Jecha jaalala jedhu yeroo baay’ee miira hedduudhaaf haala garaa garaatiin maayii itti baana. Jaalalaaf kan hin geerariin yookaan hin faarsin jira jechuuf nama rakkisa. Jaalala jechi jedhu kun miira baay’ee wal-xaxaa kan qabuu fi jireenya dhala namaa keessatti bakka guddaa argate dha. Kanaafuu ergaawwan nama dadammaqsan, sirboota, geerarsa, waloo adda addaa fi faaruu hedduun katabamuu isaaniif sababa ta’eera.
Jaalalumti nun jennu kun akkaataa ittiin ibsamu irratti hundaa’uun gosoota adda addaatti akka qoodamu quba qabdaa laata? Garuu jaalalli kun eenyu? Miira irra darbee eenyummaa qabaata jette yaaddee beekta?
Macaafni Qulqulluun Waaqayyo jaalala akka ta’ee (1 Yohaannis 4:16) fi ilmaan namootaa immoo jaalala isaan akka tolchaman nii dubbata. Yeroo baay’ee, keessattuu nama saala faallaa ta’e irraa jaalalli na qabee jira jechuun waanuma barame dha. Yeroo kaan immoo gariin keenya jecha Jaalala jedhu kana namootaaf fayyadamuun ala miira wantota kaaniif qabnu illee ittiin ibsanna. Fakkeenyaaf ani halluu diimaa hedduun jaalladha… Harmeenkoo Ancootee baay’ee jaallatti… fi dubbii kanneen kana fakkaataniif jaalalli ibsituu miiraati.
…Waaqayyo jaalala; namni jaalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa, keessa in jiraata.
1 Yohaannis 4:16
Jaalalli Gosa Qaba?
Akka ogeessonni xiin-sammuu jedhanitti jaalalli namoota gidduu jiru bakka gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis jaalala miiraa fi jaalala murtoo ti. Jaalala miiraa inni jedhamu jaalala miira wal hawwuu qabuu fi fedhii saalqunnamtii guddaa illee kan of keessaa qabu dha. Yeroo hedduus sirbootaa fi fiilmii jaalalaa keessatti gosa jaalalaa leellifamu dha. Akaakuun lammataa kan jaalala murtoo fi walitti hidhataa immoo jaalala isa kaaniif dhimmuu, garaa laafuu fi kunuunsuudhaan mul’ifamu dha. Kunis jaalala haadhaa fi daa’imashee gidduu jiru, jaalalleewwan yeroo dheeraa waliin turan gidduutti akkasumas hiriyyummaa dhugaa gidduutti gosa mul’atuun ibsama.
Jaalalli miseensa maatii, hiriyyoota lamaan wal jaallatan gidduu jiruu fi jaalalleewwan reefu jaalalaan machaa’an gidduutti argamu hundi isaanii ammallee akaakuu garaa garaa taʼuun isaanii hin oolu. Kuusaa jecha Afaan Oromoo keessaa goosota jaalalaa kanneen himuuf jechuma tokkicha jaalala jedhutu maayii ittiin ba’ama. Haa ta’u malee yeroo tokko tokko miira jaalalaa nutti dhaga’amu kana eenyuuf akka nutti dhaga’amu irratti hundaa’uun kun jaalala hiriyyaati; Kun jaalala maatii fi obbolummaati, Inni kun immoo jaalala bineeldotaaf qabaatani jennee ibsuuf ibsa biraa jecha jaalala jedhu kanatti dabaluun agarsiisna.
Warri Girikii garuu jaalala waan jedhamu kana bakka saddeetitti qooduun maqaa addaa addaan moggaasanii waamu. Warra Giriikii kanaaf namni tokko ‘jaalaalli na qabee jira.’ jedhee yoo dubbatu ‘jaalala kam?’ jedhanii gaafachuun isaanii waan barame fakkaata. Egaa gosoota Jaalalaa kunneen adda baasanii beekuun waa’ee jaalalaa kanaa bal’inaan hubachuuf wan tolu dha.
