Wanta hunda irra caalu…

Jaalalli hundumaa irra caala! Jaalala kee ibsachuuf qabeenya kee keessaa yeroon kee isa hundumaa caalaa gati jabeessa ati baasuu dandeessu dha. Sababni isaa ati yeroo murtaa’e duwwaa biyya lafaa kana irra jiraatta. Qarshii qabdu irratti dabalataan hojjechuun argachuu dandeesssa ta’a. Yeroo dabalataa jireenya keef argachuuf garuu hojjetachuu hin dandeessu.

Namootaaf yommuu yeroo kee laattu qabeenya jireenya keetii kan gonkumaa deebitee argachuu hin dandeenye isaanif kennuu keeti. Yeroo kee yommuu kennitu gatii baasuu keeti, gatii baasuuun immoo ibsa jaalalaati. Jaalala malee kennuu ni dandeessa, kennaa malee garuu jaallachuu hin dandeessu. Kanaaf wangeela Yohaanis 3:16 irratti akkas jedha:

“Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufiitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!“

Waaqayyo biyya lafaaf ilma isaa kennuun bara baraaf isa waliin akka jiraattuuf jaalala isaa sitti agarsiise. Namni wanta jaallatu waliin hariiroo uummata, hariiroon wanta jaallatan waliin qaban tokko baay’ee barbaachisaa dha jennee dubbachuun qofaan ga’aa miti. Yeroo kee nama jaallattu sana waliin dabarsuudhaan isa kana mirkaneessuu qabda. Jaalala argisiisuuf jechoonni qofaa isaanii bu’aa hin qaban.

Kanaaf jaalala keessatti wanti guddaan nuti namootaaf kenninu qarshii miti. Inni caalu garuu hammam ofii keenya irraa isaaniif kennuu dandeenya isa jedhu dha. Har’a biyya lafaa irraa qarshii osoo hin taane jaalala dhugaan waliif ho’uutu dhabame; kanaaf yeroo kee, yaada kee, qalbii kee, argamuu kee, xiyyeeffannoo kee, beekumsaa fi humna kee kennuu keetu barbaadama. Kun jaalala dhugaa isa of-kennuun ibsame dha.

Gaafa namaaf yeroo laattee isa waliin dabarsitu namni kun gargaarsa maalii akka isa barbaachisu beekuun murteessaa dha. Tarii gorsa kee barbaada taha, tarii ammoo kadhannaa kee barbaada ta’a.

Qarshiin yeroo hundumaa furmaata namaaf hin ta’u! Bakka itti namooti gargaarsa kee barbaadan beekuuf jettee tarkaanfii utuu hin fudhatiin dura garaa jaalalaa qabaachuutu si barbaachisa. Garaa jaalalaan itti hin siqxu taanaan nama furmaataa ta’uu hin dandeessu. Fakkeenyaaf, yeroo kee nama waliin yoo gubde akka wanta kisaarteetti of ilaaluun qarshii keen qofa naman gargaara jettee yaaduun gargaarsa ta’uu dhiisuu danda’a. Namni sun garuu iccitii sitti himatu qabaachuu danda’a. Yeroo kana waan biraa ati gootuuf marti nama sanaaf fala tahuu dhiisuu danda’a.

Kanaaf egaa oo’aa fi gara laafinaan yeroo fudhattee nama jaallattu sana waliin otoo hin dabarsin utaalteema ariitiin waan furmaata sitti fakkaate tokko gochuu yaaluun akka nama dhukkubsataa garaa ciniinnaan rakkatu tokkoof qoricha mataa bowwuu kennanii bira darbuuti!

Waaqayyos dhugaan akka isa jaallannu barbaada; dubbii Waaqayyoo keessattis inni kun “abboommii isa caalu” jedhameera. Kanaaf Gooftaan yeroo hundumaa yaada keenya, humna keenyaa fi garaa keenya guutuudhaan akka isa jaallannu barbaada. Haata’u malee akkuma armaan dura kaafne, hariiroo michummaa jaalalaa ijaarrachuuf yeroo nuti qaama sanaaf kenninu baay’ee murteesaa dha. Kanaafuu hariiroo nuti Waaqayyo keenyaa waliin qabnu hariiroo mucummaa fi abbummaa waan ta’eef Waaqayyoof wanti nuti kennuu dandeenyu kan biraan hin jiru, yerooma keenya kennuun isatti akka dhiyaannu wanta godhan gochuu malee. Inni wanta hundaan guutuu wan ta’eef jechuu dha. Sagalee isaa baruuf yeroon kenninu, hammi dhimminu michooma nuti Waaqayyo wajjin qabnu ni cimsa. Akka dubbii isaattis isaaf ergamuu fi hojjechuuf isaaf dhimmuun immoo hariiroo nuti isa waliin qabnu baay’ee gabbisa..

“Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada, kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a. Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’. Seerrii fi barsiisi raajotaa hundinuu abboommii kana lamaan irra dhaabatanii jiru” jedheen.

Wangeela Maatewos 22:3

Waaqayyo maatiin isaa waan hundumaa caalaa jaalalaan akka beekamu waan barbaaduuf wal jaallachuun keenya biyya lafaa keessatti isaaf dhuga ba’umsa akka ta’e “Jaalala yoo waliif qabaattan kanaan namoonni hundumtuu akka isiin bartoota koo taatan ni beeku” jechuun nutti hime.

Egaa Waaqayyoon jaallachuu fi wal jaallachuu bu’aa fi kaayyoo guddaa jireenya keenyaa godhachuudhaan itti gaafatamummaa Waaqayyo nutti kennate haa bahannu!

Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala.

1 Qoronxoos 13:13

Kadhata

Yaa Waaqayyoo, jireenya koo guyyaa har’aa keessatti wantan barbaaduu fi fedhu hundumaa caalaa isa caalu, sii fi namoota jaallachuu bu’aa guddaa jireenya koo godhadhee jiraachuu akkan danda’uuf atii beekumsaa fi oguummaa isaa anaaf kenni. Ameen!


Yaadota

3 responses to “Wanta hunda irra caalu…”

  1. Taarikuu Dhangi'aa Avatar
    Taarikuu Dhangi’aa

    Baayyee gaaariidha, hubannaa guddaa argadheera waan ta’eef kana caalaan barreefamoota akkasii kana yeroodhaa gara yerootti obbolootaaf qooduun itti haafufu.
    Waaqayyo isin haa eebbisu! Ameen!!!

  2. Taarikuu Dhangi'aa Avatar
    Taarikuu Dhangi’aa

    Baayyee gaariidha.
    Hallelujah!
    Eebbiffamaa!!

  3. Taarikuu Dhangi'aa Avatar
    Taarikuu Dhangi’aa

    Thank you!
    God bless you!Amen!!

Yaada kenni