Yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!

“Wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba’uuf, yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!”
— Fak. 4:23

Bara durii magaalonni dallaan marsaamu ture. Dallaan isaaniis eegumsa magaalaatiif akka waardiyyaa ture. Dallaan isaan ijaarrattan, diina alaatii itti dhufu irraa ittisa ture. Haata’u malee qaama seeraan seenuu barbaadu immoo seeraan sakkata’uun ol-seensisu. Wantoota balbala magaalota durii irratti raawwataman keessaa fakkeenyaaf namni qaraxa mootummaa hin kaffaliin hamma kaffalutti hin seenu ture, akkasumas namoonni magaalaa isaanii balaaf saaxiluu danda’u jedhamanii shakkaman seenuun hin eeyyamamuuf ture.

Nus egaan har’a akka magaalotni durii kun of eeguuf jecha dallaa ofitti ijaaran, tooftaalee seexanni jireenya keenya walitti dhufeenya nuti Waaqayyoo wajjin qabnuttii addaan nu baasuuf itti fayyadamu irratti dammaqnee of eeguuf
dallaa ofitti ijaaruun murteessaa dha. Jireenyi lama qofaatu jiraa, isaanis jireenya bara baraa ykn du’a bara baraa dha. Kanaaf kiristaanotaa, jireenyi filannoodha. Kanaafuu Waaqayyoo wajjin jiraachuu yoo barbaadne wantoota Waaqayyottii adda nu basaan yookin hariiroo nuti isa wajjin qabnu nu jalaa miidhan halaalatti ofirraa fageessuu irratti dammaqnee qabsaa’uutu nurra jiraata.


Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas,
jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba’a malee, abbaa biraa hin ba’u.

Kaayyoon seexanaa inni guddaan jireenya biyya lafaa kanatti yaada namootaa hidhuudhaan yaadni sammuu namootaa wanta biyya lafaa kanaa, wanta darbu ykn jireenya Waaqayyoo tasumaa itti hin gammadne irratti xiyyeeffachiisee jireenya bara baraa nama dhabsiisuudha. Kanaafuu gowwomsaa seexanaa adda baafachuun yaada ofii wanta Waaqayyo jaallatu yaaduutti hidhuutu nurra jiraata. Yaadota biyya lafaa keessaa maddanii yaada namootaa dogoggorsan keessaa kaanee ijoo kan tahan sadan kana hubachuun barbaachisaadha. Isaanis,

1. Hawwii foonii

2. Hawwii ijaa

3. Jireenyaan kooruu

Namni kaayyoo uumamuu isaa isa dhugaa yoo hin beekne, kiyyoo biyyi lafaa keessu jaalala hamaa isheetiin qabamee yaada dhugaa fakkaatu kan dhugaa of keessaa hin qabnetti yaadaan michooma.

“Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru .”

Jireenyi namaa bu’aa yaada garaa isaati!

1. Hawwii foonii
Biyyii lafaa Namoonni yaada isaanii fedhii foonii isaanii galmaan gahachuun gammachuu kan argatan itti fakkeesiti, kanaaf namoonni gammachuu kan argaatan feedhii foon isaani guutachuun jedhanii yaadu irra kan ka’e araada adda addaa keessa seenuun wanta miira ofii isaanii hawwatu kanneen akka nyaataa, dhugaatii, uffata fi wal qunnamttii miiraa argachuu qofa irratti akka xiyyeeffatan taasistii , garuu namni uumamaan fedhiin isaa guutuu tahuu hin danda’u. Kanaaf wanta haaraa barbaadu tokko yoo argatu bor immoo wanta biraa barbaada malee wanta argateetti gammadee jiraachuu hin dandahu. Namni gammachuu kan argatu hawwii foonii isaa yoo guuttate miti. Namni gammachuu fi nagaa guutuu qabaachuu kan danda’u wanta hafuuraa yoo yaade, yaada isaa fedha hafuuraatti yoo hidhe qofaadha. Kanaaf macaafni qulqulluu akkas jedha:

“Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du’a in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida.”

2. Hawwii ijaa
seexanii haxeedha! ija namoota hawwachuuf wantoota barbachisaan siriitti ni beekaa,Kana jechuun gaarii ta’anii ijatti mullatanii ilaalcha namootaa hawwachun gara yaada biyya lafaatti harkisuun qalbii namootaa bitee namni yaada isaa waa’ee Waaqayyoo yaaduutti akka hin hidhamne taasisa. biyyii lafaa xiyyeefana namoota kiyyoo yaada kannen akka konkolaataa, mana, barreedina,beekamti fi kkf namati mulisuun, ijii namoota waaqayyoon akka hin argineef jamsaa. kanaaf yaada namootaa wantaa ijaa fooniin argamuutti hidhuun yaada Waaqayyoo irraa sossobbii fi haxxummaa isaan gargar baasa. Kanaaf wanta hunda caalaa ilaalcha Waaqayyo gammachisuu haqabaanu.


Ammas immoo Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee,”Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna” jedheen.

“Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta’uu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa ta’uu isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate.”

3. Qabeenyaan kooruu

waqayyoo ijoollee isaa keenan badhaaseraan. Kennan isaa kunis motummaa isaa ittin ijaaruufi. Kanaafuu, nuti garbootaa isaatti isaan warra filaatamnee dha. kennaan nuuf kenname kana isaatti,kenna isaa karaa sadiin itti fayyadamna:
“Tokkoo motummaa waqayyoo ittin ijaruuf.
“Lamaa ofii keenyaaf ittiin fayyaduuf.
“Sadii namoota biroo walii tannee ittiin gargaaruuf.”

kennoota waaqayyoo namootaf kennee kannen akka bareessuu, dubbachuu, barsiisuu, lallabuu, sooruu,Raajuu, farfaachuu ta’u danda’a, akksumas kennaa horii walitti qabuun isaa tokkoo dha. Kennan kun akkuma kenna isaan biroo motummaa waaqayyoo ijaruu dhaaf baay’ee barbaachisaa dha. Dhugaa duubbachuuf tanaan, isaan kan irra bayyee barbaachisaa dha.

kanaafu namnii tokko waaqayyoo maliif qabeenya akka kenneef yoo hin beeknee feedhii mataa isaa qofa guutachuu qofaaf malee mootummaa waaqayyoo ittin ijaruufis ta’e namoota gargaarsaa isaa barbadaanii nannoo isaa jiran biroo ittin tajaajiluu hin danda’uu,kanaaf yaadii isaa qabeenyaa waliitti qabateen kooruu akkasummas bayyinaa qabeenyaa isaan namoota kan biroo irraa caalchisee akka of ilaaluu fi of jajuu isa taasisa, hata’u malee yaada namaa akkasiti immoo waaqayyoo itti hin gammaduu. kanaafu qabeenyaan kooruun namni yaada Waaqayyoo osoo hin tanee yaada mataa isaa akka tajaajilu isa tasiisa. Kanaaf dammaqnee dallaa hafuuraa ijaarrannee gowwomsaa seexanaa jalaa of baafnee qabeenya keenyan waaqayyoon tajaajilun fedha isa ha raawwanu.

Guyyaa hundaa biyya lafaa keessa yeroo jiraannu kana haa yaadannu.

“Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo
raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”


Yaadota

2 responses to “Yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!”

  1. Gaaddisaa Avatar
    Gaaddisaa

    Ok

  2. Gaaddisaa Avatar
    Gaaddisaa

    Halaan gariidhaa

Yaada kenni