Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama; beekumsaan kutaawwan manichaa, wanta gati-jabeessaa fi badhaadhummaa nama gammachiisu hundumaan in guuta.
Fakkeenya 24:3-4
Saayinsiin akka jedhuttii dhalli namaa guyyaadhaan yaada lakkoofsaan hanga 70,000 ta’an yaaduu danda’a.Gama dubbiitiin immoo namni tokko gidduu galeessaan jechoota 7,000 ta’an guyyaa tokkotti dubbachuu danda’a. Ragaa saayinsii kana irraa namni hanga afaaniin dubbatu caalaa sammuu isaa keessatti yaada inni qabutu heddummaata jechuu dha. Kanaaf fakkaata namnii murtoo tokko tokko murteessuuf waa’ee waan sanaa dursa waliin dubbii dheeraa sammuu isaa waliin waan qabaatuuf murtoof yeroo barfatu kan argamu. Ofiin of-gaafachuu fi ofiin deebii ofii kennuun ofuma amansiisuuf yaaluun adeemsa murtoo irra ittiin gahan keessaati yoo jedhame wal nama hin falmisiisu. Yeroo hedduu immoo ofiin ofiif deebii kennuufuu madda odeeffannoo baay’ee akka wabiitti iyyaafachuun nii mul’ata.
Barbaachi namni wantota beekuuf qabaatu umurii fi guddina qaama namaan illee murteeffamuu nii mala. Yeroo dargaggummaa keessa wantota namni beekuu fi qorachuu barbaadu keessaa inni tokko waa’ee saala faallaa isaa jiruuti. Inni dhiiraa waa’ee shamaraa; isheen shamaraas waa’ee isa dargaggeessaa baruuf dhimmuun nii mul’ata. Saala faallaa ta’etti harkifamuu kana kan fidu immoo seeruma uumaa isa hariiroo jaalalaa dhiiraa fi dubartii gidduu jiru sanaaf kaa’ame sana ta’uu hin hafne. Kanaaf hiriyyaa jaalalaa qabaachuu, gaa’ela dhaabbachuu fi maatii horachuu fedhuun barbaacha uumamumaan namni qabaatu keessaa isaan gurguddoo dha. Yeroo kana eenyuun fuudhu/ eenyutti heerumu? Gaaffiin jedhu gaaffii jabaa deebii quubsaa barbaadu ta’uun of beeksisuun isaa waan hin oolle.
Deebii kanaaf ta’u argachuuf of gaafachuu irra darbee dubbii hiriyyaa fi nama waan kana ni beeka jedhame kamuu dhagahuuf gurra kennuunii fi dhimma kanarratti dubbisuun namuu deebii ofii barbaaddata. Sana booda ulaagaa ofii kawwachuun nama madaala sana guutu hiriyyoomfachuuf barbaacha eegala jechuu dha. Haata’u malee barbaachi akkana kun yeroo hedduu milkaa’inaan yoo goolabamu hin mul’atu. Kanneen akkuma yaadan milkaa’anis immoo booda ulaagaamtii isaan ittiin barbaacha eegalan sun harkatti gatii dhabuun murtoo irra gahan sanaan gaabbii fi rakkoo keessa yoo seenan illee nii argamu.
Kanaafuu dhimma hiriyyaa gaa’elaaf yaadan barbaaduu irratti barbaachaaf ulaagaa baafachuu kana dura gaaffii namni of gaafachuun deebisuu qabu tokkotu jira. Innis ‘eenyyuun?’ gaaffii jedhu dura ‘maaliif?’ gaaffii jedhuun gaaffii jalqabuu dha. Kana jechuun gaaffii ” eenyuun fuudhu/eenyutti heerumu?” jedhu dursa “Maaliif fuudhu/ maalif heerumu?”jedhu deebisuun baay’ee barbaachisaa fi gaaffii ‘eenyuun?’ jedhu sana salphaatti deebisuuf nama dandeessisu ta’a. Kana jechuunis namni tokko gaa’elaaf hiriyyaa barbaaduu dursa sababa bu’uuraa gaa’elli irra dhaabbatu bira gahuun barbaachisa. Haata’u malee namoonni baay’een gaaffii “gaa’elli maaliif?” Jedhu kanaaf deebii: ijoollee horachuuf, jireenya waliin mo’achuuf, fedhii foonii/saalquunnamtii guuttaachuf, qofummaa mo’achuuf fi kan kana fakkaatan deebisu. Atihoo maaliif fuudhuuf/ heerumuuf barbaadde?
Haata’uu malee waanti sirriitti beekamuu qabu tokko gaa’elli kristaanaa erga dhaabbatee booda sababa kamiifuu diigamuu akka hin qabne dha (Milk 2:16 fi Mat 19:7).
Waaqayyo gooftaan inni kan Israa’el, “Namni haadha manaa isaa gad dhiisuun humnaan ishee irratti ka’uu akka uffataatti uffachuu isaa waan ta’uuf, wanta akkasii baay’isee nan jibba; kanaafis isin jireenya keessan eeggadhaa, amanamummaas hin dhabinaa!” jedha.”
