Macaafni Hunduu Waa’eekoo..

Bible

Eenyummaan Kiristoos guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti, Seera Uumamaa irraa kaasee hanga Mul’ata Yohaannisitti ni argama. Kakuun moofaa dhufaatii Kiristoos ilaalchisee raajii fi gaaddidduu hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’u; Kakuu haaraan immoo waa’ee jireenya isaa, barsiisa isaa, du’a isaa fi du’aa ka’uu isaa bal’inaan kan ibsudha.

Yesus Kristos kutaa Macaafa Qulqulluu tokkoo tokkoo isaa keessatti akkamitti akka ibsame gabaabinaan haa ilaallu:

  • Seera Uumamaa: Macaafni Seera Uumamaa yaada Masihii abdachiifamee fi biyya lafaa fayyisuuf dhufe ni dubbata. Abdiin kun jalqaba Seera Uumamaa 3:15 keessatti kan kenname yoo ta’u, “innis mataa isaa akka buruqsu” dubbata. Abdiin kun boodarra Abrahaam, Yisihaaq fi Yaaqoob irratti irra deebi’amee kan ibsame yeroo ta’u; Yihudoonni Masiihii akka eeggataniif bu’uura ta’eera.
  • Kitaabota Seenaa: Kitaabota seenaa Kakuu Moofaa keessatti, fakkeenya Kiristoos hedduutu jira. Fakkeenyaaf, seenaan Yoseef Seera Uumamaa 37-50 keessatti akka fakkeenya Kiristoositti ilaalama; akkuma Yoseef obboloota isaatiin ganamuuf rakkachuu fi sadarkaa aangootti ol kaafame. Kun Kiristoos ganamuu, gidiraa fi ol kaafamuu isaa dursee kan argisiisudha. Akkuma Museen saba Israa’eliin galaana ceesisee biyya aannanii fi damma baasuutti saba Isiraa’el dabarse; Yesuus immoo cubbuu ilmaan namootaa irraa fuudhuun du’a bara baraa irraa gara jireenya bara baraatti fiduu fi ilmaan namootaaf jireenya laachuun isaa fakkenya ta’a. Museen boficha fannisee namoonni fayyuun bifa seenaatiin gaddidduu kakuu haaraa ta’uu isaa dhugaa ba’a.
  • Ogummaa fi Kitaaba Walaloo: Kitaabonni ogummaa fi walaloo kakuu moofaa raajii Masihichaa hedduu kan of keessaa qabu. Fakkeenyaaf Faarfannaa boqonnaa 2 fi 22 keessatti gidiraa fi abdii waa’ee Masihichaa sirriitti ergaan dabarsan ni argamu.
  • Raajota: Kitaabonni raajii kakuu moofaa raajii Masihichaa, akkasumas ibsa dhufaatii isaa hedduu of keessaa qabu. Fakkeenyaaf, Macaafa Isaayaas 9:6-7, dhalachuu daa’imaa “Gorsaa ajaa’ibaa, Waaqayyo jabaa, Abbaa bara baraa, Mootii Nagaa” jedhamee waamamuun mucichaa eenyummaa Yesuus ibsa.
  • Wangeelota: Wangeelonni afran Kakuu Haaraa waa’ee jireenya, barsiisa, du’aa fi du’aa ka’uu Yesus Kiristoos bal’inaan ni ibsu. Raajii fi fakkiiwwan kakuu moofaa hedduu akkamitti akka raawwate; akkasumas kakuu haaraa Waaqayyoo fi dhala namaa gidduutti akkamitti akka hundeesse gadi fageenyaan raggaasisu.
  • Ergaawwan: Ergaawwan kakuu haaraa ergamootaan barreeffaman; hiika jireenyaa fi barsiisa Kiristoos irratti yaada Tiyooloojii dabalataa ni kennu. Aarsaan Kiristoos fannoo irratti akkamitti araara cubbuu akka argamsiisu; akkasumas du’aa ka’uun isaa akkamitti jireenya bara baraa fi abdii akka kennu dhoksaa guddaa kan eeruudha.
  • Mul’ata: Macaafni Mul’ataa bara dhumaa ilaalchisee mul’ata raajii kan argisiisu yemmuu ta’u; Kiristoos mootummaa isaa lafa irratti hundeessuuf akkamitti akka deebi’u dubbata. Innis injifannoo dhumaa Kiristoos cubbuu fi hammeenya irratti argate cimsee kan barsiisu yoo ta’u, amantootaaf abdii fi jajjabina jireenya bara baraa kennuudhaan aangoo fi olaantummaa Yesusiin mul’isa.

Macaafni Qulqulluun seenaa tokkummaa qabuun karoora Waaqayyo dhala namaa karaa dhufaatii Yesus Kiristoosiin furuuf qabu ni ibsa. Seera Uumamaa keessatti abdii Masihii isa jalqabaa irraa kaasee; hanga injifannoo dhumaa Kiristoos Mul’ata keessatti barreeffameetti; Macaafni Qulqulluun yaada gaarii Abbaan ilma isaatiin namootaaf qabu karaa hin mamsiifnen macaafotni hunduu waa’ee masii’ichaa ni dubbatu.

Kadhata

Akkuma ati jettee caffaannii hunduu waa’ee kee akka dubbatu nuti amannerra. Macaafni hunduu waa’eekee akka dubbatuu fi hafuurri qulqulluu immoo waa’eekee akka nuuf ibsuuf waadaa akkuma nuuf seente nutis hafuura sanaan gargaaramnee dhoksaa waa’eekee hundaa bira ga’uu akka dandenyuuf ati ayyaana kee nuuf bay’isii!

Abbaa, jaalaala ati ilmaakee nuuf latteef sii haa galatu. Raajii fi gaaddidduu kakuu moofaa itti raawwateef; akkasumas kakuu haaraa inni Waaqayyoo fi dhala namaa gidduutti aarsaa fannoo irratti kenneen ilmaan namootaa irraa cubbuu bara baraa kaaseef (fuudheef) sii galateeffanna. Akkaataa jireenyi isaa fi barumsi isaa har’as nu kakaasuu fi nu qajeelchuun itti fufee jiruuf; akkasumas abdii inni jireenya bara baraa nuuf kennu hunduumaaf nuti isa galateeffanna.

Kiristoos eenyu akka ta’ee fi maal akka nuuf godhe hubannoo keenya akka gadi fageessinu nu gargaari. Guyyaa guyyaan jaalalaa fi ayyaana isaa ifa godhannee akka jiraannu, akkasumas oduu gammachiisaa fayyina isaa warra kaaniif akka qoodnu nu gargaari! Barumsa isaatti jiraachuu fi akkuma inni nu jaallate warra kaan jaallachuu akka dandeenyu; duuka buutota amanamoo Kiristoos akka taanuu fi Wantoota kana hunda maqaa Yesus Kiristoos, gooftaa fi Fayyisaa keenya nuti immoo warra kaan birattii waa’ee ilmaakee dhugaa-ba’uu akka dandeenyu ati nu gargaari!

Ameen.


Yaadota

One response to “Macaafni Hunduu Waa’eekoo..”

  1. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Baay’ee gaariidha! Macaafni Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa, Waa’ee gooftaa Yesuus Kiristoos akkamiin akka ibsee kaa’u, amma hubadheera; naaf galeeras!

Yaada kenni