Raafama Keessatti Tasgabbaa’uu

Xiyyaara humna qilleensaa Ityoophiyaa lakkoofsi balaliinsaa 704 kan tahe Finfinnee irraa ka’ee gara biyya bareedduu Awuroppaa kan taate Faransaayitti balalii erga jalqabee naannoo sa’atii lamaa ta’eera. Daangaa qilleensaa Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibxii tarsaasee darbee galaana Meditraaniyaa qaxxaamuruuf jechaa jira.

Kutaa bal’aa Gulantaa Ikonomii (Economy class) keessaa lammiin biyyoota adda addaa gosa hojii mataa isaaniitiin qabamaniru. Namoonni tokko tokko viidyoo teessuma irra jiru banachuun fiilmii filatan ilaalu, tokko tokko immoo jajallatanii haala hin mijanneen hirriba isaanii tumu, kaan immoo mana fincaanii seenanii bahu. Keessummeessitoonni humna qilleensaas hojii isaanii raawwachaa oliif gadi jechaa jiru.

Xiyyaarichi olka’iinsa lafaa kophee Kuma Soddomii Saddeetiin, otuma tasgabbiin balali’aa jiruu akkuma tasaa baalleen xiyyaarichaa haala ajaa’ibaan raafamuu jalqaban. Yerooma sana xiyyaarichi akkuma qabee aannanii raafamee dhadhaan keessaa bahuu raafamu jalqabe. Akkuma yeroo dha’ichi wayii mudatu keessummeessitoonni humna qilleensaa namoota sosocho’an teessisuuf oliif gadi fiiguu jalqaban. Xiyyaarichis akkuma konkolaataa karaa dhagaa xixxiqqaa irra ariitiin deemuutti otuma raafamuu akka tasaa haala laphee nama butuun ol ka’iinsa isaa gad dhiisuun gadi deemuu jalqabe. Karaa harka koo mirgaa kan taa’e umurii giddu galeessaa irratti kan argamu nama lammii Ityoophiyaa kan ta’e amma amma gara galaanaatti gadi darbatamna miira jedhuun sodaan dhiphateera. Wanti akka dafqaa adda isaa irratti kuufamee ture bukkee isaan gadi dhangala’uu jalqabeera.

Asoosama dubbisaa tures jilba isaa irra kaa’ee qabannoo teessuma bitaaf mirgaan jiran jabeessee qabateera. Saqii (belt) teessuma irra jiruu irra deddeebi’ee jajjabeessaa ture, sodaan inni qabu akka irratti hin baramneef yaalus garuu isarratti beekama ture. Xiyyeeffannoo isaa sochii xiyyaaraa irra waan godheef tokkoon tokkoo sochii jiruu akka isaa jeequ fuula isaa irraa in dubbifama ture. Yeroo muraasa booddee karaa sagale-guddiftuu xiyyaarichaa sagalee tasgabbaa’aan tokko darbuu jalqabe “kabajamtoota imaltoota keenyaa akkam jirtu? Kutaa balala’iinsaa keessaa ani hoogganaa balala’insaati. Akkuma argitan yeroo muraasaaf qilleensa hin mijanne kessa darbaa jirra, haalli kunis yeroo murtaa’aaf itti fufa. Kanaafuu gara teessuma keessanniitti deebitanii akka saqii keessan jabeeffattan isinin hubachiisa. Yeroo muraasa booda qilleensa mijataa kessa akka balaliinu abdiin qaba imala gaarii!” jechuun Amaariffaa fi Ingiliffaan dubbate.

Namichi na bira jiru kun erga xiyyeeffannoo isaa dubbii hogganaa balal’iinsaa (captain) irra godhee booda haalli isaa jijijirameera, hammam xiyyaarichi haa raafamullee malee namicharratti garuu tasgabbiin in mul’ata.

Iccitiin tasgabbaa’uu isaas xiyyeeffannoo isaa wanta raafamu irraa kaasee dubbii tasgabbaa’aa hogganaa balala’insaa (captain) irra gochuu isaati. Dubbiin hoogganaa balala’insaa (captain) inni ijaan hin argin dubbate sun raafamuu xiyyaaraa otuu hin jijjiirin tasgabbaa’uu namichaaf sababa taheera.

Har’as karaa jireenyaa irra deemnuun wantoota rakkisoo keessa darbaa jirra taha, laphee kan dadhabsiisu, wantootni yaada namaa jeeqan nu mudatuu laata? Keessa keenyatti sagaleen hasaasaa waa’een kee raawwateera, waa’een ishee raawwateera nuun jechaa jiraa laata? Nutoo, xiyyeeffannoo keenya naannoo keenyaa wanta raafamu irra goonee jirraa laata? Mee xiqqoo dhaabbannee jireenyi keenya hoogganaa tasgabbaa’aa qabaachuu isaa haa mirkaneessinuuf.
Xiyyeeffannoo raafamuu wantootaaf kennine sana kaafnee hoogganaa balalii jireenya keenyaa kan tahe sagalee fi dubbii hafuuraa Yesus Kiristos irra haa goonu, sagaleensaa nagaa kan kennu, jireenya kan tasgabbeessu, boqonnaa fi haara galfii kan kennudha. Xiyyeeffannoon haa dhaggeeffannu, kan inni jedhus haa goonu, yommus raafamuu keessatti tasgabbiin jiraanna.


Dubbisaa dabalataaf:-Farf 46:10 isay 30:15 yoh 27:28


Madda: Kitaaba “Effoytaa” – kan Yared Tilahun fuula 78,79


Yaadota

Yaada kenni