Yeroo Waaqayyoo

Yeroon Waaqayyoo yeroo keenya waliin garaa garummaa guddaa qaba. Al tokko tokko yeroon keenya yeroo Waaqayyoo nutti fakkaata, yeroon Waaqayyoo immoo yeroo keenya waliin tokko nutti fakkaachuu dhiisuu mala. Milkaa’umsi jireenya keenya irratti nuti argannu yeroo Waaqayyoo nutti fakkaata; yeroo wanta nuti hawwine tokko ta’uu didu ammoo yeroon Waaqayyoo waan hin geenyeef nutti fakkaata. Kana yeroon jedhu Waaqayyo yeroo keenya hin kabaju jechuu koo miti; hata’u malee akkamiin yeroo Waaqayyoo isa sirrii eeguu qabnaree?

Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga’u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa

1 Pheexros 5:6

Kutaan dubbii Waaqayyoo kun akka nutti himu yeroo Waaqayyoo wanti jedhamu tokko jiraachuu isaati. Darbees akkaataa nuti yeroo sana eegganu nu hubachiisa. Akkaataan nuti itti yeroo Waaqayyoo eeggannus jireenya gad of deebisuu shaakaluu akka ta’e ifa godhee nuuf kaa’eera.

Hundi keenya jireenya keessatti waqtii adda addaa keessa darbina. Yeroon dhalachuu, yeroon du’uu; guyyoota boo’ichaa fi guyyoota kolfaa; guyyaa wantooti itti xumuramanii fi guyyaa wantooti haaraan itti jalqaban akka jiru dubbii Waaqayyoo Macaafa Lallabaa 3:2-8 irraa barachuu dandeenya. Gabaabumatti jireenyi biyya lafaa kun yeroo gaarii fi yeroo ulfaataa ta’een kan guutamedha. Hata’u malee, yeroowwan kana hunda gidduutti Waaqayyo yeroo hundumaa ijoollee isaa ilaalaa jira. Sunis si dabalata!

Abdii fi obsaan yeroo Waaqayyoo eeguun, waan hundumaaf yeroo hundumaa fuula Waaqayyoo duratti mudaa akka hin qabnee fi gaarummaa Waaqayyo isa barabaraa guutummaatti akka argannuu fi bira geenyu nu gargaara. Nuti guutummaatti to’annaa Waaqayyoo jala jirra.

Yeroo Waaqayyootti Maaltu Nuuf Ta’a?

Yeroo Waaqayyootti isa nuti isarraa dhageenyee fi abdiin eeggannu tokkotto nuuf ta’a. Utuu hin beekin ganama tokko misiraachoo haaraa dhageenya. Akka tasaa karaa nuti hin eegneen Waaqayyo isa dursee nuuf yaade sana nuuf raawwata. Yeroo Waaqayyootti kadhati keenya yeroo dheeraa akka jaalala Waaqayyootti nuuf deebi’a. Yeroo Waaqayyootti waan jireenya keessatti nuti kana dura hin shaakalle tokkotu jalqaba.

Yeroo Yeroo Caalu

Waaqayyo abbaan keenya abdii hin moofofnee fi hin dabarre nuuf kennee jira. Innis abdii jireenya barabaraati. Abdiin nuuf kenname kun amanamaadha, nu hin yellaasisus. Biyyi lafaa kun guutus hir’atus, kan hin hir’annee fi gadi dhumaa hin adeeemne garuu abdiin biiftuu olii tokko jira. Innis gara mirgaa abbaa, Kristoos wajjin taa’uudha. Kunis amantoota hundumaaf yeroo Waaqayyoo isa hundummaarra caaluu fi abdiin eegamu dha.


Yaadota

11 responses to “Yeroo Waaqayyoo”

  1. Gemechu oljira Avatar
    Gemechu oljira

    Very good

  2. Teka Asefa Avatar

    Baayee namatti tola

  3. Dawiti Yaadasaa Avatar
    Dawiti Yaadasaa

    Ergaawwan akkasii dhalootaf jijirama fidu akka danda’au amsnsmadha kanaf yeroo gara yerootii nu qaqabsisa

  4. Obsaa Lammii Avatar
    Obsaa Lammii

    Dhaloonni danuun isiin irraa barnoota argacha jira.
    Gooftaan bara keessaan haa eebbisuu!

    1. David Ayele Avatar
      David Ayele

      Baay’ ee gariidhaa itti fufii

  5. Gelana Doji Desalegn Avatar
    Gelana Doji Desalegn

    Galaanaa bara jireenya Koo keessatti wantoota baay’ee namatti tolu argeera haa ta’u malee kan bara kana adduma

  6. Dubbisnee irraa hubannee ittiin gara waaqayyoo ilaalle inni guddaan yeroo ofii keessatti yeroo waaqayyoo eeguudha waan abdataniif baay’ee eebbifama!

  7. Milkesa Dekama Avatar
    Milkesa Dekama

    Gaariidha

  8. Tesfaye fufa Avatar
    Tesfaye fufa

    Baaye natti toleera barumsa guddan argadhe ebbifami

  9. Abarraa Gammachuu Avatar
    Abarraa Gammachuu

    baaye nati tole jiraa barusaa kana irraa wani bayeen hubadhee galatomaa

  10. Warquu taaffaasaa xaafaa Avatar
    Warquu taaffaasaa xaafaa

    Bayyee ebbiffaamaa ergaa guudaa qabaa

Yaada kenni