Yesus, “Iji ibsaa dhagnaa ti; iji kee fayyaa guutuu yoo ta’e, dhagni kee hundinuu ifaa in ta’a. Iji kee dhukkubsataa yoo ta’e garuu dhagni kee hundinuu dukkanaa’aa in ta’a; egaa ibsaan sitti jiru dukkana erga ta’ee dukkanichi hammam haa guddatu ree!” jedhe.
Wan.geela Maatewos 6: 22-23
Iji keenya fayya buleessa taanaan dhagni keenya hundumtuu ifaan guutama, fayya buleessadha. Dhagni keenya ifaan guutuudha jechuun ammoo jireenyi keenyi ifaan kan guutame, nagaas qaba jechuudha. Jireenya ifaan guutamee fi nagaa qabu qabna taanaan nageenyii fi ifni jireenya keenyaa nurra darbee maatii keenya, hiriyoota keenyaa fi namoota naannoo keenya jiraniif illee eebba ta’ee irraa hafuu danda’a.
Gama biraan, iji keenya dhukkubsataa taanaan garuu ifni gara keessa keenyaa hin seenu waan ta’eef dhagni keenya dukkanaa’aa ta’a. Dukkani sunis yeroo hammaatu maatii, hiriyootaa fi namoota naannoo keenyaa hundumaa liqimsuu danda’a. Dukkanni karaa du’atti nama geessudha.
Iji qaama keenya keessaa baayyee murteessaadha.
Iji dhukkubsataan balaa guddaa gara dhagnaatti fida, innis hawwa yookaan kajeellaa hamaa isa Sagaleen Waaqayyoo jedhu dha. Kajeellaan hamaa cubbuu dhala, ofuma isaas cubbuudha. Cubbuunis du’a bara baraatti nama geessa.
Iji keenya kun yeroo rafnu irraan kan hafe guyyaa guutuu hojiirra jira. Waan fagoo fi dhiyoo jiru hunda argaa oola. Iccitiin guddaan fakkeenya Gooftaa kana duuba jiru tokko, iji keenya arguu isaa miti — beekumsa, fedhaa fi miira odeeffannoo karaa ijaa arganne sana malee. Waan iji keenya argu sana kan hiika itti kennus lubbuu keenyadha. Lubbuun keenya beekumsa, miiraa fi fedha qabdi.
Waan iji keenya argu sana kan hiika itti kennus lubbuu keenyadha
Lubbuun namaa waan lama keessaa tokkoon gaggeefamuu dandeessi. Fooniin gaggeefamuu dandeessi, hafuura keenyaanis gaggeefamuu dandeessi. Lubbuun fooniin gaggeeffamtu deebii isheen odeeffannoo karaa ija keenyaa dhufeef kennitu fedha foonii jedhama. Lubbuun fedha foonii guutuuf jiraattus dhumni ishee du’a dha. Lubbuun fooniin gaggeefamtu ija dhukkubsataa ta’e qabdi, ija du’a isheetti fidu jalatti bulti jechuudha karaa biraa.
Lubbuun hafuuraan gaggeefamtu garuu waan ijaan argamuu fi qaqqabatamuun hin booji’amtu. Ija fayya buleessa qabdi, innis ija hafuuraa jedhama. Lubbuun hafuuraan gaggeeffamtu dhagna ykn fooniin to’atamti utuu hin ta’in dhagna foonii keenya bitti. Miirri namaa lubbuu keessa dhokatee jira, innis kan namaaf to’atamuu danda’u yoo hafuuraan gaggeefaman qofaa dha. Iji hafuuraa yaada hafuuraa fi miira hafuuraatti nama geessa. Hafuurri keenyas Hafuura Qulqulluu wajjin walii galee jedhaan ija fayyaa jireenyatti nama geessuun ilaalaa jirra jedhuu dha. Hafuuraan gaggeefamuu jechuunis yaadaa fi jaalala Waaqayyoo beekanii isa guutuuf jiraachuu jechuudha. Lubbuun akkasii kun bara baraan gammachuu fi nagaan Waaqayyoo wajjin jiraatti.
Kanaaf obboloota ko, isa wayyu filachuun filannoo dhuunfaa keenya dha. Namni jireenya Waaqayyo ijoollee isaaf kennu hundumaa keessa akka itti hin hir’anne barbaadu hundumtuu Hafuura Qulqulluun gaggeeffamaa yaadaa fi fedha foonii of keessatti ayyaana Waaqayyoon ajjeesaa gara jireenya ulfinaa isa karaa Kristos Yesus nuuf kenname sanaatti guddataa adeema.


Yaada kenni