Gatii Ayyaanichaa

Biyyi lafaa gatii keenya yeroo hunda safartuuwwan akka qabeenyaa, beekumsaa, yookiin sadarkaa hawaasummaa keetiin madaalti. Garuu Waaqayyo safartuu addaatiin si ilaala: Ayyaanaan. Inni kennaa gati-jabeessa, kan hojii keenyaan osoo hin taane, jaalala isaatiin qofa nuuf kennameedha. Mee har’a kennaa dinqii kanaa fi gatii isaa isa dhugaa gad fageenyaan haa xiinxallu.

Ayyaana Waaqayyoo Madaallii Gatii Keenya Isa Dhugaa

Kiristaanummaa keessatti ayyaanni yaada giddu galeessaa yoo ta’u; kunis tolaafi jaalala Waaqayyo dhala namaaf qabu kennaa gati-jabeessa ilmaan namootaatiif kenname kan argisiisuudha.

Ayyaanni Waaqayyoo Maalidha?

Ayyaanni bu’uura fayyina Kiristaanotaati. Akka barumsa Macaafa Qulqulluutti, ilmaan namootaa hundinuu cubbuudhaan kufanii Waaqayyo irraa adda ba’aniiru. Haa ta’u malee, Waaqayyo jaalala isaatiin, karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos, warra isatti amanan hundaaf fayyinaafi dhiifama kenne. Kun hojii keenyaan osoo hin taane, tola isaatiin kan nuuf kennameedha.

Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul’iseera.

1Tiitoo 2:11

Guutummaa ayyaana isaa keessaa hundumti keenya ayyaana irratti ayyaana fudhanneerra.

Yohaannis 1:16-17

Humna Ayyaanichaa Isa Jireenya Jijjiiru

Ayyaanni fayyina fiduu qofa osoo hin taane, jireenya amantootaa keessatti humna jijjiirama fiduudhas. Iddoo cubbuun itti baay’atetti, ayyaanni Waaqayyo caalaatti ni baay’ata.

Jireenya Haaromsa: Jireenya jaalalaa, gara-laafinaa, fi amanamummaatiin akka jiraannu nu dandeessisa.

Abdii Yeroo Rakkinaa: Yeroo rakkinaatti madda abdii fi jajjabinaa nuuf ta’a.
Tokkummaa Uuma: Sanyii, gosa, ykn sadarkaa hawaasummaa osoo hin ilaalin, amantoota hundumaa tokko taasisa.

Ayyaanichi Kennaa Tolaatii Moo Hojii Keenyaan Argama?

Kennaa tolaati malee dadhabbii hojii keenyaa miti, ergamaan Phaawuloos akkas jechuun ifa godheera:

Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti.

Efesoon 2:8

Fayyinni kennaa bilisaati malee, waan hojiin argannu miti. Dadhabina keenya keessatti illee, ayyaanni Waaqayyo ga’aadha. Phaawuloos,

Inni garuu, ‘Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata’ naan jedhe,” jechuun Waaqayyo akka isa jajjabeesse dubbateera

2 Qorontoos 12:9

jechuun Waaqayyo akka isa jajjabeesse dubbateera

Gatii Ayyaanichaa Hubachuu:Fakkeenya Dhagaa Gati-jabeessaa

Abbaan ogeessi tokko ilma isaatiin, “Dhagaa gati-jabeessa dhalootaa dhalootatti maatii keenya keessa ture kana fudhuutii gurgurtaaf gabaa baasi,” jedheen. “Garuu, eenyuttillee hin gurgurin; gatii isaan siif kennan qofa gaafadhuutii deebi’i.”jedheen

Ilmichis akkuma abbaan isaa isa ajajetti, jalqaba gabaa naannoo isaanii deeme. Achitti namni tokko dhagicha ilaalee, “Waan bareedaadha, doolaara lama siif kaffala,” jedheen.

Sana booda, gara warra tuuristootaa fi daawwattootaatti geesse. Isaanis ilaalanii doolaara kuma lama laataniif.

