelonnis, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa.”
Faarfannaa 32:11
“Irreen jal’ootaa in caccaba, warra qajeelota garuu Waaqayyo qabaa isaa keessatti in eega.”
Faarfannaa 37:17
Kakuu haaraa irrattis immoo hiikkaan afaan Giriikii isaa ‘Dikaiosune’ jedha. Kunis, mudaa kan hin qabne, akka fedha waaqayyootti kan dhaabbate, Waaqayyoon kan simatame hiikkaa jedhu ibsa. Kunis, kutaa macaafaa keesssatti bakka garaa garaa irratti barraa’eera.
Yoh 16: 8, Rom 1:17, Rom 3:21-26, Rom 4: 3-13, 1Qor1:30, 2Qor3:9


Yaada kenni