Category: Amantii
-

Irraa Fagaadhu!
Waaqayyo keenya guddaa, sodaatamaa jaalalaa fi araaraanis guutuu Waaqa ta’e dha. Jecha namootaa fi hubannaa sammuu namaa gararraas waan ta’eef Waaqa kana akkana jedhanii himuun nama dhiba. Eenyummaa Waaqayyoo keessaa tokko jaalala dha. Jaalala isaa guddaanis namoota jaallachuun Waaqayyoo immoo ergaa wangeelaa isa duraati . Egaa Waaqayyo inni jaalala ta’ee fi namoota jaallatu kun karaa…
-

Waa’ee Koo Natti Himi!
An hiriyyaa maqaanshee Soorettii jedhamtun qaba. Harmeen Soorettii daa’imummaan boqotte. Sorettiin gaaffii fi gadda garaa qabdi. Ani eenyu? Maalifin uumameera? Maatiinkoo maalif na godhatan? haatikoo sababii maaliin boqotte? Abbaankoo na jaallata? Otuu na jaallata ta’ee maalif immoo ana guddisuuf hin jaallanne? Gaaffii jedhanii fi kanneen biroo namuu deebii quubsaa hin kenniifiin ofii dhiphatti. Sooretti, nama…
-

Mana Akkookoo
Manni jireenyaa baadiyaa kan namoota magaalaa irraa adda. Manni jireenyaa namoota baadiyyaa akkoofaa citaa irraa ijaarama. Daboon wal gargaaree, itti dhimmee miidhaksee dabareen mana walii ijaara. Yoo dulloome, yoo dhimmise wal waamee waliif supha. Manni akkookoos yeroo dheeraa dura haaluma kanaan ijaarame. Manni citaa kun yaadannoo an daa’imummaarraa kaasee qabuun guutuudha. Akkookoof immoo manni kun…
-

Yeroo Waaqayyoo
Yeroon Waaqayyoo yeroo keenya waliin garaa garummaa guddaa qaba. Al tokko tokko yeroon keenya yeroo Waaqayyoo nutti fakkaata, yeroon Waaqayyoo immoo yeroo keenya waliin tokko nutti fakkaachuu dhiisuu mala. Milkaa’umsi jireenya keenya irratti nuti argannu yeroo Waaqayyoo nutti fakkaata; yeroo wanta nuti hawwine tokko ta’uu didu ammoo yeroon Waaqayyoo waan hin geenyeef nutti fakkaata. Kana…
-

Seenaa Gabaabaa Luba Bal’inaa Saarkaa
Gooti wangeelaa Dr. Kabajaa Luba Bal’inaa Saarkaa, Haadha isaani Jabanee Lookoo fi Abba isaanii Saarkaa Dannoo irraa Fulbaana 12,1933 A.L.I Godina Wallagga Lixaa magaalaa Boojjii Dirmajjiitti bakka Amuumaa Eennaa jedhamutti dhalatan. Erga barumsa isaanii xumuranii booda hojii barsiisuutiin saba isaanii tajaajilaa turan. Bultii Waaqayyoof amanamu dhaabbachuun maatii horatanii ijoollee ja’a kan goodhatan yoo ta’u, gaa’ila…
-

Raafama Keessatti Tasgabbaa’uu
Xiyyaara humna qilleensaa Ityoophiyaa lakkoofsi balaliinsaa 704 kan tahe Finfinnee irraa ka’ee gara biyya bareedduu Awuroppaa kan taate Faransaayitti balalii erga jalqabee naannoo sa’atii lamaa ta’eera. Daangaa qilleensaa Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibxii tarsaasee darbee galaana Meditraaniyaa qaxxaamuruuf jechaa jira. Kutaa bal’aa Gulantaa Ikonomii (Economy class) keessaa lammiin biyyoota adda addaa gosa hojii mataa isaaniitiin qabamaniru.…