Dhumarratti, akkuma abbaan isaa isa gorseetti, gara nama dhagaa gati-jabeessa beekee madaalu (jeweler) isa ogeessa ta’eetti deeme. Namichi ogeessi sun dhagicha yommuu argu baay’ee dinqisiifate. Qorannoo gabaabaa booda, “Dhagaan kun dhagaa baay’ee qaaliifi lafarratti argamuun isaa yaraadha! Gatiin isaa doolaara miliyoona lamaa ol baasa! Eessaa argatte?” jedhee gaafate.

Ilmichis dinqisiifatee gara abbaa isaatti deebi’ee waan ta’e hunda itti hime. Abbaan isaas seeqaa, “Mucaakoo, jireenyi akkasuma. Gatiin kee eessa akka dhaqxuufi eenyuun akka madaalamtu irratti hundaa’a. Biyya lafaa kanaaf gatii xiqqaa qabaachuu dandeessa, garuu Uumaa kee biratti, isa gatii kee isa dhugaa beeku biratti, ati gati-jabeessadha. Gatiin ayyaana Waaqayyoo isa nuuf kennamees akkasuma. Biyyi lafaa ni tuffatti, garuu warri hubatan jireenya isaaniitii olitti isa ilaalu,” jedheen.

Ayyaanicha Hojii Irra Oolchuu:Kennaa Keenyaan Tajaajiluu

Ayyaana Waaqayyoo erga fudhannee booda, ittiin jiraachuufi tajaajiluun dirqama keenya. Akka Roomaa 12:6-8 jedhutti, kennaawwan garaa garaa qabna:

Akka ayyaana Waaqayyoo isa nuuf kennametti kennaa garaa garaa qabna; kennaan isaa waan Waaqayyo namatti ibsu dubbachuu yoo ta’e, akka amantichaa wajjin waliif galutti dubbachuu dha.Kennaan keenya hojiidhaan nama gargaaruu yoo ta’e, hojiidhaan nama gargaaruutti in jabaanna! Barsiisuu yoo ta’e barsiisichatti haa jabaatu!Kennaan isaa nama gorsuu yoo ta’e, gorsuutti haa jabaatu! Inni namaaf kennu, garaa qulqulluudhaan haa kennu! Inni dura bu’us dhimmee haa geggeessu! Namni namaa oo’us fuula ifaadhaan haa hojjetu!

Roomaa 12:6-8

Ayyaanni Waaqayyoo kennaa isa hundarra caaluudha.Gatiin keenya isa biratti guddaadha. Mee gatii ayyaana kanaa hubannee, jireenya keenyaan isa haa gammachiisnu.

Ati hoo, gatii ayyaana Waaqayyo jireenya kee keessatti akkamitti hubatta? Yaada kee nuuf qoodi!

Kadhata

Yaa Waaqayyo, gatii ayyaana kee isa guddaa, kan karaa ilmakee Yesuus Kiristoos bilisaan nuuf laatteef galanni siif haa ta’u. Gatiin ayyaanichaa hammam akka ta’e akka hubannuuf ija keenya nuuf bani. Iddoo gatiin ayyaana keetii itti tuffatamutti akka hin oolle, garuu iddoo ulfinni isaa itti beekamutti akka jiraannuuf nu gargaari.

Kennaa ayyaanaa ati nuuf kenniteen akka tajaajilluu fi akka jiraannuuf humna nuuf kenni. Dadhabbii keenya keessatti ayyaanni kee nuuf ga’aa akka ta’e amanee, jireenya keenyaan si gammachiisuuf akka jiraannuuf nu gargaari. Ayyaanakeen nu guuti, ayyaanakeen nu gaggeessi.

Maqaa Yesuus Kiristoosiin. Ameen.


Yaadota

One response to “Gatii Ayyaanichaa”

  1. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Waa’ee gatii ayyaana Waaqayyoo, waan guddaa tokko jireenya koo akka inni kenne.Amma sirriitti gadi fageenyaan hubadheera; beekeeras.

Yaada kenni