Waa’ee Yesus Kristoos – Tajaajila Isaa

Mucichi Yesus dhalachuun namootaaf misraachoo  erga ta’ee booda akkuma daa’ima kamii iyyuu Maariyaamii fi Yoseefiin kunuunfamaa in guddate. Isa kana hubachuuf immoo kutaa macaafaa armaan gadii ilaaluun nii danda’ama. “Yesus immoo Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture.” (Luq 2:52) caqasa dabalataas “Mucichi immoo guddachaa, jabaachaa, ogummaadhaanis guutaaadeeme, ayyaanni Waaqayyoos isa irra ture.” (Luq 2: 40).

Yesus akkuma tajaajila isaa jalqabeen akkana jedhee afaan saaqqate; “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misiraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji’amanitti akka gad dhiifaman; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuuf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf; waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera” jedhe (Luq 4:18). Egaa Yesus maal maal gochuuf akka ergame namootatti himuun hojii isaa jalqabe. Hamma guyyaa fannifamuun lubbuu isaa aarsaa godhetti egaa Yesus mandaroota hundumaa fi gandeen keessa naanna’ee manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa,wangeela mootummaa Waaqayyoo himaa, dhukkubaa fi dhibee hundumaattis fayyisaa ture ( Mat 9:35).

Yesus inni Waaqayyo abbaadhaan dibamee ergame kun hojii itti muudame kana hundumaa kan inni hojjete fayyina fooniin dhukkubaa fi hidhaa garaa garaatti hiikaman duwwaa kennuuf hin turre. Namoota isa simatan hundumaa cubbuu isaaniitti isaan fayyisuuf malee. Fayyinni inni kun nama hundumaaf dhufe; sababni isaa immoo cubbuuf garboomee kan ture namoota hundumaati. “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera (Rom 3:23).

Kanaaf saba Yesus keessaa dhalate sanatti barootaaf abdiin raajummaan isaanitti himame isa kana, Masihichi yeroo dhufutti namoota cubbuutti akka fayyisu dha. Dabalataanis Yesus gaafa dhalatetti misiraachoon ergamaan Waaqayyoo tiksootatti himes sababa Yesus gooftaan itti dhalate sana mirkaneessa. Kunis “har’a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha”  jechuun (Luq 2: 11). Yohannis cuuphaan inni karaa qopheessuuf Yesus dura ergames immoo Yesusiin “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jechuun dhugaa baheeraaf (Yoh 1: 29).

Yesus Akkamitti Fayyina Ta’e?

Gaaffiin olii kun yaadatti si dhufuu danda’a. Isa kanaaf afaan raajicha Isaayaasiin “isa ani dhiphise sana caccabsuun jaalalakoo in ta’e; Inni lubbuu isaa aarsaa sababa cubbuutiif dhiyaatu godhee yoo dhiyeesse, sanyii isaa arguuf jira; jabanni isaas in dheerataaf; jaalalli koos karaa isaa in raawwatama’’ (Isayas 53:10) jechuun Waaqayyo abbaan ilmichi lubbuu isaa aarsaa gocdhee dhiyeessuun akka namootaaf fayyina ta’uuf jiru dubbate. Yesusis immoo lafarra deddeebi’aa yeroo turetti kanuma dubbate. “Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna” jedhee akkuma dubbate (Yoh 10:11) lubbuu isaa hoolotaaf kennuun jaalala isaa isa guddaa namootatti agarsiiseera.


Yaadota

6 responses to “Waa’ee Yesus Kristoos – Tajaajila Isaa”

  1. Dinqe Fiqaadu Avatar
    Dinqe Fiqaadu

    Bayee namatii tolaa

  2. Dinqe Fiqaadu Avatar
    Dinqe Fiqaadu

    Bayee gariidhaa

  3. Dinqe Fiqaadu Avatar
    Dinqe Fiqaadu

    Gariidhaa

  4. Dinqe Fiqaadu Avatar
    Dinqe Fiqaadu

    Barachuun barbadaa

  5. Uummataa Ittaanaa Avatar
    Uummataa Ittaanaa

    Yoo Jaalala Waaqayyoo Ta’ee Gara Fuula Duraatti Walliin Tajaajiluu Dandeenya .
    Yoo Irraatti Walii Galtaan Yaada Keessan naaf Qoodaa.

    1. Galatoomi! Gara fuulduraatti si quunnamna!

Yaada kenni