Gaa’ela Mudaa hin Qabne

Namarraa fi Eebbiseen bultii erga ijaarratanii har’a waggaa sadii guute. Waaqayyos mucaa ilmaan isaan eebbisera. Gaa’elli isanii garuu bifa lama waan qabu fakkaata. Namoonni alaan isaan ilaalan yeroo isaan harka wal qabatanii kokkolfaa adeemanfaa waan arganiif “bultii eebbifamaa. Kun uggum kan Abrahaamiii fi Saaraati!” jechuun dinqisiifannaa isaanii dubbatu. Dubbiin kun garuu Namarraa fi Eebbisee biratti waan biraati. Guyyuma guyyaan wal falmuun, walitti bu’insi isaan gidduutti uumamuun gaaffii fi mamii hedduu kaaseera. Lamaan isaanii iyyuu gaa’elli isaan eegan tasuma waan akkas cinqii fi aariin guutame hin turre. Wal fuudhuu isaanii duras waldaan isaanii barsiisa gaa’elaaf qopheessuun yoo barsiistu waan amma jiraatan kana itti hin agarsiifne. Fakkii isaan gaa’elaaf qaban caalaatti miidhaksees waan isaan keessa kaa’eef wanti isaan eegaa turan waanuma mudaa hin qabnee fi gammachuun guute tokko ture.

Har’a garuu sun hunduu abjuu waan ta’e fakkaata. Waama guddaa fi xiqqaatu falmiitti isaan galcha. Filannoon isaanii, ilaalchi isaan waantotaaf qabanillee gargar ba’uun madda wal dhabdee ta’eera. Kanaafi egaa Eebbiseen, “anaaf ati nama waliif uumame miti. Murtoon walfuudhuuf goone sun tasuma dogoggora ture” Jetti. Innis kana yeroo dhaga’u “maal akkam akkam haasofta? An dubartittii ogeettii macaafni dubbatuuf sana jedheen si egaa ture. Ati garuu anaaf kabajas hin qabdu. Ofumaa waldaa dhaqxa malee dubbii Waaqaa isa abbaa manaaf bitami jedhus hin jiraattu” Jechaa komii isaa itti roobsa. Isheenis, “ati isa kam akka Kristositti na jaallattaafan sii bitamaree silaa?” jechuun aariin deebistiif.  Jeequmsi kun hundi yeroo hiriyyummaan turanis ta’e tibba bultii dhaabbatan gara duraa sana hin turre.

Har’a Namarraa fi Eebbiseen namoota wal hin beekne walitti fakkaatu. Dhugaan jiru garuu amalli isaan qaban hundi kan har’a dhufe miti. Garuu jalalleen lamaan kun jaalalaan machaa’anii waan turaniif addaa addummaa isaan qaban akka arganiif yeroo iyyuu hin arganne turan. Dabalataanis gaa’elaafis ilaalchi isaan qaban turan dhugaa lafa jiru irraa fagoo ture. Kanaaf haala argamu kanaan gaa’elli dargaggoo lamaan kanaa rakkoo namni alaan arguu fi furuu hin dandeenye, isaan immoo wal’aansoo ittiin qaban keessa seenee jira.

Ga’ellii Mudaa hin Qabne Jira Jettee Amanta? Akka Fakkeenyaatti hoo Gaa’ela Ati Fudhattu Jira?

Namni uumamuma isaan jireenya mudaa hin qabneef barbaacha jabaa qaba. Kun immoo jalqabumaa Waaqni gaafa nama tolche mudaa malee, guutuu akka ta’utti waan tolcheef ta’uu mala. Gaa’elas dhaabbachuu yoo yaadu bultii gammachuun guute kan hir’ina hin qabne akka ta’uuf abjota.

Gaa’ela wanti jedhamu jalqabumaa yaadaa fi karoora Waaqayyo isa hundumaa danda’uuti malee kan namaa miti. Waaqni Addaam, namticha jalqaba uume sanaaf haadha manaa gargaartuu taatuuf tolchee kenneef. Egaa bultiin harka Waaqaan tolchame kun mudaa malee ture. Booda garuu erga isaan cubbuu hojjetanii isaanuma waliif akka ta’anitti tolchaman gidduutti wal komachuu fi wal himachuun uumame. Sanuu fuula Waaqa isa isaan tolcheetti Addaam haadha manaa isaa kanaa fi Waaqa isa isheedhaan tolcheef sanallee yoo komatu argameera. Dhalli namaa har’a illee barbaacha bultii hir’innii fi rakkoon keessa hin jirre argachuuf qabu sana hin dhiisne. Kanumaaf “ati kan kooti Waaqatu naaf si uume jedhee waliin deemsa jalqabee; bulee lakki nan dogoggore” jechuun yoo wal hiiku argama. Dhala namaa hir’ina baay’ee qabuu fi addunyaa mudaan guuttee kanaaf bultiin homaa wal-dhibdee hin qabne hin jiraatu.