Miilkiyaas 2:16
Fariisonni immoo, ”Yoos Museen, ‘Caaffata ittiin ishee baasu kenneefii haa baasu’ jedhee maaliif abboome ree?” jedhanii Yesusin gaafatan. Yesus deebisee, “Museen sababii mata-jabina keessaniitiif haadha manaa keessan akka baaftaniif karaa isiniif bane malee, jalqabatti akkas hin turre.”jedhe
Maatewos 19:7
Egaa sababoota armaan olii keessaa akka fakkeenyaattii kristaanni tokko dhala godhachuuf gaa’ela kan dhaabbatu yoo ta’e; dhala godhachuun yoo dadhabame wal-hiiku jechuu dha? Matumaa! Sababoota kamiinuu gaa’elli kiristaanaa diigamuun yaada Waaqayyoo miti. Kanaaf sababootaan Gaa’elli addaan hin diigamu taanaan; akka bu’uura gaa’elaatti kan yaadamuu qabu dhimmi biraa jiraachuu qaba jechuu dha.
Amanaan Tokko Hunda Dura Maal Gochuu Qaba?
Yommus Yesus deebisee, ”Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a.
Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana.
Maatewos 22:37-38
Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti.
Maatewos 10:37
Macaafni qulqulluun Maatewos 6:33 irrattii Kristaanni kamuu waan hundumaa dura Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaddachuu akka qabu dubbata. Akkasumas immoo hundumaa dura Waaqayyoon jaallachuu akka qabu ifatti dubbata (Mat 10:37 fi Mat 22:37-38). Kana jechuun dursi waan hundumaa Waaqayyoon jaallachuu fi mootummaa isaa, qajeelummaa isaas barbaaddachuu ta’a jechuu dha. Egaa gaa’eelas dabalatee akkaataan jireenya amanataa tokkoo Jaalala guddaa Waaqayyoof qabachuun gammachuu Waaqayyoof of kennuu ta’uu qaba. Erga ergamni namaa haala kanaan adda ba’ee; hiriyyaan gaa’elaas kan barbaadamu “namni an barbaadu kun kaayyoo kanaaf na jabeessuu dandeessii?/danda’aa? ” Deebii gaaffii jedhuun murtaa’uuf deema jechuu dha. Kana irraas kaayyoon gaa’elaa inni jalqabaa gammachuu dhuunfaa osoo hin taane Waaqayyo isa gatiidhaaan nu bitateef ulfinaaf ta’uuf akka ta’u hubachuun nii danda’ama. Kanaafi egaa macaafni Qulqulluun gaa’ela kakuu qulqulluu isa dhiiraa fi dubartii gidduu jiru walitti dhufeenya Kristoosii fi waldaa gidduu jiruuf calaqqee akka ta’utti dhaabbachuu isaa kan barsiisu (Efe 5:23-30).
Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.”
Maatewos 6:33
Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti. Waldaan kristiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu.”
Efesoon 5:23-24
Egaa si’a tokko namni yoo sababa gaa’ela dhaabbachuusaa adda baasee hubatee eenyu waliin gaa’ela akka dhaabbatu beekuun itti salphata. Kunis ulaagaa kumaatama nama guutuu danda’u barbaadaa ooluurra ulaagaa jabaa tokkicha Kristaanni ittiin beekamu, Mootummaa Waaqayyoo barbaaduu fi Isaafis jiraachuu, isa jedhuun safaruu jalqaba. Kanaaf si’ana nama akkuma isaatti kaayyoo tokkicha kanaaf jiraatu ilaallachuun gaa’ela dhaabbachuuf deemuun isaa “maaliif?” gaaffii jedhu deebisuun “eenyuun?” gaaffii jedhuuf deebii akeeka.
Waalumaa galatti, gaa’elli dhiiraa fi durba gidduutti dhaabamu bara lafarra jiran qofaaf ta’us, walitti dhufeenya hafuuraa namoonni lamaan Waaqayyo waliin qabaatan jabeessuus laaffisuus kan danda’u dha. Nuti kristaanonni gaa’ela isa yeroof lafa kanarra duwwaa turu keessas yoo jiraanne mootummaa Waaqayyoo isa bara baraaf wal jajjabeessaa fi wal irratti hojjechaa; cidha isa mudaa hin qabne eeggachuu qabna. Kanaaf dhala godhachuuf, jireenya waliin mo’achuuf, fedhii saal-quunnamtii guuttaachuf, qofummaa mo’achuuf, bifti, qabeenyi lafa kanarraa fi waantonni kana fakkaatan waan ijoo sababa fuudhuu fi heerumuu keenyaa ta’uu hin danda’an. Kanaaf hiriyyaa gaa’elaa filachuun murtoo akka salphaatti ilaalamu osoo hin taane dhimma jabaa kadhannaa, ogummaa fi hubannoodhaan ilaalamuu qabu ta’uu mala.
Ayyaannii fi nagaan Waaqayyoo isiniif haa baay’atu!


Yaada kenni