Nama Isa Kam?

Gaaffiin, “Nama isa kam?” jedhu gaaffii gabaabaa namichi bariisaa seeraa (torah) ta’e yeroo tokko Yesuusiin gaafatee, deebiin Yesus gaaffii isaaf kenne immoo deebii hin eegamnee fi sammuu barsiisichaa fi namoota bakka sana turan keessaa baduu hin dandeenye ta’ee argamedha. Deebiin Yesus namichaaf deebise sun, jireenya keenya keessatti barumsa guddaa nuuf ta’a, akka yaada Waaqayyoottis akka deddeebinuuf nu gargaara. Haasaan Yesus namicha wajjin godhe kana fakkaata ture:

Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka’ee, Yesusin qoruudhaaf, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee gaafate. Yesus immoo deebisee, “Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta” jedhee isuma gaafate. 27Kana irratti namichi, “Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta’a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta’a” jedhee deebise. Yesus immoo, “Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!” jedheen. Barsiisichi seeraa garuu, nama qajeelaa of gochuu barbaadee, “Nama isa kam?” jedhee Yesusin gaafate.

Luq. 10 : 26-29

Yesus gaaffii namichaa deebisuuf jedhee seenaa namicha Samaariyaa baayyee nama gaddisiisu tokkoo kana itti hime:

Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman. Lubni tokko karaa sana utuu darbuu, namicha yommuu lafatti arge irraa goree darbe. Akkasumas namni gosa Lewwii tokko, iddoo sana dhufee yommuu isa arge, irraa goree darbe. Namni Samaariyaa tokko garuu, utuu karaa adeemuu achi ga’ee, yommuu isa arge in oo’eef. Itti dhi’aatees, madaa isaa dibataan mucuceessee, daadhii wayniis itti naqee erga hidheefii, horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare. Borumtaas meetii lama fuudhee, isa buufata keessummaa sana eegutti kennee, Hadaraa ittiin wal’aani; kana irra caalaa yoo baaftes, yommuun deebi’u siifan kenna? ittiin jedhe? jedhe.
Yesus itti fufee, Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu’e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata? jedhee gaafate. Barsiisaan seeraa sun immoo deebisee “Isa oo’eef” jedhe; Yesus immoo, “Atis dhaqii, akkasuma godhi!” ittiin jedhe.

Luq. 10 : 30-37

Gara-laafinaa fi Oo’a dhabuu Lubichaafi Leewwichaa

Geggeessitoonni amantii sun lamaan waa’ee seerota Waaqayyoo bakka deeman hundumaatti namoota lallabani. Hata’u malee isa barsiisan sana namoota jiraatan miti sababni isaa abboommii “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhu sana utuu kabajanii namicha du’aa fi jireenya gidduu jiru kana arganii hamma danda’an gargaaruu dhiisanii irraa goranii bira hin darban ture. Gara jabinni isaanii kun kan dhufes seera qulqullummaa isaaniitiif yaaddoo qabaachuu irraa kan ka’e, tarii ammoo haala namichi keessa jiru itti goranii sirriitti hubachuuf fedha dhabuu irraa kan ka’e ta’uu danda’a, sanas ta’u kana garuu jarri kun nama gargaarsa barbaadu sanaaf garaa laafuufii hin dandeenye.

Gocha Gara-laafinaa namicha Samaariyaa

Namni Samaariyaa, kan saba Yihudootaatiin akka diinaatti ilaalamaa ture, dhufees namicha arge. Gara-laafina oo’aan guutamee:

  1. Madaa isaa wal’aane.

2. Horii ofii isaa irra teessisees, mana buufata keessummootaatti geessee achitti isa gargaare.

Barumsaa fi Fakkeenya Dhaloota Ammaaf

Hiikni ollaa yookiin fira jedhu, sanyii, amantii, yookiin eenyummaa irratti osoo hin hundaa’in, nama gargaarsa barbaadu kamiyyuu kan hammatudha. Barumsi gaarummaa daangaa hin qabne kun, asoosama ammayyaa keessattillee ni calaqqisa.

Fakkeenyaaf, kitaaba “To Kill a Mockingbird” jedhamu kan barreessituu Harper Lee’n barreeffame keessatti, amalli abukaatoo Atticus Finch, akka fakkeenya namicha Samariyaa bara ammayyaatti fudhatama.

Seenaan kun kan raawwatamu hawaasa loogii sanyiitiin qoqqoodame keessatti yoo ta’u, Atticus nama gurraacha Tom Robinson jedhamuu fi yakka inni hin raawwanneen himatamee, haqni isaa akka eegamuuf falmeera. Akkuma namichi Samaariyaa sun nama miidhameef birmate, Atticusis jibbaa fi tuffii hawaasa isaa irraa isa mudatu osoo hin sodaatin, namicha gurraacha cunqursame sanaaf falmuudhaan ofii isaa balaadhaaf saaxile.

Gochi Atticus kun, namummaa fi gara-laafinni; loogii, aadaa fi sanyii caalaa ulfaataafi kan caalu ta’uu agarsiisa. Akkuma namichi Samaariyaa sun eenyummaa nama miidhamee osoo hin gaafatin gargaare, Atticusis dhiibbaa hawaasaa dandamachuun fakkeenya gaarii ta’eera. Kanaafuu, seenaan kun hiika ‘ollaa gaarii’ jedhu bifa ammayyaatiin kan ibsudha.

