Kennaa fi Carraa Waaqayyo Nuuf Kenne

Akeekaa fi yaadni Waaqayyo ilma namaaf qabu namni hundumtuu tokkicha ilma isaatti amanee jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti. Ilmii namaa hundumtuu irra daddarbaa nama tokkoon tora jireenyaa keessaa bahee diina Waaqayyoo tahe. Inni kun immoo jireenya bara baraa dhabnee mootummaa dukkanaaf akka nuyi garba taanuuf akkasumas du’a bara baraaf akka nuyi kennamnuuf sababa tahe. Kanaaf immoo kennaa fi carraa Waaqaayyo ilmaan namaaf duwwaa kenne keessaa inni jalqabaa qalbii jijjirrannaa dha.

Mootummaan waaqaa dhi’aateeraatii yaada garaa keessanii geddaradhaa!

Maatewos 3:2

Balaa Mirga Filannoo Waaqayyo Nuuf Kennee

Akkuma beekamu Waaqayyo ilma nama hundumaaf mirga filannoo guutuu ta’e kenneera. Haala kammiyyuu keessatti namni ofi isaatii qoratee ilaalee, madaalee mirga jireenyaa fi kallattii jireenya isaa fuulduraa murteessuu qaba. Garuu mirgi filachuu kun irra daddarbaa nama tokkoon faalamee cubbuu gara addunyaa kanaatti fide, kunis du’a dhale.

Beeknees tahe otuu hin beekin yeroo hundumaa faallaa yaada Waaqayyoo otuu demnuu ni argamna. Biyya lafaa kanas inni seerrattu Seexanni fedhii keenya fayyadamuun mirga filannoo Waaqayyoon nuuf kename kana keessaan akka nuyi isa tajajilluuf ykn nutti dhimma bahuuf karaa argata.

Akkasitti warri kudha lamaan ba’anii, namoonni yaada garaa isaanii akka geddaratan lallaban.

Maarqos 6:12

Haa ta’u malee mirga filachuu Waaqayyoo nuuf kenne kana fayyadamnee yeroo adda addaa wanta Waaqayyoo hin jaallanne otuu goonuu argamna. Amalaa fi eenyummaa Waaqayyoo keessaa inni jalqabaa immoo Waaqayyo yeroo hundumaa yaadnii isaa, hojiin isaa, murtoon isaa, akeekni isaa qajeelaadha. Ofuma isaatiis Waaqayyo qulqulluudha; kanaaf matumaa namni eenyummaa faallaa Waaqayyoo ta’een gara Waaqayyootti dhiyaachuu hin danda’u.

Waaqayyo Garuu Carraa Nuuf Kenneera…

Waaqayyo garuu carraa ittiin namni kamillee mirga filannoo gargaaramee Waaqayyoo wajjin waliif galuu danda’u tokko namootaaf kenneera. Carraan namni itti Waaqayyoon arguu danda’u tokkoof tokko Kristoositti amanuun qalbii jijjiirachuu dhaani. “Waaqayyo gatii cubbuu koo hundumaaf tokkicha ilma isaa ergee anaan birmaduu na baaseera, fannifamuu isaatiin arfiin du’aa narraa cabeera, ani karaa Kristoos gara mana qulqulummaatti galuun naaf ta’eera” jennee yeroo qalbii fi kallattii deemsa keenyaa jijjiirrannu Waaqayyoo wajjin nagaa argachuu keenya dha.

Jireenya Qalbii Jijjiirrannaa Amantootaa

Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu

Maatewos 3:8

Qalbii jijjiirrannaan karaa jireenyaa nuti jireenya fuula Waaqayyootti nama yellaasisu irraa deebinee ittiin of geeddarrudha malee kadhata guyyaa tokkoo miti. Fakkeenyaaf namni jireenya isaa hamma yoonaa keessatti hataa dhufe tokko hatuu isaa dhaabee  kana booddee kun ulfina Waaqayyoof hin ta’u jedhee amala badaa sana dhaabee amanamummaan jiraachuuf murteessee tarkaanfii inni raawwatu qalbii jijjiirrannaa jedhama.

Karaa kaleessa irraa demnu sana dhiifnee kun ulfina Waaqayyoof hin ta’u jennee karaa haaraa isa ilmii Waaqayyoo nuuf qopheesse sana jiraachuuf murtessinee adeemsa haaraa deemuun nuuf haa ta’u!

  


Yaadota

3 responses to “Kennaa fi Carraa Waaqayyo Nuuf Kenne”

  1. Waaqgetaa Marabaa Avatar
    Waaqgetaa Marabaa

    Bayyee Gaarii dhaa

  2. Abose Hordofa Avatar
    Abose Hordofa

    Baay’ee gaariidha galagoomi.

  3. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Kennaa Waaqayyo nuuf kenne beeknee, qixaa fi qajeelfama Waaqayyoon akka jiraannuuf, Inni beekumsaa fi ogummaa.Isaa nuuf haa kennu. Ameen! Galatoomi!!!

Yaada kenni