Mana Akkookoo

Ijoollummaakoo irraa kaasee kanan guddadhe akkookoo biratti. Akkoonkoo magaala abbaa fi haatikoo jiraatan irraa baadiyyaa adeemsa lafoo kan sa’aa afurii hanga shanii fagaatu keessa jiraatti. Yeroo isheen ofitti na fudhatte an dhaladhee daa’ima waggaa sadii akkan ture natti himteetti. Yeroon of barerraa kaasee yaadannoon an qabu marti jaalalaa fi kunuunsa akkoonkoo anaaf gooteen guutuu dha. akka malee qanansiistee na guddisteetti. Kanaaf anillee jaalalaa fi kabaja hammana hin jedhamnen qabaaf.

Manni jireenyaa baadiyaa kan namoota magaalaa irraa adda. Manni jireenyaa akkoofaa citaa irraa ijaarama. Daboon wal gargaaree, itti dhimmee miidhaksee dabareen mana walii ijaara. Yoo dulloome, yoo dhimmise wal waamee waliif supha. Manni akkookoos yeroo dheeraa dura haaluma kanaan ijaarame. Abbaankoo akkuma waadaa galeefii turettis manni akkoo awwaaraa fi biyyoon akka hin faalamne muka soofameen miidhakseef. Kana duwwaa miti keenyan mana citaa keenyaa maragamee erga xumurameen booda halluun faayameera. Meeshaalee manaa kanneen akka taa’umsaa, minjaalaa, siree irra ciisanis abbaankoo ogummaa hojii mukaa qabuun nuuf hojjete.  Egaa jechuma salphaan manni akkookoo mana olloota keenyaa kamuu irra mana miidhakfamee ijaarame dha. Kana cinaattuu manni citaa akkoo yaadannoo gaggaarii bara durii, kan guyyoota gammachuu hedduun guutuu dha.

Haaluma kanaan otuu jiruu yeroo dheeraa booda baadiyyaa kanaaf daandiin konkolaataa akka bahuuf murteeffame. Daandiin bahu kunis baadiyyaa biyya akkookoo fi magaala abbaankoofaa jiraatan walitti fiduufi. Murtoo kanaan boodas toorri karaa sanaa ogeessotaaan erga murteeffamee booda manoota, maasii qonnaa, tulluu fi dachaanillee otuu hin hafiin karaarraa kaafamuu jalqaban. Daandiin konkolaataa baafamuun kun rakkoo baay’ee waan furuuf namoota baadiyyaa kanaaf oduu gammachuu guddaa ta’e. Namoota manni isaanii sababa daandiin irra darbuuf akka kaafaman itti murameef garuu oduu gaddisiisaa ta’uu hin oolle. Maatii baay’eetu mana citaasaa jaallatu diigamuuf dhiise. Egaa mana citaa akka diigaman itti murteeffame keessaa tokko mana citaa akkookoo kan akka malee aniif akkoon jaallannu sana ture.

Manni citaa kun yaadannoo an daa’imummaarraa kaasee qabuun guutuu dha. Akkookoof immoo manni kun mana citaa qofa miti; Kuusaa yaadannooti malee. Bara jaalalaan akaakayyuukoo waliin jiraatanii ijoollees qabeenyas itti horatan hundaa mana citaa kanaan yaadatti. Egaa mana kana kan diigamuu qaba nuun jedhan.

Akkasitti murtoon ogeessota karaa sanaa akka malee maatii fi ollaa jeeqe. Mana ofii oolfachuuf namnuu wanti hin goone hin qaban. Garuu dubbiin hiika dhabde. Yeroo waan kun hunduu ta’u garuu, waan nama ajaa’ibu, namni badaama hin jeeqamne akkookooti. Eeyyeen haati mana citaa miidhagduu sanaa, akkoonkoo tasgabbiin turte. Haallishee nu maraafuu gaaffii ture. “maaltu akkoo tasgabbeesse? Mannishee diigamuuf jechuun isheen dhibu?” Jedha namni haala ishee walii wallaalee. 

