Mata duree barruu kanaa ilaaltee gaaffiin tokko tokko sitti uumamuu mala ta’a. Waanan yaaduu qabu daangaa qabaa? Waanan barbaade yoon yaade hoo? Sammuun koo yaaduuf uumame waan ta’eef akkamittan waanan yaaduu danda’u to’achuus danda’a? jettee of gaafachuu dandeessa. Akka nama tokkootti yeroo yaaddu xiqqoo bitaa sitti galuu danda’a ta’a. Hata’u malee barruu kana yoo dubbistee xumurte gaaffii kee hundumaaf deebii gahaa ta’e ni argatta.
Walitti dhufeenya ati Gooftaa kee wajjin qabdu keessatti waan ati yaada kee keessa deddeebistu baayyee murteessaadha. Waan Gooftaan kee jaallatu yaadda yoo ta’e hariiroon ati isaa wajjin qabdu cimaa adeema. Faallaa kanaa ammoo waan Gooftaan kee hin jaallanneen yaadni kee guutamee oola taanaan isarraa fagaachaa adeemta.
Waaqayyo nama isaaf abboomamu wajjin hojjechuu jaallata. Nama Isaaf abboomamus ergachuu jaallata. Hammuma ati isatti dhiyaachaa adeemtes jireenyi kee akka yaada Waaqayyo siif yaade sanaa ta’aa deema. Yaadni Waaqayyo Abbaa fi Jaalalli isaa sirratti akka fiixaan bahu barbaadda taanaan isatti dhiyaadhu. Isatti dhiyaachuuf barbaadda taanaan ammoo waan inni akka ati yaaddu barbaadu qofa yaadi.
Waa’ee maalii yaadu?
Ammas yaa obboloota ko, waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’ee, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta’ee, waanuma galata qabuu yaadaa!
Filiphisiiyus 4:8
Kunooti daangaan isaa! Sagaleen Waaqayyoo inni dhugaa ta’e, inni yaada Waaqayyoo nama barsiisu daangaa yaada amanaa tokkoo bifa baayyee ifaa ta’een lafa kaa’eera.
Guyyaa guyyaatti yaada si keessa deddeebi’u tokko utuu yeroo kee fi humna kee irratti hin balleessin dura dafiitii daangaa yaadaa Waaqayyo siif kaa’ee keessaa akka hin baane mirkaneeffadhu. Of gaafadhu! Yaadi kun yaada dhugaa dhaa? Yaadi kun waan ulfina qabudhaa? Waan qajeelaatti lakkaa’amun yaadaa jiraa? Wantan yaadu kun waan gurratti tolu dhaa? jedhiitii of gaafadhu. Kana gochuun kee balaa irraa si oolchaatii. Yaadni ati yaaddu tokko daangaa Sagalee Waaqayyoon kaa’ame ala baheera taanaan achumatti of keessaa baasii gati, sun bu’aa malee kasaaraa hin qabuutii.
Yaada keenya daangaa Sagalee Waaqayyoo keessa galchuun keenya lubbuu keenyaaf boqonnaa, walitti dhufeenya nuyi Gooftaa keenya wajjin qabnu ammoo baayyee kan nuuf cimsudha. Hammuma yaadoti nuyi guyyaa tokko keessatti yaadnu daangaa kana keessa nuuf galan jireenyi keenya nuuf qajeelaa, Gooftaa keenyattis dhiyaachaa adeemna.
Kadhata
“Gooftaa Yesus, guyyaa kana hubannoo dubbii Sagalee isa jireenya kennu sanaa waan naaf dabalteef ulfaadhu! Harra yaadni koo kanaan dura na harkaa ba’ee waan barbaade keessa oolu daangaa akka qabu waan na barsiisteef galatoomi. Guyyaa kanaa kaasees Gooftaa, Ayyaanan ittiin yaada koo abboomee, daangaa itti godhee dubbii kee keessaan ilaaluu danda’u naaf kenni. Sitti dhiyaachuu waanan barbaaduuf yaadi koo akka sagalee kee isa jiraataatti anaaf kan abboomame hata’u. Yaa Abbaa, kana waan gootuuf ulfaadhu. Maqaa Yesuusin, Ameen.


Yaada kenni