Irraa Fagaadhu!

Irraa-fagaadhu!

Waaqayyo keenya guddaa, sodaatamaa jaalalaa fi araaraanis guutuu Waaqa ta’e dha. Jecha namootaa fi hubannaa sammuu namaa gararraas waan ta’eef Waaqa kana akkana jedhanii himuun nama dhiba. Eenyummaa Waaqayyoo keessaa tokko jaalala dha. Jaalala isaa guddaanis namoota jaallachuun Waaqayyoo immoo ergaa wangeelaa isa duraati . Egaa Waaqayyo inni jaalala ta’ee fi namoota jaallatu kun karaa ilma isaa kennaa guddaa inni nuuf kenne dubbii isaa ti (Yoh 17: 8,14, 17 irraa). Dubbiin Waaqayyoo kun immoo nama qulleessa, nama barsiisa, nama gorsa, balleessaa nama hubachiisa, nama qajeelcha, qajeelummaattis nama leejjisa (2 Xim 3:16 ).

Dubbii ati anaaf kennite hundumaa ani immoo isaaniif kenneera. Isaanis fudhatanii, ani si biraa akkan dhufe dhuguma hubatan; akka ati na ergites amanan.  14 Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa waan, hin ta’iniif, biyyi lafaa isaan jibbe. 17Dubbiin kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqulleessi

Yohannis 14:8

Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa

2 Ximotewos 3:16

Waa’ee dubbii Waaqayyoo kana kanan kaase hammam dubbichi gatii guddaa akka qabu akka yaadduuf xiqqooma si si’eessuuf fedheeni. Kanaaf egaa waanti dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffame hunduu amantiidhaan fudhatamuun irra jiraata. Qajeelfamoota Macaafa qulqulluu keessa kam yaadatta?

Qajeelfamoota danuu dubbichaan nuuf kennaman keessaa tokko namoota irraa fagaachuu kan jedhu dha. Eenyu iyyuu Kristositti amanuun qajeelummaa Waaqayyoo ayyaanaan erga simatee booda akkamitti jiraachuu akka qabu beekuuf dhimmuu qaba. Jireenyi Waaqayyo karaa Ilma isaa nama fayye tokkoof kenne guddaa gatii jabeessa waan ta’eef itti dhimmuun barbaachisaa ta’a. Kunis wantota akka dubbii Waaqayyootti gochuu fi gochuu dhiisuu qabnu beekuu irraa eegala. Wanta gochuun namaaf malu keessaa tokko namoota akka irraa fagaannuuf nutti himaman irraa fagaachuu dha. ‘Namoonni irraa fagaachuun malu kun eenyu?’ Isa jedhuuf deebiin isaa kunoo ti.

1. Raajota Sobduu Irraa

Inni duraa namoota Mat7:15- 20 irratti barreeffamani dha. Yesus bakka kanatti “raajota sobduu irraa of eeggadhaa.” jechuun dubbata. Raajota sobduu warri jedhaman kun hojii isaanii yoo ilaalle raajotuma dhugaa fakkaatu. Isaan ‘qajeelota (hoolota) fakkaatu; hoolota fakkaachuuf raroo hoolaas uffatu; garuu isaan eenyummaan isaanii dhugaan Yeeyyii butataa dha’ jedhamuun ibsamaniiru. Akkuma Yeeyyiin hoolotaaf diina lubbuu isaanii ta’e warri kun nama isa qajeelummaa Waaqayyoo argateef akkasuma diina lubbuu ti. Waan nama dhibu kutaa sagalee Waaqayyoo an caqase kana irraa akkuma hubannu, isaan kun alaan ilaalamuun hin baraman. Raajii dubbatu, hojii aangoo fi milikkita maqaa Gooftaatiin godhu; hafuurota hamootas baasuun nama dhugaan Gooftaatti amaneeru fakkaatu. Garuu ammallee isaan hamoota dha. Kanaaf Yesus isaan kana beekuudhaaf malli gaariin ija hojii isaanii ilaaluun murteessuu dha nuun jedha. Kana jechuun namni tokko an raajii dha yoo jedhe, milikkitaa fi dinqiis yoo godhe illee dubbii isaa otuu hin taane jireenya isaa ilaaluuf abshaalomuu qabna jechuu dha. Jireenya namichaa irraa ijji hojii hafuuraa kan hin argamne yoo ta’e hammamuu dinqii fi milikkita haa raawwatu, abidda iyyuu haa buusu namicha irraa baqachuun ergaa dubbii Waaqayyoo kutaa kanaa ti.

