Jireenya biyya lafaa kana keessatti walitti dhufeenyonni yookaan hariiroon hedduun namoota gidduutti ni uumamu. Isaan keessaa inni tokko Michummaa / Hiriyyummaa isa jennu sana dha. Michummaan kan uumamu, namoota walitti dhufeenya gadi fagoo, dhiyoo fi hiika qabu qaban, akkasumas ammoo wal kabajuu, wal amantaa, wal hubachuu fi wal deggeruu, salphaatti walitti haasa’uu fi waliin taphachuu, ifatti yaada ofii walii qooduu fi haala kam keessattuu wal bukkee dhaabatan gidduutti.
Waa’ee michummaa yeroo dubbannu, michooma dubartoota qarree Oromoo gidduutti umamuu fi Addooyyee jedhamuun beekamu fudhannee yoo ilaalle, Addooyyee michummaa hiika lama qabu ta’ee arganna. Inni duraa, sirna obbolummaa hiriyyoota dubaraa gidduu jiru yoo tahu inni lammataa immoo walitti dhufeenya dubarri tokko hiriyyaa lubbuu isheetti baayyee dhiyaattu waliin qabaattu dha. Walitti dhiyeenyi akkanaa kunis Saakumee jedhamuun beekama. Dubartoonni qarree kunneen wal deeggaruuf, wal kunuunsuuf, miiltoo walii tahuufi iccitii walii qooduuf walii kakatanii hiriyyoomu. Migira luqqaasanii gidduu isaaniitti qabuun ‘yoon si gane akkas na haa kutu’ jechuun migiricha kutanii walii kakatu. Kuni kakuu obbolummaa, wal bira dhaabbachuu fi waliif dhaabbachuuti. Takkaa walii kakannaan maqaa waliin wal hin waaman. “Addooyye” waliin jedhu malee. Lafa cidhaa waliin deemanii cidheessuu, gabaa waliin deemuu, bakka hojii fi mana barumsaallee walumaan deemu. Qoraan waliin cabsu, lagas wajjin bu’anii bishaan waraabu. Iccitii jaalalleewwan isaaniis waliin qooddatu.
Yesus Kiristoos Phexros, Yaaqoob, Yohaannisii fi bartoota kaaniif michuu akkanaa ture. Inni michuu cubbamootaa ture. Cubbuu isaanii dhiiseefi jireenya haaraa qulqulluu isaaniif kenne. Namoota hiriyummaa isaa barbaadan hundaaf michuu ture; sooressas ta’e hiyyeessa, cubbamaas ta’e qulqulluu, wallaalaas ta’e beekaa, Yihudiis ta’e orma, jaalala kanaan dura isaan arganii hin beekne, jaalala dhugaa, badhaadhaa, gadi fagoo, ofittummaa kana hin qabne, jechuunis jaalala Waaqayyoo isa dhugaa isaaniif kenna ture. Inni dhugaa isaan barsiise, rakkoo isaanii hundattiis isaan gargaare.
Yesus nama ta’ee lafa irra yeroo tureetti, yeroo takkotti iddoo tokko qofaatti akka argamuu danda’uu fi yeroo dhiyootti immoo isaan irraa akka gargar bahu ni beeka ture. Michoota isaa warra isa barbaadan hundumaa wajjin ta’uu akka hin dandeenyes beeka ture. Kanaaf Yesus yeroo isaan biratti argamaa ture sana keessatti gara samiitti akka deebi’u, yeroo deebi’us michuu fi gargaaraa dhugaa kan biraa yeroo tokkotti hunda isaanii wajjin ta’uu danda’uvbakka jiranitti akka isaaniif ergu waadaa galaafi ture.
Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna. inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda’u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu.
Yohaannis 14 :16-17
Michuun Yesus warra isatti amananiif erguuf waadaa gale kun “Hafuura Qulqulluu” dha. Inni sadan tokkummaa Waaqayyoo keessaa Isa tokko. Inni akkuma Waaqayyo Aabbaa fi Yesus Kiristoos waan hundumaa ni beeka. Humna waan fedhe raawwachuu qaba. Qaama hin qabu, hafuura dha, garuu yeroo tokkotti bakka hunda ta’uu danda’a. Yesus akkuma waadaa gale, warra isa simatan keessa akka jiraatuuf Hafuura Qulqulluu erge. Waan Yesus michoota isaa yeroo inni lafa irra deddeebi’aa tureef raawwate akka nuuf raawwatuuf michuu keenya isa dhugaa Hafuura Qulqulluu nuuf erge.
Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhaabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga.
