Akkuma gaggeesitoota waldaa Kristaanaa irraa wantootni eegaman hedduu jiran, akkasuma ammoo amantoota irraa amaleeffannaan fi shaakalootni irraa eegaman hedduutu jiru. Akka amanaa Waaqayyoon jaallatuu fi abboomamu tokkootti kunneen sirraa eegamu.
1. Sagantaalee torbanii jiran sirriitti beeki, irratti hirmaadhu
Dhuguma dubbachuuf taanaan giddu galeessummaatti amanaan tokko sagantaa kadhannaa torbanii waldaan isaa qabdu keessaa guyyaa tokko yoo hirmaatedha. Haa ta’u malee sagantaalee jiran akka barbaachisummaa isaan nuuf qabaniin akkasumas keessi keenya dheeboteen irratti hirmaachuun faayidaa hedduu qaba. Kana yeroo jennu fakkeenyaaf Waldaan Kristaanaa tokko torbeetti guyyaa tokko yeroo dhukkubsatootaaf kadhatamu qabaachuu ni malti. Mee hammam keenyatu yaada kanatti walii gallee abboomamnee yeroo dhukkubsannu irratti hirmaannee beekna? Amanaan baayyeen tasuma sagantaan akkasii Waldaa isaa keessa akka jirullee hin yaadatu. Yooma dhukkubsatee kadhannaa barbaadellee mandara keessa deemee nama kadhatu tokko barbaaddatee waa cafaqeefii (qarshii harka keessa kaa’ee) kadhachiifata malee Waldaan koo torbeetti guyyaa akkasii dhukkubsatootaaf akka kadhattu haala mijeessitee, tajaajiltoota qopheessiteetti, Waaqayyos isaan keessaan na gargaaruu dandaha jedhee hin yaadu! Kun dhukkuba foonii qaban irratti dhukkuba hafuuraa cimaadha! Ogummaa qabaadhu, karooraa fi sagantaa Waldaa amantootaa itti Waaqeffattu hubadhuutii akka hafuura keef barbaachisutti yeroo kee hamma dandeessu mijeeffadhuutii itti hirmaadhu!
2. Gaggeessitoota Waldaa amantootaaf abboomami!
Abboomamuun dadhabuun amantootaa yeroo baayyee gaggeesitootatti qormaata cimaa ta’ee argina. Sagaleen Waaqayyoo waa’ee gaggeessitootaaf abboomamuu maal jedha laata?
Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.
Ibroota 13:17
Sagalee Waaqayyoof in abboomamta yoo ta’e, gaggeessitoota keef abboomami, karaas kenniif!
3. Amantoota si waliin waaqeffatan dadammaqsi
Amanaan ati beektu tokko utuma yeroo hedduu dadammaqee waaqeffatuu fi Gooftaatti qabamee jiraatuu gidduutti yoo bade iyyaafadhuun! Afaanumaan “abalu maaf badee laata?” jettee of yookaan nama gaafattee hin dhiisin. Barbaadiin! Bilbiliif, maalif badde, waldaatti ergan si argee xiqqoo tureera jedhii dubbisiin. Waaqeffannaa isaa duraaniitti deebi’ee dadammaqiinsaan akka itti fufuuf dubbii isa jabeessu itti himi, gorfadhu, kanaan Waaqayyo ni ulfaataatii!
4. Gareelee Waldaa keessa jiran irratti hirmaadhu
Waldaa amantootaa tokko keessatti gareeleen hedduun ni argamu. Garee kadhataa, garee Dhuga-bahumsaa, garee Wal-gargaarsaa, garee Gaggeessotaa, garee Faarfattootaa fi kkf. Gareelee kana keessaa kan Waaqayyo keessa kee kaa’etti hirmaadhu. Ofiis hafuuraan itti guddata, darbees ammoo hojii ergama Wangeelaaf carraa siif kenna waan ta’eef. Kana duwwaa miti, walitti qabama gareelee kana keessatti Dibata Waaqayyo biraa dhangala’uuf tokkummaa obbolootaa irraa ija argamutti ni gargaaramta.
5. Gaggeessitoota Waldaa amantootaa keessa jirtuuf kadhadhu
Kana gochaa hin jirtu taanaan harruma jalqabi, yeroo jilbeenfattutti Gaggeesitoota Waldaa Kristaanotaa keessa jirtuuf jabeessii Waaqayyoon kadhadhu. Garaa kee guutuudhaan Waaqayyo araaraa fi ayyaana isaan akka isaaniin yaadatuuf kadhadhu. Namoota yaada namaa utuu hin ta’in yaada Waaqayyoo tajaajilan akka ta’aniif dhimmii kadhadhu, Waaqayyo kana sirraa barbaadaatii!


Yaada kenni