Dhiyeenya kana Xayyaaraan imaleen ture. Eega Xiyyaarri keenya duumessa kana kutee ol ka’iinsa fagoo ta’e qabatee booda sa’atii muraasa dhufan qilleensa keessa akka turru beekamaa waan ta’eef namni kaan rafuu jalqabeera. Anaan garuu miirri sodaa na keessa waan tureef hirribuu karaa koo hin baane. Taa’een warra rafaniyyuu taajjaba, amma dhuguma rafanii laata jedheen yaada.

Osooman yaadaan waallaluu waa’ee saffisa Xayyaara keenyaa yaaduun eegale. Saffisa inni itti deemu yeroon yaadu baayyee nama shuukanneessa. Qilleensa kana addaan saaqee akkuma nama bishaan daakuu “shufff” jechaa keessa hulluuqa! Qilleensaa wajjin yeroo wal-rigu raafama inni agarsiisu darbee darbee nama yaaddessa, keessumaa nama shaakala isaa hin qabneef.
Gosoota geejjibaa keessaa kan akka Xiyyaaraa saffisa guddaa qabu waan jiru natti hin fakkaatu. Tarii Baaburoonni baayyee hammayyaa baayyee saffisan tokko tokko jiraachuu malu garuu hagas mara hin baramne. Egaan yaada koo kanaan “Maalif?” gaaffii jedhun of gaafadhe, Xiyyaarri maalif akkas saffisa? Konkolaataaf gosootni geejjibaa kaawwan maalif akkas hin bararre jedheen yaaduu eegale.
Geejjibi biroo keessaa Konkolaataa fudhannee yoo ilaalle sababni isaan itti ariitii baayyee guddaa ta’een hin adeemne godhan hedduutu jiru. Isaan keessaa tokko Konkolaataa naannoo sana jiranii wajjin qixxee adeemuu isaaniidha. Karaa wal-saamaa adeemu. Wal bira taruuf toora tokkoo toora biraatto asiif achi ce’aa adeemu. Kana malees wantootni saffisa Konkolaataa tokkootti gufuudha kan jedhaman keessaa wanti biraan imaltoota lafoodha. Namarra akkasumas qabeenya garaagaraa irratti balaa akka hin qaqqabsiisneef jecha of eeggannoo cimaa gochuuf jecha saffisa Konkolaataa ofii gadi qabuun dirqama ta’a.
Xiyyaarri garuu akkas miti. Dhoksaan saffisa isaa inni guddaan tokko Ol-ka’iinsa lafa irraa baayyee fagoo ta’e isaa eeggachuu isaati. Sa’atii sanatti fageenyaa fi toora qilleensaa isaaf qofa hayyamame irra balali’a. Kanaaf Xiyyaara biroo waliin walittan bu’a jedhee osoo hin yaadda’in saffisa cimaan keessa kuta!
Ergan kana yaadee booda Hafuurri Qulqulluun jireenyi nama qajeelaa akkasuma akka ta’e na hubachiisuu eegale. Namni qajeelaan daandii Waaqayyo isaa biraa isaaf hayyamame sirriitti beeka. Daandii namoota biraa keessa seenee fiigicha namaa hin fiigu. Ogummaa fi hubannaan adeema. Ol-ka’iinsa isaas kan murteessu Gooftaa isaa isa isa gaggeessu qofaadha.
Ol-ka’iinsi kee ammayyuu lafa jala jira taanaan tarkaanfiin jalqabaa lafa gadi dhiisuudha. Kunis kan eegalu yaada ofii wanta lafarraa irraa kaasanii wanta waaqarraatti hidhuunidha. Macaafni Qulqulluun akkaataa itti lafa gadi dhiisnee gara daandii qilleensa keessaatti ceenu maal nu barsiisa?
Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti malee, wanta lafarra jirutti hin hidhinaa
Qol 3:2
Namni qajeelaan jireenya ol ka’aa jiraatu qajeellummaan isaa kan ittiin beekamu tokko yaada isaa wanta waaqarraatti hidhuu isaatiini dha. Yaadaa fi karoora isaa, akkasumas gochaa isaa hundumaa keessatti wanta waaqarraa yaadaa deema. Namni kana hin goone ammayyuu balalii isaaf Waaqayyo biraa akeekame hin eegalle jechuu dha.
Akkuma Xiyyaarri tokko buufata “Control Tower” jedhamee beekamu waliin yeroo yerootti wal-qunnamaa, qajeelfama fudhachaa yoo gochuu qaba ta’es karaa isa sirreeffachaa adeemu, namni qajeelaanis jireenya ol ka’aa qabate sana hamma bakka akeeke sanaatti itti fufuuf Gooftaa isaa biraa qajeelfama fudhachaa adeema. Waan sirreeffachuu qabu yoo jiraate, akkasumas kallattii isaa jijjiiruun barbaachisaa yoo ta’ee argame sana raawwachuuf gurri isaa Sagalee Waaqarraa dhaggeeffachaa adeemuun amala nama qajeelaa jireenya ol ka’aa jiraatuu dha. Hafuurri Qulqulluun ammoo gargaaraa karaa ittiin namni qajeelaan yaada Abbaa isaa beekuu danda’u dha.
Hafuura Qulqulluu wajjin yeroo dabarsuun, akkasumas dubbii Waaqayyoo dubbifachuun shaakala ittiin jireenya keenya akka Abbaan keenya nuuf akeeke sanatti ol ka’iinsa fagoon, saffisa guddaan ittiin fiiguu dandeenyu keessaa warra bu’uuraadha.
Kadhata:
Yaa Abbaa koo isa yeroo hundumaa jireenya ol kaafamaa anaaf yaadduu, yaada kee isa namatti tolu ati anaaf qabdu sanaaf sin galateeffadha. Yaada gaariif qajeelaa ta’ee ati anaaf qabaattullee, jireenya saffisaan ija godhachaa adeemus anaaf qabaattullee ani akkan akka yaada garaa kee sanaa ol ka’iinsaan jiraachaa akkan hin jirre harra hubadheera. Amma garuu yaada garaa koo jijjiirrachaa ayyaana kee akka anaaf baayyistu sin kadhadha. Kanas akka ati gootu nan amana. Kana boodas jireenya ol ka’aa akkan jiraadhu waan na gargaartuuf ulfaadhu. Maqaa Yesuusin, Ameen.


Yaada kenni