1. Agaappee (Jaalala Waaqayyo ittiin Namoota Mara Jaallate)

Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta’uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.
1Yohaannis 4:10
Waaqayyo uumaan uumama harka isaan uumeef jaalala hammana jedhamee hin shallagamne qaba. Jaalalli kun akka gosoota jaalalaa kaanii ulaagaa ta’e tokko irratti kan hundaa’e miti. Kanaafuu yeroo fi haala ilaallatee jaalala hin geeddaramnee fi hin banne dha. Macaafa qulqulluu keessattis jaalala haala dinqisiisaan calaqqisiifame ta’uun isaas beekamaa dha. Yohaannis 3:16 irratti akkuma caafamee jiru jaalalli agaappee mudaa kan hin qabne, ofittummaa kan hin beekne, haal-duree kan hin qabne, aarsaa kan kaffalu fi jaalala ilmaan namootaa hundaaf Waaqayyo qabu ta’uu isaa ifatti dubbata.
Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!
Yohaannis 3:16
Jaalalli Agaappee Namaaf nii Danda’amaa Laata?
Addunyaa keessa jirru kanaaf jaalalli kennaa deebii homaatuu qaama jaallatamerraa hin eegne hin fakkaatu. Jaalalleen lamaan akkaam wal jaallatu jedhaman illee yoo qaamni tokko amala jijjiirrate, fuula dhowwate akkuma duraanii sanaan jaalalli itti dhagaa’amuu dhiisuu nii mala. “Jaalalli an Isheef/isaaf qabu dhumateera; An kanaan booda isaaf/ isheef homaa miira hin qabu; Sanarra yoo hammatemmoo namuma dura jaallataniin an baay’een si jibba; Si arguu hin fedhu.’’ dubbiii jedhan dhaga’uunis waanuma baratame dha.
Kanaaf Jaalala Waaqayyo ittiin nama jaallate kana qabaachuun namaaf ulfaataa dha. Garuu nama an Waaqayyotti nan amana jedhuuf jaalala Agaappee kanaan guutamanii namootaan jaallachuun irraa eegama. Kunis abboommii guddicha Waaqayyo ijoollee isaa ittiin abboome dha (1Yohaannis 3:11). Egaa jaalala isa kan Waaqayyoo kanaan guutamuuf dursa Afuura Qulqulluudhaan guutamuun dirqama. Pheexroos Yesusiin akka jaallatuu fi isa waliinuu du’uuf qophaa’aa akka ta’e dubbatee ture. Garuu jaalalli inni jechaa ture haalaan yeroo qoramuu fi raafamu argina. Pheexroos gooftaa Yesus isa nan jaalladha jedhu sana waliin du’uu miti cirumayyuu isa hin beeku jechuunuu dubbateera (Yohaannis 18:17). Bu’uu Afuura Qulqulluu booda garuu Pheexroos Hafuura Qulqulluun waan guutameef jaalala Waaqayyootiin qabamee hamma lubbuu isaayyuu aarsaa godhutti waa’ee Yesusiif dhuga baatuu jabaa akka ture Macaafni Qulqulluu ragaadha.
Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, “Wal jaallachuun nuuf ta’a” isa jedhuu dha.
1 Yohaannis 3:11
2. Fiiliyaa (Jaalala Obbolummaa yookaan Hiriyyummaa.)

Fiiliyaan gosa jaalalaa kan obboloota lamaan, hiriyyoota lamaan walitti hidhu dha. Fiiliyaan jecha Giriikii fiilos jedhu irraa kan madde yoo ta’u hiikni isaas jaalala hiriyyoota gidduu jiru yookaan hiriyyaa jaallatamaa fi nama amanamaa iccitii dhuunfaa qoodaniif akka jechuuti. Kanaaf namoonni fiiliyaan miira walitti dhufeenyaa fi michummaa jabaa keessaa dhufu dha jedhu. Jaalalli Fiiliyaa kunis uumamuuf yeroo fudhata, wal beekuu, wal faana yeroo dabarsuufaa barbaada. Suutumas guddachuun jaalala jabaa namoota walitti hidhu ta’ee argama. Akkuma gosa jaalala kaanii jaalalli obbolootaa kunis namoota addunyaa biratti bakka guddaa qaba.
