Eeyyeen ni danda’ama. Utuu hin sooromin badhaadhaa ta’uun ni danda’ama. Akkamitti isa jedhuuf deebii utuu hin kenniin dura garaagarummaan soorumaa fi badhaadhummaa gidduu akka jiru, garaa garummaan jirus baayyee guddaa akka ta’e hubachuun nu barbaachisa!
Soorumnii fi badhaadhummaan yeroo baayye tokko nutti fakkaachuu danda’u, haasaa keenya keessattis wal keessa maknee jechoota kana fayyadamna. Yeroo tokko tokko “sooressa” nama ta’een namni kun “badhaadhaa” dha jenna. Yeroo kaan ammoo nama “badhaadhaa” ta’e tokkoon xiqqeessinee namni kun “sooressa” dha jenna. Kun dogoggora guddaadha! Sooressi tokko badhaadhaa jedhamuu hin danda’u, namni badhaadhaan garuu soorummaa qabaachuu ni danda’a.
Soorummaa moo Badhaadhummaa?
Soorummaarra badhaadhummaatu caala! Sooressummaan hiikni isaa qabeenya qabaachuu dha gabaabaatti. Namni maallaqa yookaan qabeenya qabatamaan argamu baayyee qabu tokko Sooressa jedhamuu danda’a. Garuu namni sun badhaadhaa ta’uu dhiisuu danda’a.
Badhaadhummaan garuu hiika ballaa fi gadi fagoo ta’e qaba. Badhaadhummaan maallaqaa fi qabeenya garaa garaa namni tokko ilaaluun kan murtaa’u miti. Badhaadhummaan lubbuu irraa jalqaba! Lubbuun jireenya bara baraa qabu tokko badhaadhaa dha! Jireenya bara baraa argachuunis Yesus Kristositti amanuu qofaan dhufa. Lubbuun jireenya bara baraa kana hin qabne tasuma badhaadhaa ta’uu hin danda’u. Jireenya bara baraa namni hin qabne tokko yoo lubbuun isaa dabarte sababa cubbuu namni sun hojjeteef adabamuuf gara abidda bara baraatti darbatamti. Namni Yesus Kristoos qabu ammoo lubbuun isaa yoo dabarte gara jireenya bara baraatti deema.
Namni badhaadhaan lubbuun isaa waan jireenya bara baraa qabduuf NAGAA qabdi! Nagaa qarshiin bituun hin danda’amu, namni nagaa bitee, gurgurees beeku hin jiru. Nagaan dhugaa fi boqonnaan lubbuu kan argamu Yesus Kristoos qofa irraati. Sooressi tokko qabeenya qabaachuun isaa nagaa qabaachuu isaaf wabii ta’uu hin danda’u. Kana irraa kan ka’es guyyaa guyyaatti biyya lafaa kana irraa namootni Sooressi hedduun of ajjeesanii kan godaanaa oolan.
Namni badhaadhaan gaarummaa fi jaalalaan kan guutamedha. Nama hundumaa wajjinis nagaatti jiraachuuf ni danda’a. Kan kana isa dandeessisus Yesus Kristoos isa inni itti amanate dha. Ayyaanni Waaqayyoo obsaa fi jaalala guddaa akka namni qabaatuuf nama gargaara. Namni badhaadhaan fira hedduu qaba, nama akka ofii isaatti jaallata. Namni Sooressa qofa ta’e garuu yeroo baayyee akkuma naannoo keenyatti arginu nama hunda hin jaallatu, nama bu’aa isaaf qabu filatee jaallata. Namoota biroo ammoo bu’aa argachuuf jedhee ni miidha.
Sooressi garba qabeenya isaati. Qabeenyi isaas isarratti gooftaa ta’ee isa bita. Qabeenya isaatu isa oofa. Namni badhaadhaan garuu qabeenya horachuu ni danda’a, qabeenyi isaa garuu deebi’ee isarratti gooftaa hin ta’u. Namni badhaadhaa qabeenya isaa seeraan bulchuu beeka. Beekumsaa fi Ogummaa ittiin qabeenya isaa bulchus kan isaaf kennu Gooftaa isaa Yesus Kristoosidha. Yesus Kristoos inni jireenya bara baraatti nama geessu kun jireenyaaf beekumsaa fi ogummaa barbaachisus nama badhaasa!
Ati Sooressa moo Badhaadhaa dha?
Yoo qabeenya qabaattee jireenya bara baraa hin qabdu ta’e ati Badhaadhaa miti, Sooressa ta’uu garuu dandeessa. Maal godha, sababa cubbuu goote hundumaaf dhumni kee jireenya utuu hin ta’in du’a bara baraati. Sababa cubbuu hojjette hundumaa, sababa daba hojjette hundumaa adabamuuf jirta firdiitu si eeggata.
Ani Sooressa qofa utuu hin taane badhaadhaa ta’uu nan barabaada, lubbuun koo badhaatuu akka taatun fedha yoo jettee murteeffatte ammoo ammuma kana Yesus Kristoositti amanuudhaan badhaadhummaa bara baraa argachuu ni dandeessa.
Qabeenya qabaachuu dhiisuu dandeessa, garuu Yesus Kristoositti amanteetta taanaan, nama ni jaallatta taanaan, lubbuun kee boqonnaa qabdi taanaan baga gammadde! Ati badhaadhaa dha! Jireenyi lafa kanarraa yeroo gabaabduu booda ni darba, lubbuun kee yeroo dabartus jireenya bara baraatu ishee eeggachaa jira.
Namni badhaadhaan yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuun lubbuu isaa haaressuu danda’a, lubbuun isaas Waaqayyo Gooftaa isheetti akka boqottu gochuu ni danda’a. Ayyaana Waaqayyoonis nama hundumaa jaallachuu fi namoota hundumaa wajjin gabiitti jiraachuuf dandeettii qaba.
Nagaa fi Ayyaana Waaqayyoo!


Yaada kenni