Waa’ee Yesus Kristoos – Ol-butamuu Isaa

Yesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa’e.

Mar. 16:19

Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessis isa simatee, ija isaanii duraa in dhokse.

HoE 1:9

Yesus erga du’aa ka’ee booda guyyaa afurtamaaf akka isa arganiis ergamoota isaatti of mul’iseera. Sana booda garuu guyyaa tokko lafa isaan hunduu walitti qabamanitti otuuma isaanii waliin dudubbatuu, Yesus Gooftaan gara waaqaatti ol ol fudhatamuun isaanirraa adda bahe. Ergasiis deebi’ee isaan gidduutti hin argamne jechuu dha.

Taatee kana booda namoonni kana argan fajajaniima waaqa keessa alaalanii hafan. Waanti ta’e kun dinqii waan tureef isaan naasisuu hin oolle. Ergasii namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabbatanii, “ Isin namoota Galiilaa maaliif dhaabbattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Inni isin biraa gara waaqaatti fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo deebi’ee in dhufa.” ( Hoe 1:11) Jechuun abdii deebi’ee dhufuu Gooftaa isaanitti himan.

Egaa Yesus gara Waaqaatti ol fudhatamuun isaa dhimmi inni dhufeef raawwatamee, moo’ichi, gooftummaan, aangoon hunduu kan isaa ta’uun xumurri argamuu isaa mul’isa. Gooftaan aboo du’aa fi dukkanaa hundumaa mo’ee du’aa ka’uun hamma deebi’ee mul’inaan dhufuutti namoota duraa ol fudhatamee mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira.

Yesus Har’a Mirga Abbaa Taa’ee Maal Hojjeta?

Waa’ee Yesusiif macaafni qulqulluu kan inni jedhu waan tokko; Yesus luba bara baraan jiraatu dha. Luba jechuun nama isa Waaqayyoo fi namoota gidduu dhaabachuun walitti araarsu jechuu dha. Egaa Yesus bara baraan mirga abbaa waan jiruuf lubmmaan isaa achittis itti fufe malee hin dhaabanne (Ibr 7:25). Namni tokko erga Waaqayyotti amanatee booda dadhabuu, cubbuutti qabamuun isa mudachuu danda’a. ‘Namichi kun erga kufees abdii qaba?’ jechuu dandeessa. Deebiin isaa tokkicha; namichi dadhabe kun har’asYesusiin mirga abbaatii qaba (1yoh 2:1).Yesus sababa araaraa isa yeroo hunda jiraatu waan ta’eef inni dadhabe nii jabaata; inni kufes nii ka’a. galanni Waaqayyoof haa ta’u!  Namni kamuu har’a, boru, bara dhufus ta’e Waaqayyotti araaramuuf yoo fedhe Yesus isa araarsuuf mirga abbaa isaaf jira jechuu dha. Kanaaf har’as nama cubbamaaf abdiin amanamaa jira. Isa irraa kan eegamu kana amanuun fuula abbaa dhufuu duwwaa dha.

Ati Waaqayyotti araaramtee jirta? Deebii keen shakkii yoo qabaatte kadhata kana amantiin kadhadhu:

“Yaa Waaqayyoo galanni siif haa ta’u

Ani cubbamaa ta’uu koo nan amana

Waa’ee cubbuu koof ilma kee aarsaa waan gooteef galatoomi

Yesus cubbuu fi yakka koo hundumaaf akka adabamte nan amana

Har’as dhiiga kee isa anaaf dhangala’een na qulleessi

Waaqayyo abbaa waliinis na araarsi

Jireenya amantiin jiraatamu jiraachuuf immoo humna anaaf kenni!”

Kadhata kana yoo amantiin kadhatte, dhuguma har’a fayyinni siif ta’eera! Si’achi ati mucaa Waaqayyoo dha, baga gammadde!


Yaadota

Yaada kenni