Macaafni Qulqulluu Waa’ee Jaalala Fiiliyaanii Dubbata?
Macaafnu qulqulluu kristaanonni walii walii isaaniif jaalala, kunuunsa, kabajaa fi gara laafina akka qabaataniif nii gorsa (Yohaannis 11:35-36). Jireenya kristaanotaaf jaalalli fiiliyaa kun agarsiistuu eenyummaati. Fiiliyaan mallatoo eenyummaa hordoftoota Yesus ta’uu Yesustu dubbate. Jarreen kun kristaanota jechuufuu jaalalli fiiliyaa kun irraa calaqqisuun dirqama. Kanaafi egaa wangeelaYohaannis 13:35 irratti nuyi kristaana warra ofiin jedhaniifis ragaan dhugoomsituun jaalala fiiliya isaan gidduu jiru ta’uu kan dubbatu.
Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedhe.
Yohaannis 13:35
3. Istorjee (Jaalala Maatii Gidduu Jiru.)

“Storge (STOR-jay)” jechi jedhu jecha Giriikii kan jaalala maatii, jechuunis walitti dhufeenyaa fi jaalala uumamaan warraa fi ijoollee, akkasumas obboleessaa fi obboleettii gidduutti uumamu agarsiisu dha. Istorjeen jaalala yeroo tokko tokko maatii irras darbee hiriyyoota dhiyoo maatiin uummatan, namoota hiriyyummaan ijoollummaa irraa kaasanii waliin guddatan gidduuttillee nii mul’ata.
Jaalala kana gosa jaalalaa kan fiiliyaa jedhame irraa kan adda isa godhu walitti dhufeenya dhiigaan, hidda dhalootaan dhufu irra dhaabbachuu isaati. Kanatti dabalataan immoo akka ulaagaa lammataatti yaadannoowwan jalqabaa fi itti fufinsaan yeroo dheeraaf walbaruutiin ijaaramaniin beekama. Gosti jaalalaa kunis gara laafessa, eegumsaa fi kunuunsaan kan guutee fi yaadannoowwan waliin qabaatan keessatti hidda kan gadi fageeffate dha.
Fakkeenyonni jaalala maatii baay’een caaffata qulqullaa’oo keessatti argamu. Jaalalli Nohii fi haadha manaa isaa gidduutti wal eeguu, jaalala Yaaqoob ilmaan isaatiif qabu, akkasumas jaalala cimaa obboleettonni Maartaa fi Maariyaam obboleessa isaanii Alaazaariif qaban ilaaluun ni danda’ama.
Kristaanonnis aarsaa dhiiga Yesus isa qulqullaa’aan Waaqatti araarfamanii miseensota maatii Waaqayyoo jedhamaniiru, darbees immoo walii walii isaaniitiin hidhata afuuraatiin walitti hidhamiiru. Kanaafuu jaalalli Istorjee Kristaanotaaf jaalala abboommii isa birooti. Waaqayyos ijoolleen isaa jaalala gadi fagoo jaalala Istorjee kan “philostorgos” jedhamuutiin akka wal jaallatan abbooma (Roomaa 12:10).
Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!
