Eenyummaa Mootichaa!

Bar tokko jedhani, Mootii tokkotu Waaqaa wajjin wal-arguu baayyee barbaadee wanta dandahu hunda yaaluutti ka’e. Kan inni hedus nama kana godhi sana yaalimee jedhu utuu hin ta’in namuma kallattiin Waaqaa waliin wal isa qunnamsiisuu dandahu ture. Kanuma keessa odeeffannoo waa’ee jaarsa Hayyuu ta’e furmaata namaaf fiduun beekamu tokkoo dhagahee bakka inni jiraatu iyyaafatee gara araddaa inni keessa jiraatuutti gaaffii isaa waliin imale.

Akkuma gara araddaa Beekaa sanaa gahee mana isaatti ol seene isa samatanii noorsisan. Inni garuu hanga Gaaffii isaa yeroo dheeraaf itti yaadaa ture sanaa afaanii baafatee obbaafatutti sardamee ture. Hayyuun sunis miira waliin makamaa namicha kanaa fuula isaa irraa erga hubatee booda maal akka isa gargaaruu dandahan gaafatanii carraa kennaniif.

Mootichis “Ani gaaffiin koo baayyee gabaabaadha, Waaqi akka jiru illee beeka, uumaa akka inni ta’es sirriittan quba qaba. Amma garuu gara keessan kanan dhufe Waaquma kana waliin akka isin wal na qunnamsiistaniif ture. Yoon isa waliin wal arge waa hedduun isa gaafachuu barbaada. Eeyyee…waa hedduu isaaf qaba…” jedhee yaada isaa ibsate.

Hayyuun kunis deebisee “Maarree kuni waan baayyee ulfaatuu miti. Anillee mee Waaqa kana waggaa hedduuf wal dubbisaa jiraadhee jira. Gaaffii namoota hedduu illee itti dhiyeesseefii beeka. Siif illee akkasuma gochuun natti hin cimu. Kanaaf mee hunda dura eenyummaa kee isatti himuu waanan qabuuf waraqaa kana irratti eenyummaa kee ibsiiti anis isarraa ka’een Waaqatti ergan sii dubbadhee booda yoo Inni tole jedhe walin isin qunnamsiisa” jedhee waraqaa fi kobbee kenneef.

Mootichis gadi taa’ee akkuma Hayyuun sun isa gaafate waa’ee ofii isaa gadi tarreessee itti hiixate.

Hayyuun sunis waan Mootichi gadi tarreesse harkaa fuudhee eega dubbisee booda Mootichaan deebisee “Ilaamee ilma ko, waan ati gadi tarreessite kana hunda dubbiseera. Haata’u malee ani hoggaan Waaqa waliin dubbadhu takkaa Waaqatti sobee hin beeku waanan ta’eef ammas siif jedhee sobee Waaqa waliin wal dhabuu hin barbaadu” jedhe. Mootiin sunis rifatee “Maalan balleesse? Eenyummaa kee ibsi jettanii na gaafannaan anis tole jedheen itti yaadee eenyummaa koo waan ibsu hunda katabee isinittan deebise malee maalan balleesse?” jedhee Hayyuu sana gaafate.

Hayyuun sunis deebisee “Egaa waan ati tarreessite kun hundi eenyummaa kee akka ta’eef hin taane teenyee waliin ilaalla” jedhe. Itti fufees “Qabxiin jalqabaa ati barreessite maqaa keeti. Maarree yaa Mootii, ati amma kaatee yoo maqaa jijiirratte eenyummaan kee ni jijjiiramaa?” jedhee Mooticha gaafate. Innis deebisee “Tasumaa! Maqaan kiyya yoo jijjiiramallee ani isuma dura ture sana” jedhee deebiseef. Hayyuchis itti aansee “Tole, isa itti aanu laalle mee, itti aansitee kan ati barreessite ani Mootii ta’uu keeti. Maarree yaa Mootii, akka kaatee aangoo kanarraa yoo buute, ati nama biraa taataaree?” jedhee ammas gaaffii Mootichaaf dhiyeesse. Mootiin sunis “Lakkii ani aangoo irra jiraadhu, jiraachus baadhu ani anuma. Eenyummaan koo isuma dur ture sana.” jedhee deebiseef. Ammas Hayyuchi “Tole. Itti aansitees umuriin kee ganna afurtama akka ta’e eertee jirta. Yaa Mootii, ammas sin gaafadha, ganna shan booda ati afurtamii shan taata. Yeroo sana ati eenyummaan kee ni jijjiiramaaree?” jedhee gaaffii dhumaa isa gaafate. Innis deebisee “Maal akkam, xiqqoo dulloomee nan dandaha garuu ani anuma ta’een itti fufa. Eenyummaa koos umurii koo waliin hin jijjiiramu” jedhee deebiseef.