15 Yesus itti fufee, “Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha.¹16 Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu; ija waynii baalaan-waraanteettii, harbuus kosorruuttii ciruu dandeessuu ree? 17 Akkasumas mukti gaariin ija ba’eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata.¹18 Mukti gaariin ija hamaa godhachuu, mukti gadheenis ija ba’eessa godhachuu hin danda’u. 19 Mukti ija ba’eessa hin godhanne hundinuu in murama, ibiddattis in naqama.20 Egaa ija hojii isaaniitiin isaan in beektu” jedhe.

Matewos 7: 15-20

2. Namoota Amaneera Jechaa Jireenya Amanaa hin Qabne

Inni lammataa immoo namoota ergaa 1Qor 5: 11 irraa “Yesus Kristositti amaneera” jechaa jireenya namni Yesusitti amanate tokko jiraachuu qabu irraa faallaa jiraatani dha. Isaan kun akka warren silaa raajii, lallabaa wayii ta’uu dhiisuu malu. Maqaadhaaf “an Gooftaa Yesusitti amaneera, isaafis nan bula.” jedhu. Jireenyi isaanii immoo haasaa isaanii irraa garaa gara. Namoota akkanaa irraa waanti calaqqisu jireenya akkamiiti yoo jenne, halalummaatti jiraachuu yookaan sassata yookaan waaqayyo tolfamaaf sagaduu yookaan machaa’u yookaan nama saamuu ta’a. Dubbiin Waaqayyoo bakka kanaa “namoota kanatti hin hidhatiinaa; isaan wajjin illee hin nyaatiinaa.” jechuun nu abbooma. Isaan kunis diina lubbuu nama Kristoos Yesusitti amanuun qajeelummaatti jiraatuu isaan biroo dha.

Kan nama dhibu immoo namoota hin amanne, amaloota armaan olii kana irraa arginu waliin waa’ee jiraachuuf garuu dubbiin macaafaa ergaa biraa qaba. Namni amane tokko eenyummaan isaa ifaa fi soogidda ta’uu waan ta’eef kan inni ifuu fi soogidda ta’uufii namoota hin amanne kanaafi. Kanaafuu namoota hin amanne kana jireenya isaanii ilaallee akka isaan komannu, akka irraa fagaannuufis Gooftaan nu hin barsiisu. Akkuma Gooftaan Yesus jiraatetti isaan waliin jiraachuun nurra jiraata.

“Wanti ani isiniif caafe, ‘Ani amaneera” jedhee nama halalummaatti jiraatu yookiis nama sassatu yookiis nama Waaqayyo tolfamaadhaaf sagadu yookiis nama machaa’u yookiis nama nama saamuu wajjin walitti hin hidhatinaa! Isaa wajjin illee hin nyaatinaa kan jedhu ture.’

1 Qorontos 5:11

Walumaa galatti dubbiin Waaqayyoo dhugaa fi qajeelfama sirrii dha jennee yoo amanne waanta dubbichi jedhu kana yaadatti qabachuun gaarii dha. Kanaafuu ergaan koo nuyi Waaqayyo isa dhiiga Yesusiin nu biteef guddaa gatii qabeessa waan taaneef hidhanni nuyi warra amanan waliin qabnu namoota amantiin isaanii akkuma keenya qajeelfama dubbii Waaqayyoo irratti hundeeffaman waliin ta’uu qaba. Faallaa dubbii dhugaa warra jiran; maqaaf amaneera jechaa jireenyaan immoo ijji hojii isaanii kan foonii warra ta’etti fagaachuun nurra jiraata. Hidhanni nuti namoota waliin qabnu jireenya hafuuraa nuti qabnu irratti dhiibbaa gaariis ta’e hamaa qabaachuu danda’a. Kanaaf eenyu waliin firoomuu fi eenyu irraa fagaachuu akka qabnu beekuuf falli isaa dubbii namootaa irra darbuun ija hojii jireenya namootaa irraa argamu, akkaataa Gal 5: 19 irraa kaasee jiruutti qoranii ilaaluudha dha. Namoota amananii iji hojii hafuuraa irraa calaqqisutti haa maxxannu jechuun goolaba dhaamsa kooti.

Hojiin foonii mul’ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gad-dhiisii, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee ture, warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima. Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru

Galatiyaa 5:19-23

Ayyaannii fi araarri Waaqayyoo siif haa baay’atu!


Yaadota

Yaada kenni