Roomaa 12:10
4. Eros (Jaalala Dhiiraa fi Durba Gidduu jiru.)
“Eros (AIR-ohs)” jaalalli jedhamu kun jaalala miiraa yokiin fedhii saalqunnamtii, hawwa qaamaa fi jaalala foonii kan of keessatti hammate dha. Eros fedhii fi hawwata, miira jabaa nama to’achuu danda’u, nama dadammaqsuu fi nama gammachiisuun guutuu dha. Onneen nama dhahachuu, hirribaa fi fedhii nyaataa dhabuu, dalagaas ta’e jiruu biroof xiyyeeffannoo kennuu dadhabuunfaa illee mallattoo jaalala kanaati. Garuu miirri cimaan jaalala kana keessa jiru yeroo booda nii qabbanaa’a. Namni jaalala kanaan qabames tasgabbaa’uu fi akkaataa duraan itti turetti deebi’uun hin hafu. Yeroo kana jaalalli Eros kun yoo milkaa’e gara gosa jaalalaa kan Praagmaa jedhamutti ceha. Yoo jarreen wal jaallatan lamaan gidduutti milkaa’uu dhabe immoo salphaadumatti ni bada. Ilmi namaa uumamaan kaka’umsa miira saal-qunnamtii fi dhala godhachuu cimaa of keessaa qaba. Sababa kanaaf jedhu beektonni Giriikii, gosti jaalalaa Eros of to’achuu dadhabuu fiduun jireenya namoota gosa jaalala kanaan hubamanii gaaga’uu danda’a jechuun sodaa jaalala kanaaf qaban ibsu.
Jaalala kamuu caalaa gosti jaalala Eros waltajjii addunyaaf mata duree ta’uun jiraateera. Baay’ee afarsameera. Aarsaa jaalala kana fiixaan baasuuf baasaman hin barbaachifne baay’eefis sababa ta’ee dubbatameera.
Macaafni qulqulluu jaalala gosa akkanaa kana ogummaan qabuun akka barbaachisu dubbata. Namni kamuu jaalala Erosiin qabamuu nii mala. Garuu fedhaa fi miira jaalalli kun namaaf laatu marayyuu wan sirrii dha jechuun hin danda’amu. Jaalalli Eros guutummaatti jiraatamuu kan inni danda’u namoota gaa’ela dhaabbatan lamaan gidduutti duwwaa dha (1 Qorontos 7:8–9). Jireenya gaa’elaaf jaalalli Eros akka eebba Waaqayyo biraa argameeti. Gammachuu fi miira bashannansiisaa baay’ees fida (Macaafa Fakkeenyaa 5:18–19; Macaafa Lallabaa 9:9; 1 Qorontos 7:5).
Bara jireenya kee isa waa’ee hin baafne hundumaa kana keessatti haadha manaa kee ishee jaallattuu wajjin jireenyatti gammadi! Aduu jalatti isa kanatti akka jiraattuuf Waaqayyotu siif kenne…
Macaafa Lallabbaa 9:9
Burqaan kee eebbifamaa haa ta’u, haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi!……, jaalalli ishees laphee si haa coru!
Macaafa Fakkeenyaa 5:18–19
5. Praagmaa (Jaalala Bara Dheera yookin Yeroo Dheraa.)

Giriikonni durii Praagmaa “jaalala yeroo dheraa” jechuun hiika itti kennu. Jecha biraatiin faallaa eros (jaalala saalaa) jechuun ni danda’ama. Eros, praagmaan yoo wal bira qabamee ilaalamu, jaalala miira guddaan dhufuu fi umrii xiqoomaaf jiraatu dha. Jaalala dafee ho’u dafees qabbanaa’u jedhamuu nii danda’a. Praagmaan garuu jaalala akka galaana tasgabbaa’ee jiruuti. Gadi fageenya guddaa qaba. Garuu qabbanaa’aa fi alaan wanta humna qabullee hin fakkaatu. Ijaaramuufis obsa guddaa fi yeroo dheeraa fudhata. Garuu jabinaa fi nagaa jaalalli kun qabuun yoo ilaalamu yeroo fi humni irratti dhangalaasame nii malaaf jechuun nii danda’ama. Praagmaan fedhii ofii aarsaa gochuu, gammachuu isa kaaniif dursa kennuu kan barbaadu yoo ta’u ijaaramuuf fedhaan of kennuu fi itti dhimmanii wan jaalala sana gabbisu hojjechuu gaafata. Harka caalaan jaalala kanaa gosa jaalalaa murtoo yoo ta’u jaalala miiraas of keessaa nii qabaata. Kanaafi kan inni jaalala jabaa, umrii dheeratu jedhameefis.