Abboommii Jaalalaa: Bu’uura Seera Waaqayyoo

Gochaa namicha Samaariyaa kanaaf bu’uurri isaa abboommii Waaqayyo dursee kennedha.

Ani Waaqayyoo dha; ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin!”

Lew. 19:18

Luqqisiin kun qaama Macaafa Lewwootaa isa ‘Seera Qulqullummaa’ jedhamuun beekamu yoo ta’u, seerotaa fi qajeeltoowwan jireenya Israa’elootaa guyyaa guyyaan qajeelchan of keessatti qabata. Ergaan ijoo kutaa kanaa ‘nama akka ofii keetiitti jaalladhu’ kan jedhu dha. Kunis, akka nuti waliif oo’inuu fi nama akka ofii keenyaatti jaallannu nu hubachiisa. Jaalala kana hojiirra oolchuuf immoo, garaa akka Yesuus qabaachuun waliif oo’uun barbaachisaa ta’uu nu barsiisa.

Yesuusis barsiisa isaa keessatti abboommii kana irra deebi’uun kan cimse yoo ta’u, Kakuu Haaraa keessatti abboommiiwwan gurguddoo lamaan keessaa isa tokko ta’uu isaa ibsee jira:

Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’.

Mat. 22:39

Kutaa kana keessatti Waaqayyoon jaallachuu fi nama ollaa ofii jaallachuun abboommiiwwan gurguddoo lamaan ta’uu isaanii adda baasee, isaan gargar ba’uu akka hin dandeenyee fi bu’uura abboommiiwwan biroo Macaafa Qulqulluu keessa jiran hundumaa ta’uu isaanii cimsee nuuf ibsa.

Karaa qabatamaa ollaa keenya akka ofii keenyaatti jaallachuu dandeenyu, gargaarsa ykn jajjabina kennuudhaan gaarummaa fi gara laafina agarsiisuu, ollaa keenyaa fi fedhii isaanii beekuudhaan hariiroo ijaaruu, tola ooltummaa ykn arjooma gochuudhaan warra rakkatan tajaajiluu, haqaa fi walqixxummaa leellisuu, ollaa keenyaaf kadhachuu yaada kennuufii.

Ollaa keenya jaallachuun itti yaadanii fi carraaqqii dursanii hojjechuu kan gaafatu yommuu taʼu, gochaafi ilaalcha qabatamaa kan akka gad of qabuu, gara laafinaafi fedhii namoota kaaniif dursa kennuudhaaf fedhii qabaachuu kan dabalatudha.

Jireenya Guyyaa Guyyaa Keessatti Jaalala Hojiin Agarsiisuu

Karaa qabatamaa itti ollaa keenya akka ofii keenyaatti jaallachuu dandeenyu hedduutu jira:

  • Nama rakkate yoo arginu, callisnee bira darbuu mannaa, waan dandeenyuun gargaaruu.
  • Namoota yaaddoon itti baay’ateef gurra kennuu fi jajjabeessuun gara-laafina agarsiisuudha.
  • Nama sanyii, amantii, ykn sadarkaa jireenyaatiin nu irraa adda ta’etti jaalala agarsiisuun, dallaa jibbaa gidduu keenya jiru diiguudha.
  • Qabeenya, yeroo, fi humna keenya warra harka qalleeyyii ta’aniif qooduudha.

Ollaa keenya jaallachuun filannoo qofa osoo hin taane, itti-gaafatamummaa Kiristaana tokko irraa eegamudha.

Dhaamsa: garaa akka namicha Samaariyaa sanaa qabaannee, jaalala isa daangaa hin qabne hojiin haa argisiisnu.

Ollaa keenya jaallachuun filannoo qofa osoo hin taane, itti-gaafatamummaa Kiristaana tokko irraa eegamudha.

Kadhata

Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, Ati jaalala akka taate, jaalalaanis akka jiraannuuf nu uumte. Har’a, fakkeenya ilma kee Yesuus Kiristoos isa nu barsiise, fi gocha namicha Samaariyaa isa gara-laafessa irraa barachuuf fuula kee duratti dhi’aanna.

Yaa Gooftaa, garaa keenya loogii fi of-jaallachuu kamiyyuu irraa qulqulleessi. Akkuma namichi Samaariyaa sun jibbaa fi garaagarummaa saba isaa dhiisee nama gargaarsa barbaaduuf oo’e, nus daangaa sanyii, amantii, fi sadarkaa jireenyaa cabsuun, nama rakkate kamiyyuu akka gargaarruuf nu taasisi.

Ija bira darbanii ilaalan osoo hin taane, ija gara-laafinaan ilaalu nuuf kenni. Abboommii kee isa guddaa, ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’ jedhu sana, jireenya keenya guyyaa guyyaatiin akka jiraannuuf Hafuura kee Qulqulluun nu geggeessi.

Maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin si kadhanna. Ameen


Yaadota

One response to “Nama Isa Kam?”

  1. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Gorsa baay’ee murteessaa fi barbaachisaa ta’e dha. Eebbifamaa.

Yaada kenni