Yohaannis 16:7
Dubareen tokko yoo Addooyyee qabaatte rakkoo ishees ta’e gammachuu ishee Addooyyee isheetiif qooduu hin dhistu. Akka Addooyyeen ishee rakkoo isheef furmaata laachuu hin dandeenye yoo beekte iyyuu rakkina ishee mudate sana isheetti himachuu irraa boddeetti hin jettu. Sababiin isaas kakaan isaan gidduu jiru cimaa fi hiika kan qabu waan ta’eefi. Yesus Kiristoos immoo kakuun inni nuuf gale hammam cimaa fi gadi fagoo akka ta’e tilmaamuun hin ulfaatu. Akkas jedhee isaanitti hima ture; “…inni yeroo dhufu waan hundumaa isin hubachiisa”. Hafuura Qulqulluu isa michuu fi gargaaraa addaa ta’e, rakkoo keenya dhagahee kan callisu osoo hin taane yeroo hundaa nu bukkee kan jiraatu, furmaatas kan nuuf kennu, jajjabeessaa, barsiisaa, yaadachiisaa isa ta’e Abbaa biraa nuuf erge. Qorattoonni Macaafaa fi Afaanii “Michuu” isa Yesus jedhee waame kana akkas jadhanii ibsaniiru. “Kan isiniif dubbatu”, “abukaatoo”, “gargaaraa”, “gorsaa”… jechuu dha jedhanii hiiku. Jechi isaan afaan Giriikiitiin itti fayyadaman “Paaraakili’et” yeroo ta’u, karaa adda addaa muraasaan hiikama. Mee kuufama hiikaawwan jecha kanaa keessaa muraasa fudhannee haa ilaallu.
- Abukaatoo
Hafuura gama keenyaan ta’ee dhaddacha Waaqayyoo fi dhaddacha namaa duratti yeroo hundaa nuuf falmu. Wanta ofii keenya dubbatachuu hin dandeenye kan nuu dubbatuu fi haqaan nuuf murteessu Yesus Hafuura Isaa isa falmaa sana nuuf kenne.
2. Jajjabeessaa
Biyya lafaa keessa yeroo jiraannu; qorumsoota garaa garaa keessa dabarra. Isaan keessaa dhabuu, bela’uu, du’a yeroo malee, dhukkubsachuu fi k.k.f ta’uu danda’a. Garuu Hafuurri Waaqayyoo (michuun keenya) jajjabina nuu kennuudhaaf nu keessa jiraata. Jaalalaa fi Ayyaana Waaqayyoo nuuf kennuun, dubbii Waaqayyoo keessa wantoota jiran nu yaadachisuu fi nutti himuun nu tasgabbeessa.
Jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan, nuyi immoo rakkina attamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu in isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhaabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga.
2Qorontos 1:4
3. Gorsaa
Yeroo baayyee gorsa (“counseling”) yeroo barbaannu Hafuura Qulqulluu caalaa, hiriyyaa keenya, maatii keenya yookaan ogeessa saayikoloojii bira deemna. Michuun keenya Hafuurri Qulqulluu garuu gorsaa waan hundaa beeku dha. Yaada keenya, miira keenya, fedhii keenya, seenaa kenyaa fi wanta nuti dabarsine hunda nama kamiyyuu caalaa beeka. Hafuurri kun immoo gorsa Kiristoos nu gorsa; Innis gara jireenyaaf gara karaa dhugaa hundatti nu gaggeessa.
Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” in jedhama..
Isa.ayaas 9:6
4. Gargaaraa
Yesus yeroo lafa irra deddeebi’aa turetti duuka buutota isaa haala kam keessattuu isaan barsisa, isaan gargaara, dinqii garaagaraa gochaa isaan jajjabeessaa fi Waaqayyo Abbaa akka argan isaan gargaaraa ture. Hafuurri Qulqulluu inni Kiristoos waadaa nuuf gale kun immoo haalaa fi daangaa iddootiin osoo hin daangeffamin duuka buutonni isaa addunyaa guutuutti akka dhugaa bahaniif; warri isa fudhatanis humna gargaarsaa kana akka arganiif yeroo hunda Hafuurri kun gargaarsaaf dhaabata. Hafuurri waan namni humna isaan gochuu hin dandeenye, waan yaada isaa ol ta’e, haala gaara jabaa ta’ee deemsa nama dhowwu sana keessa nama dabarsa. Harka nama qaba. Jilba namaas jabeessa. Eeyyeen, Hafuurri Qulqulluun gargaaraa keenya dha!
Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta’utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul’isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.
Romaa. 8:26


Yaada kenni