Macaafa Qulqulluu Keessaa Abrahaamii fi Saaraadhaan Akkamiin Yaadatta?
Praagmaan gosa jaalalaa hiriyyoonni gaa’elaa waggaa shantamaa kanneen umrii dargaggummaa isaanii irraa kaasee waliin turanii, har’as harka wal qabatanii daandii gubbaarra yoo adeeman argamaniiti. Isaan lameen waliif hiriyyaa garaati. Jaalallee jireenyaatis.
Hawaasa har’aa keessatti jaalalli gosa kanaa baay’ee hin argamu. Kunis aarsaa jaalalli kun gaafatu baasuuf fedha dhabuun wan fide fakkaata. Hiriyyaa jaalalaa qabaatan waliin hafuu fi jaalala isaan gidduu jiru guddisuuf carraaquun, wanta gammachuu ofii ta’e gammachuu kaaniif jecha dhiisuun wanta badaa dhufe ta’uu hin oolu. Caaffata Qulqulluu keessaa jaalala abbaa manaa fi haadha manaa kan Abrahaamii fi Saaraa jedhaman gidduu ture fakkeenya gochuun ilaaluun nii danda’ama.
6. Filootiyaa (Of Jaallachuu)

Filootiyaa jechuun of jaallachuu yokaan of mararfachuu akka jechuuti. Filootiyaan kunis si’a baay’ee of-ittummaa fi sassataan wal fakkeeffama. Haa ta’u malee Giriikonni of jaallachuun ilaalcha nagaa ta’een of ilaaluu, ofitti amanuu fi of simachuu dha jedhu. Filootiyaan bu’uura gosoota jaalalaa namoota gidduu jiraniiti jedhu.
An lubbuukoo caalchiseen si jaalladha yoo jedhamu dhageessee beektaa?
Nama yoo guddate akka mataa ofiitti jaallachuutu danda’ama. Nama kaan mataa ofiin olitti jaallachuun jaalala ta’uu hin danda’u (Markos 12:31). Akkuma nama biraatiif dhimminu, jaalalaa fi kunuunsa kenninu, jaalala sana of illee sooruun baay’ee barbaachisaa dha. Wanta hin qabne namoota biroof kennuun kan danda’amu wan hin taaneef; yoo dursa jaalala kanaan of hin quufsine kaaniif kennuun wan danda’amu miti.
… ‘Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’! …
Markos 12:31
Hariiroon namni tokko ofii isaa wajjin qabu hariiroo inni namoota kaan waliin qabaatuuf bu’uura dha. Namni of hin jaallanne, ofiin of hin simanne jaalallee isaaf jaalala qabaachuuf ni rakkata. Mucaa isaaf burqaa jaalalaa ta’ee guddisuun itti ulfaata. Kanaaf Filootiyaan baay’ee barbaachisaa fi kunuunfamuu kan qabu dha. Kanaaf beekaan Aristootil “Miirri jaalalaa namni tokko namoota biroof qabaachuu danda’u hundi walitti ida’amee hanga miira namni tokko ofii isaatiif qabuuti” jechuun dubbateera.
