Har’a seenaa dhugaa biyya Raashiyaa keessatti ta’en siniif qooduu fedha. Seenaa kanaan dubartiin ofii Koloneelii taatee abbaan manaa ishee immoo Jeneraala lolaa ture tokkotu turte. Isheen kristaanota baayyee dhiphisaa qullaa isaaniis mana cabbii keessatti hiitee isaan dararuu hojii ishee idilee godhatte.
Guyyaa tokkos karaa irra utuu deemtuu nama uffata Jeneraalaa uffatu tokko duuba isaa argitee “eenyu laata Jeneraalli kun?” jettee utuu yaadduu namichi ofirra gala galee ishee ilaale. Gaafa inni ofirra gala galee ishee ilaalu ijji isaa abidda giimii fakkata, fuulli isaas akka aduu ifa. Rifeensa isaa, fula isaas fajajjee ilaaluutti kaate. Innis ishee ilaalee waanuma tokko illee utuu hin dubbatiin calluma jedhee dhiseenii sokke.
Jireenyi dubartii kanaa taatee sanaan battaluma raafame. Isheen isa si’uma takkaa isa argiteef gara abbaa manaa ishee dhaqxee akka jaalalli ishee qabe itti himte. Abbaan manaa ishees waan isheen jette yommuu dhagahe nahee “maal jechuu dha? Enyu irraa jaalalli na qabe naan jettaa?” Jechuun gaaffii kumaatama gaafateen. Isheenis deebistee “Yesus irraa jaalalli na qabeera” jetteen. Hubadhaa, namichi “ani Yesusi” jedhee waan isheetti dubbate tokko hin qabu, ijumaan ishee ilaalee deebi’e malee. Achumaan abbaan manaa ishees ajaja hatattamaan, Yesus inni jedhan sun qabamee akka dhiyaatu ajajuun xalayaa barreesse. Loltoonni isaas ajaja kana fudhatanii Yesus nama jedhamu Jeneraalota keessa, darbees biyyuma Raashiyaa keessa barbaachisanii dhaban. Akkasumas Awurooppaa keessaallee nama maqaa kanaan jiru yoo sakatta’an nama tokkoyyuu dhaban. Sana booda abdii kutachuun Jeneraala ajajaa isaaniitti gabaasuuf deebi’anii dhufan. Jarris “Yesus kun nama waggaa Kuma lama dura biyyaa lafaa irra ture, amma garuu Waaqa irra kan jiraatuu fi Kristaanoti ammaas kan isa Waaqessani dha” jedhanii itti himan.
Namichis kana yommuu dhagahu haati manaa isaa sammuun darbuu hin oolle jedhee yaadda’e. Kanaaf hatattamaan gorsitoota isheef qaxaree ishee wal’aananii bakkatti akka deebisan yaale. Ogeessonni Sunis ishee gorsuutti ka’an, tarii yeroo tokko tokko wantonni wal nama duraa dhahu maal maal jedhanii ogummaa isaaniin waan dubartiin kun jettu dhiisisuuf baayyee dhama’an. Dubartittiin garuu lakkii ani isuma dhugaan nama sana fuulaaf fuulatti arge, iji isaa jaalala dubbata ani jaalladheeraan waanan ta’eef na dhiisaa jetti ture. Abbaan manaa ishees “Amma maal jettaree?” Jedhee ishee gaafate. Isheenis “Ani isan waaqessa!” jettee isaaf deebiste. Dubartittiin gorsa ogeessotaa sanaa, qoricha isheef ajajame hundumaas liqimsitee gaafa fixxus homaa yaada hin jijjiirre. Murtoon ishees sanuma, haasaan ishees hin jijjiiramu, “Ani isan waaqessa” jetti. Abbaan manaa ishee garuu murtoo ishee kanaan baayyee waan itti qorameef gara-jabinaan ishees mana hidhaa Kristaanotni itti hidhaman, bakka isheen danuu Kristaanotaa itti darartetti, qullaa ishee hiisise, harma ishees irraa mursiise. Isheen garuu dararama sana hunda irra caalaa jaalalli Yesuus isheef caalee itti mullata ture, dhiisuus hin dandeenye.
Booda keessa yeroo dhumaaf sirni biyya Raashiyaa sun yeroo diigamu mana hidhaa gara Saayiberiyaa jiru keessa utuu jirtuu Yesuus isa guyyaa jalqabaa argitee jaallatte, Innis ishee jaallatu sana yeroo lammaffaaf argite. Innis dhufee “Bor mana hidhaa kana keessaa ni baatu” jedheen. Waan inni jedhes isheedhaaf amanuuf wanta ulfaatu ture. Sababni isaas manni hidhaa sun eegumsa baayyee cimaa ta’e akkamiin akka eegamaa ture ni beekti ture. Dubartittiin seenaa kana yeroo himtu “Yeroo lammaffaaf isa gaafan argu qaamni koo baayyina dararamaan shuntuuree, bututee lafeetti hafe sun deebi’ee lubbuu godhate, ni ijaarame” jetti. Egaa akkuma Yesus jedhe bulee isaa gara isaanii dhufe! Eegdonni akkuma durii meeshaa isaanii baatanii dhaabatu, eegumsi hundi bakka qabateema jira. Yesus garuu “Na duuba kottaa!” jedhe. Dubbii isaa kanaan hidhamtoota sana hunda of duuba hiriirsee otuma eegdonni ilaalanii qabatee bahe. Isa boodas hidhamtootni sun bahanii gara Imbaasii Siwiidinitti baqatanii harka kennatan. Dubarittiin sunis achii booda gara Ameerkaa deemuuf carraa argatte. Seenaa ishee dinqisiisaa kanas biyya Ameerikaa teessee barreessitee danuutti dhugaa baate.
Kadhata
Yaa Waaqayyo Abbaa koo, jaalala kee isa dhugaa karaa Kristos natti agarsiistettii gidiraan yookiis muddamni, ari’atamuun, beelli yookiis qullaa ta’uun, sodaachifamuun yookiis billaan, duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda’us, wanti ol ka’ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa koo Kristos Yesus naaf dhufettii gargar na baasu akka hin dandenyeef ayyaanaa fi humna kee naaf baayyisi. Maqaa goofta Yesusif jedhii kadhatakoo naaf dhagahi., Amen!


Yaada kenni