Erga kun murtaa’ee boodas guyyaa tokko firrii fi ollaan dubbii kana gurraa qabu hunduu Akkookoo hubachuuf akka dhufan nan yaada dha. Booda galgalli gahee firrii fi ollaan dhufan hundi irbaataaf walitti sassaabame. Firri wal yaade, ollaanis irbaata booda haasaa jalqabe. Haasaan haasaa dhalee booda gaaffiin namni marti ofiin of gaafachaa ture akkookoof dhiyaate. “Aaddee, dubbii mannikee diigamuu kana yeroo dhageesse akkamiin gabiimaan simatteme? nuyi marti baay’eema jeeqamta jennee yaaddofnee turre. maalimee dubbiin kun?” Abbaakootu gaafate. Akkoon waan jettu dhaga’uufis amma namni hunduu gurra qeenseera. Akkoonis tasgabbiin dubbii eegalte. “ ani erguman Yesus Kristosiin amanee akkaataan an waa itti hubadhu geeddarameera. Wantan dur dhimma itti kennu baay’eefis dhimma dhabaan dhufe” Jette. Itti dabaltees, “yerooma tibba duraa mannikoo akka diigamuu danda’u dhaga’e sana xiqqoo jeeqameen ture. Kadhachuus naaf wayya jedheen Waaqakoo kadhachuu eegale. Boodas otuma kanaan jiruu Waaqayyo karaa abbaa wangeelaa keenya Tolaa dubbii sagalee isaan waa na hubachiise. Ergaan sunis nuyi lafa kanarraa qabeenya dhaabbataa akka hin qabnee fi foon keenya nuyi amma keessa jiraannullee otuu hin hafiin akka asuma lafarratti hafu dha. Waaqa waliin jiraachuuf akkuma amanne sana mana citaakoo mitiitii foonkoo kanayyuu dhiisee godaanuf akkan jiru na hubachiise. (2 Qor 5:1 irraa kaasee dubbii jiru sana kan akkoon kaaste). Ergan gaafa sana dhaga’ee anoo manakoof mitii qaamakoo kanaafuu yaadda’uu nan dhiise. Du’a namni akka malee sodaatuyyuu an sodaasaa ergan dhiisee bubbuleera” jechuun gammachuu keessashee seequun nutti mul’ifte.

Lafa kanarraa qabeenya dhaabbataa hin qabnu, qaama keessa jiraannu illee gaaf tokko dhiisnee adeemna!

Firrii fi ollaan mana guutee jiru sun fajajeema akkoo ilaalaa jira. Hunduu akka dinqisiifamuu, akka itti bitaachahuus walii wallaaluun irraa dubbifama. Dubbiin akkoo garuu warra Gooftaa Yesusiin amananii jiraniif, warra hin amaniin turaniifis dubbii jabduu lafee namaa waraantu waan taate fakkaata. Haala kanaan akoonkoo gabii ofii qabaatteen nama baay’ee immoo gaaffii fi jeeqama yaadaa keessa buuste. Haasaan ishee akka qimmiiddaa wayiittis warra amananii jiran baay’ee hirribaa dammakse.

Akkuma yaadametti manni akkoos diigamee karaan erga irra ba’ee har’a waggaa baay’ee lakkoofsiseera. Haa ta’u malee seenaan mana citaa akkoo diigamuu fi taateen yeroo sana turee marti akka waan kaleessa ta’eetti natti yaadatama. An bara sana hammamuu ijoollee yoon tures wanti akkoon jette sun bu’aa bayii jireenyaa na mudatu keessatti jajjabina anaaf ta’eera. Dubbiin Waaqaa inni dhugaan yeroo haalli nu jeequ illee nagaa fi tasgabbii nuuf kennuuf humna qaba.

Walumaa galatti kristaanni Yesusiin amanatee jiru egaa jireenyaa fi abdii lafa kanarra darbu qaba. Akkuma dubbiin Waaqayyoo Filiphisiiyus 3:20 irratti jedhus eenyullee Yesus Kristosiin kan amanu yoo ta’e lammii Waaqarraa ta’uu nutti hima. Lammiin Waaqarraa kun immoo gaaf tokko gara biyya isaatti deebi’uun hin oolu. Kanaaf bara keessummummaan lafa kanarra jiraatu hunda akeekkatee, hubannaan jiraachuutu irra jiraata.

Nuyi garuu nama biyya waaqa irraati; Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achii nuuf dhufa jennee eegganna.

Filiphisiiyus 3:20

Ayyaanaa fi araarri Waaqayyoo si’iif haa baay’atu!


Yaadota

3 responses to “Mana Akkookoo”

  1. Naga Daba Avatar
    Naga Daba

    How can subscribe to your articles updates?

    1. Hi!
      We haven’t yet announced the blog yet and we would do that in a few of months once we reached our goals for that to happen! Article subscription would follow that. Thank you for being interested to read our articles!

  2. waaqayyoo abbaan caalaatti issiin haa eebbiisuu!

Yaada kenni