7. Luudas (Jaalala Tapha yookan Qoosaan Guute.)

Luudas gosa jaalalaa taphaa fi qoosaan guutamee fi hagas mara itti dhimmuu fi itti gaafatama fudhachuun keessa hin jirre dha. Sadarkaa jalqabaa hariiroo keessatti kan mul’atuu fi daa’imummaa kan of keessaa qabu dha. Namni jaalala Luudas kanaan qabamu kolfaaf gammachuun qofa yeroo isaa dabarsuu malee dhimma nama dhiphisu keessa seenuu hin fedhu. Fedhasaa kanas guuttachuun si’a tokkoon namoota lama sadii waliin haasaa jaalalaa keessa seenuu, namoota gowwomsuu fi sobuufaa ni danda’a. Yeroo kaanis jaalalli Luudas kun guddachuun gara jaalala Praagmaafaatti ce’us immoo ni argama.
8. Maaniyaa (Jaalala Namarratti Hirkataa, Hinaaffaan Guute.)

Maaniyaan gosa jaalalaa hinaaffaan guute dha. Namoonni jaalala kanaan qabaman ofitti amanamummaa gadi aanaa waan qabaataniif hiriyyaa jaalalaa isaanii irratti hirkattoota ta’u. Yeroo baay’ee hiriyyaan jaalalaa lamaanuu jaalala kanaan liqimfamu. Yerooma xiqqoofuu walirraa adda ba’uu hamma hin dandeenyetti ga’u. Yoo wal hin argine, waliin hin dubbanne hamma dhukkubsachuuttuu ga’uufaa danda’u. Nama kan biraa kamittuu wal hin amanan. Wal shakkii fi amantee walirraa dhabuunis mallattoo gosa jaalalaa kanaati. Kunis gara aarii, hinaaffaa hamaa, hanga maraatummaattuu geessisuuf humna kan qabu dha. Boodas bilisummaa wal dhorkuun hammaateellee hanga wal ajjeesuuttuu geessuu nii mala.
Maaniyaan Jaalala dha Jechuun nii Danda’ama?
Gariin maaniyaan jaalala miti jedhanii falmu. Kunis jaalalli hinaaffaa of keessaa hin qabu, gammachuu kaaniitti gammada malees kan ofii isaa hin barbaadu waan ta’eef jaalalli hinaaffaan guute jaalala miti jedhu. Akka qorannoo xiinsammuuttis immoo hinaaffaan agarsiistuu dhukkubsachuu qalbii namaati jedhama.
Yeroo hedduu garuu midiyaa hawaasaa gubbaatti wanta jaalala jedhamu kana yeroo namooni bifa adda addaan ibsan argina. Akka ibsituu jaalalaattis hinaaffaan yeroo dinqisiifatamu nii mul’ata. Yoo hin hinaaftu/ hin hinaafu ta’e jaalalliyyuu si hin qabne jedhaniis murtoo laatu.
Macaafni qulqulluun waa’ee jaalalaa ifatti dubbata. Akka madaalliittis amaloota jaalalli fayya-buleessi tokko qabaachuu qabu addeesseera. Isaan keessaas tokko jaalalli hinaafaa ta’uu dhiisuusaati (1Qorontos 13: 4-7).
Jaalalli danda’aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu! Jaalalli, lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u. Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal’inatti hin gammadu. Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.
1 Qorontos 13:4-7
Waalumaa galattii gosoota jaalalaa kanneen yadatti qabachuun hubannoo cimsachuuf; isa caalu bira gahuufis nama gargaara jedheen yaada. Eenyummaan Waaqayyoo immoo jaalala akkuma ta’e Kristaanni kamuu eenyummaa kana qabaateera. Kristaanni nagaa qabeessa; Ifaa fi soogidda lafaatis. Namoota waliin nagaan jiraachuuf namootaaf jaalala qabaachuun barbaadama. Waamichi namoota hunda waliin nagaan jiraachuu immoo hunduma keenyaafi (Roomaa 12:17-18, 1Yohaannis 3:17-18). Egaa nagaan jiraachuu haa filannu. Wanta nagaa buusu waliinis haa bunu.
Namni biyya lafaa kana irratti waan ittin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?
Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta’in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!
1 Yohaannis 3:17-18
Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta’e yaadatti qabadhaa! Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa!
Roomaa 12:17-18

Yaada kenni