Hayyuchis, “Egaan yaa Mootii, ati ammallee Waaqa waliin mitii ofii kee waliinuu wal hin arganne. Namni eenyummaa isaa hin barre utuu Waaqa guddaa sana waliin wal hin argin of arguu qaba! Ani nama eenyummaa isaa hubadhee Waaqatti himuu hin dandeenye akkam godheen walitti isin fiduu dandaharee? Kanaaf gara qe’ee keetti deebihi, eenyummaa kee isa sirrii qayyabadhuutii bari. Yoo sana gootee deebitee dhufte, anillee Waaqa ati baayyee hedaa jirtu sanaan walitti si fideen gaaffii kee bara dheeraa siif deebisa.” jedhee Mootii sana ergaa guddaa dhaamsa cimaa of keessaa qabuun deebisee gaggeessee jedhama.

Haalli jireenyaa nuti amma keessa jiraannu eenyumma keenya miti. Baayyee qabaachuu dandeenya, hiyyoomuus dandeenya! Kun garuu eenyummaa keenya miti. Aangoo qabaachuu fi dhabuun, dargaggummaanis ta’e dullumi, furdina yookis qallinni, dheerinas ta’e gabaabinnii fi wantootni kana fakkaatan eenyummaa keenya isa dhugaa miti. Wantootni jireenya lafa kana irraatti nu ibsan hundi eenyummaa keenya ta’uu hin danda’an!

Eenyummaan dhugaa nama tokkoo kan yeroo gabaabaa booda badu yookis jijjiiramu ta’uu hin danda’u. Kana jechuunis laftii fi wanti ishee irra jiraatu hunduu yeroo gabaabaa booda ni balleeffama. Biyyi lafaa amma irra jiraannu hamminaa fi cubbuun guutamte kun baduuf jirti. Ni dabarti. Qabeenya namni lafa kana irratti horatu, aangoon inni lafa kana irratti qabu hundi Biyya lafaa dabartu kana wajjin ni darba!

Eenyummaan dhugaa isa kamiree?

Eenyummaan dhugaa nama tokkoo hidda dhaloota isaan beekama. Ati eenyurraa dhalatte? Namni hundi lafarratti Abbaa isa dhalche ni qaba inni kun garuu dhaloota isa lafa irraati, isa lafa waliin darbudha. Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha.

Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura.

Wangeela Yohannis 3:6

Nama foonittii kan dhalate biyya lafaa isa badu kanaa wajjin ni bada. Olii Waaqattii kan dhalate garuu Isa waliin bara baraan ni jiraata.

Olii dhalachuun akkamitti argama?

Olii dhalachuun baayyee salphaadha. Hojiis hin barbaadu. Sagaleen Waaqayyoo haala nama hundumaaf galuun waa’ee olii dhalachuun eenyummaa dhugaa argachuu akkas jedha.

Hamma isa (Yesuusin) simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne; ISAANIS WARRA MAQAA ISAATTI AMANANII DHA”

Wangeela Yohannis 1:12

Eenyummaa kee isa dhugaa bara baraan hin jijjiiramne argachuuf qophee dhaa? Yoo kana tahe kadhata baayyee gabaabaa kana garaa kee irraa kadhachuun mucaa Waaqayyoo ta’uun eenyummaa isa dhugaa argachuu ni dandeessa.

Kadhata:

Yaa Waaqayyo, cubbuu koo fi ba’aa koo hundumaa fudhadhee gara keetti nan dhufa. Cubbamaa ta’uu koo nan amana. Amma garuu Yesus Kristoositti amanuuf murteesseera. Inni sababa cubbuu kootif akka du’e, guyyaa sadaffaattis du’aa akka ka’e garaa kootti nan amana, afaan kootinis dhugaa nan baha. Biyya lafaa fi hawwii isaa ganeera. Cubbuu koo hundumaattii dhiiga Yesus Kristoosin na miici. Yaa Abbaa, waan na simatteef ulfaadhu! Maqaa Yesuusin, Ameen!

Kadhata kana garaa kee irraa kadhatteetta taanaan baga gammadde! Ati ammaa kaasee eenyummaa isa dhugaa argattee olii sanyii hin badnettii dhalatteetta! Mucaa Waaqayyoo ta’uu keettis gammadi!


Yaadota

Yaada kenni