Akkuma beekamu gaa’elli jaalala dhiiraa fi durba giddutti uumamu irra dhaabama. Jaalalli kun garuu kan Waaqayyooti waan ta’eef jabaa dha. Nama akkam jabaadha ofiin jedhu kamuu nii jilbeeffachiisa. Jaalalleen jaalalaan qabaman lamaanis wal hin quufan. Guyyaa guutuu wal faana ooluun, bilbilaanis ta’e carraa argame kamiinis yeroo dheeraaf haasa’aniillee wal nuffuu dadhabuun jaalalli waan addaa ta’uu nutti mul’isa. Yeroo kana egaa jaalalleen lamaan jaalalaan machaa’anii yoo argaman yoomuu kan wal dhiban hin fakkaatan. Jaalalli ho’aan tibba duraa sun carraa wal loluu fi addaa addummaa walii illee ilaaluu namaaf hin kennu. Kanumarraa ka’un gaa’elli namoota baay’ee wal jaallatan gidduutti uumamu akkuma yeroo hiriyyummaan turanii gammachuun guutuu ta’a jedhamee kan egamuuf. Waan nama dhibu garuu yeroo booda waan kun jijjiiramee argama. Namoonni wal hin quufne, waliif du’uufuu lubbuu ofiin waliif kakatan kun wal loluu, wal aarsuufaa eegalu. Akkuma seenaa gabaabaa armaan oliitti argamu irraa hubannu gaa’elli jaalalleewwan baay’ee haala hin eegamne keessa seena.  Kana irraa ka’uunis egaa gaa’elli mudaa hin qabne hin jiru kan jedhamu sun dhugaa ta’uu hubanna. Macaafni qulqulluus akkuma dubbatu namni mudaa hin qabnes hin jiru. Caalaamatti iyuu namni cubbamaa fi dadhabaadha jedhaan (Mar 10:18, Rom 3.23).  Bultiin nama akkanaan ijaaramu immoo karaa kamiinuu mudaa maleessa ta’a jennee eeguun gowwummaa dha.

Yesus immoo, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru..

Maarqos 10:18

Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera

Roomaa 3:23

Gaa’ela Mudaa Hin Qabne Tokkicha

Gama biraan immoo gaa’elli qulqulluu fi mudaa malee ta’e jira. Eeyyeen jira! (Mul 19:7). Inni kun gaa’ela yesus ilma Waaqaa fi waldaa inni dhiigasaan oolfateeti. Inni kun cidha hoolichaa isa jedhame dha. Kristaanonni misirroo Kristos ilma Waaqaati. Kristos immoo dhirsa misirroo dha. Tokkummaan Kristosii fi waldaa kun gaa’ela dhugaaf qulqulluu isa mudaa hin qabne sana dha.

Gaa’elli mudaa malee ta’e jira; Innis kan Kristosii fi Waldaa isaati!

Gaa’elli dhiiraa fi durba tokkoon ijaaramee lafarratti arginu kun gaaddidduu gaa’ela qulqulluu fi mudaa hin qabnee kanaa ta’uu isaati; qaamni dhugaa gaaddiduu kanaa immoo dhufuuf jira. Kanaaf inni gaaddidduu ta’e kun hir’inaa fi mudaa baay’ee qaba. Dhiphinaa fi dadhabbii hedduunis qorama. Namni “gaa’elli salphaa dha, lafa gammachuuma duwwaan jiraatani.”siin jedhus yoo jiraate in soba. Garuu namoonni bultii dhaabbatan lama bultii gammachuu fi nagaa qabu, yeroodhaa gara yerootti miidhagaa adeemu qabaachuu danda’u. Bultii nagaa qabeessa uumuuf immoo jalqaba irratti Waaqayyo isa gaa’ela uumetti dhiyaachuun waanta Inni uume kana hubachuun gaarii dha. Itti dabalatee immoo itti dhimmuun bultii sanarratti hojjechuu, wal dhabdee uumamu kamuu haasahuun furuu, yoo balleessan dhiifama gaafachuu fi waliif dhiisuu, obsaan irra waliif darbuu faa’a gaafata. Dhama’a kanatu gaa’elli mudaa qabu gara isa mudaa hin qabne sanaatti guddachuu fida. Namni hunduu dhugaa gaa’elaa kana yaadaan qabee gaa’elaaf of qopheessuu qabaan dhaamsa dhumaati.

Kottaa in gammannaa, in ililchinas! Maqaa isaas in guddifna! Guyyaan gaa’ela hoolichaa ga’eera, misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti !

Mul’ata Yohannis 19:7


Yaadota

2 responses to “Gaa’ela Mudaa hin Qabne”

  1. waaqayyoo si haa eebbisuu+++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++

  2. Firiinbeek Kibabu Mame Bikila Avatar
    Firiinbeek Kibabu Mame Bikila

    Waaqayyoo bara fi Jireenya kee haa eebbisuu dhugaa baayeen irraa baradhee baayeen itti eebbiffamee waaqayyo bara jireenya kee hafee siif haa eebbisuu jechaa itti nuf dabalii

Yaada kenni