Yeroo baayyee amantoota biratti faayidaan kadhannaa xiqqoo akka malee wantoota hubataman keessaa isa tokkodha. Amanaan baayyeen kadhannaa kan inni kadhatu waan barbaade tokko argachuuf jecha qofaa dha. Garuu kadhannaan sanarra in darba. Akkasumas kadhannaan tajaajiltoota yookin namoota ‘qulqulloota’ ta’an qofaaf, darbees yeroo addaa, bakka addaatiif kan abboomame miti. Kadhannaan Waaqayyoo wajjin haasa’uu fi walitti dhufeenya nuuf Waaqayyo gidduu jiru daandii ittiin cimsinu dha.
Akkuma miseensa maatii walii wajjin haasaʼuu danda’uu, nutis Waaqayyoo wajjin haasaʼuuf mirga guutuu qabna. Nuti maatii Waaqayyoodha! Haata’uyyuu malee Waaqayyo namoota garaa cabaa fi yaada gad-deebi’aan isa barbaaddatan hundumaatti ni mul’ata. Faayidaaleen kadhannaa gurguddoo keessaa muraasa haa ilaallu:
1. Walitti dhufeenya gaarii Waaqayyo waliin qabachuuf
Hariiroo nuuf Waaqayyo gidduu jiru cimsuus laaffisuus kan danda’u nu ta’uu beeknee; wanta nurraa barbaadamuu fi ga’ee keenya ba’uu qabna. Sabaabiin isaa Waaqayyo nama isa barbaaddate hundumaaf nii argama. Kanaafuu Waaqayyoon dhimminee barbaaddachuu qabna.
2. Nagaa fi jajjabina argachuuf
Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! 7 Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega
Filiphisiiyus 4:6
Kutaan kun humna kadhannaan nagaa fi jajjabina keessoo nuuf fiduuf, haala rakkisaa gidduutti illee ni dubbata. Gaaffii keenya galateeffannaadhaan gara Waaqayyootti fiduudhaan nagaa isa amanachuu irraa argamu argachuu dandeenya.
Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi’aannaa.
Ibroota 4:16
Caqasni kun ammoo yeroo rakkinaa keenyatti yeroo hunda nu dhaggeeffachuu fi ayyaanaa fi araara nuuf dhiyeessuuf inni qophaa’aa ta’uu isaa beekuudhaan kadhannaadhaan fuula Waaqayyootti akka itti dhiyaannu nu jajjabeessa.
3. Qajeelfamaaf
Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir’ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf
Yaaqoob. 1:5
Kutaan kun yeroo hundumaa warra kadhataniif arjummaadhaan kennuudhaaf qophaa’aa ta’uu isaa beekuudhaan qajeelfamaa fi ogummaa Waaqayyoo kadhannaadhaan akka barbaaddannu nu jajjabeessa.
4. Fayyisuuf
Kadhanni amantiidhaan kadhatamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta’es in dhiisaaf. 16 Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay’ee hojjechuu in danda’a
Yaaqoob. 515
Akkuma dubbiin Waaqayyoo kun hubachiisu, humna kadhannaan fayyinaa fi lafa kufanii ka’uun akka danda’amu, foonii fi hafuuraan of danda’anii akka dhaabbatan dubbata. Waliif kadhachuu fi cubbuu keenya himachuudhaan ayyaana Waaqayyoo fi dhiifama argachuu dandeenya.
5. Galataaf
Wanta galateeffachuu qabnu hundumaa irratti xiyyeeffachuudhaan, jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti gammachuun guutamne galataan kadhachuunis nurraa eegama.
Kadhata
Waaqa koo!
Har’a humna kadhannaa addaa argachuuf gara kee dhufeera. Atis jechoota an ittiin si kadhadhuu fi si barbaaddadhu afaan kootti guuti. Dhoksaa kees na hubachiisi! Waaqayyo garuu nama isa barbaaddatu hundumaaf nii argama isa jedhu sagaleekee nan beeka.
Yaa gooftaa, kadhannaan namummaa jireenya koo hundumaa akka jabeessuuf humna, ayyaana fi dibatakee anaaf kenni. Yerootti yeroo malee si barbaaddachuu fi si waamuu akkan danda’uuf na gargaari.
Kadhata koo keessatti dhimmee si barbaaduutti amanamaa akkan ta’uuf, akkasumas kadhata koo dhageessee gara laafinaa fi ayyaanaan na faana akka taatu; mogolee amantii hin mudhuknee fi amilee cimaa anaaf kenni. Jireenya koo keessatti yeroo hundaa argamuukeef, eebba danuu fi fayyaa guutuu naaf kenniteef galatoomi. Gooftaakoo hariiroon si wajjin qabu gadi fageenyaan akka cimuuf yeroo hundumaatti; amantii, abdii fi jaalalaan akkan guddadhu na gargaari.
Maqaa Yesusin.
Ameen!!


Yaada kenni