Meetii Dhibba Sadii Isa Caalu Filadhu!

Kakuu haaraa keessa seenaan dubartii shittoo Albasxiroos fiddee mataa Yesuusitti dibdee tokko baayyee nama dinqa. Dubartiin kun seera hawaasaa yeroo sana ture cabsuudhaan tuuta nyaataaf walitti qabame bira deemuudhaan carraa sana argatte. Sana gochuu isheef miidhaan kamuu yoo isheerra ga’e, galata Yesuusiif jireenya ishee dhangalaasuuf murteessite. Urgooftuun gati-jabeessi sun gurguramee gargaarsa hiyyeessotaaf ooluu utuu qabuu, dubartiin kun Yesuusiin dibuudhaan akka waan qisaasessiteetti ishee hadheessan namoonni achi turan tokko tokko.

Yesus garuu, “Ishee dhiisaa! Maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu, ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan. Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhagna koos duraan dursitee awwaalaaf dibdeetti. Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama” jedhe.

Marqoos. 14 :6-9

Baroota kuma lamaan darbaniif dubartiin kun biyyoota wangeelli gahe hundumaa keessatti, qomoo adda addaa biyya lafaa kanarra jiran keessatti jireenyi ishee jireenya fakkeenyummaa gaarii qabu jedhamee himamaa tureera, itti fufees ni himama. Dhoksaan tokko garuu seenaa barootaaf dubbatamee kanaa duuba jira. Dubartii kanaaf waan tokkotu isheef ifee ture, innis meetii dhibba sadii yeroo sanatti waan lafarraa baayyee guuttachuuf nama gargaaru irra Yesus akka caaludha. Meetiin dhibba sadii sub jireenya isheen lafa kanarratti qabdu keessatti waan baayyee gochuufii dandaha ture; hata’u malee isa Yesus isheef gochuuf jedhurra akka hin caalle galeefii ture. Yesus bira maallaqaan waan isheen gabaarraa bitachuu hin dandeenye tokko akka jiru keessi ishee itti himee jennaan murtoo cimaa akkasii gochuuf ija jabina argatte jechuudha.

Yesuusif isa caalchifattu malee isa tuffattu hin fidin! Isuma gaarii sana, waan qabdu keessaa isuma waan baayyee sii gochuu danda’u sana fuudhii miilla Yesus jala ulfina isaaf kaa’ii deemi! Yeroo sana waan gabaa deemtee ati bitachuu hin dandeenye isa biraa argachuu dandeessaatii. Nagaa, boqonnaa, aara galfii, tasgabbii, gammachuu dhugaa si jilaa hatamuu hin dandeenye Gooftaa biraa qofa argachuu dandeessa. Ati garuu isatti of hin qusatin; innoo lubbuu isaayyuu dabarsee siif kenneerawoo. Hammuma ati of isatti qusatte, isa biraa waan siif ta’uuf danda’u yookin siif kennamuu danda’u ofirraa ittisaa deemta waan ta’eef, jireenya oolfachuuf jecha of hin qusatin.

Gorsa obbolummaan ergaa koo kana ittiin goolabus isa kana; haalota adda addaa jireenya kee marsanii jiran garaagaraa keessatti jireenya kee akka urgooftuu gati-jabeessaatti kabaja Yesusiif aarsaa godhii dhiyeessi, isatti of hin qusatin, innoo sitti of hin qusatu waan ta’eef.


Yaadota

Yaada kenni