Waliin Dubbii Gaarii Gaa’ela Naga-qabeessaaf

Waliin dubbiin hariiroo namoonni qabaatan keessatti barbaachisaa sitti fakkaata? Gaheen waliin dubbiin gaarii gaa’ela keessatti qabu maali jettee yaadda?

Waliin dubbiin adeemsa namoonni lamaa fi isaa ol ta’anillee yaada, miiraa fi odeeffannoo ittiin wal jijjiirani dha. Kanaafi egaa yeroo waliin dubbatan sirni haasaa ni barbaachisa. Tokko dubbachuu, inni kaan immoo dhaga’uun duuba yaada kan ofii itti fufuun dubbachuu qaba. Akkuma dubbachuun barbaachisaa ta’e wal dhaggeeffachaa waliin dubbachuun immoo baay’ee barbaachisaa dha.

Namni yeroo dubbatu miira isaa dubbata. Fedhaa fi yaada garaa isaa keessa jirus dubbata. jechuma salphaan dubbiin namaa agarsiistuu yaada garaa isaati jechuun nii danda’ama. Macaafa fakkeenyaa 15:28 irraas “namni qajeelaan dubbii deebii kennuu isaa dura irratti in yaada. Afaan nama jal’aa garuu dubbii hamaa gad in jijjigsa” Jedha. Namni yaada garaa gaarii otuuma qabuu iyyuu haala dubbii badaan nama miidhuu nii danda’a. Yeroo baay’ees, “ Abaluun afaanuma isaatu hamaa dha malee garaan isaa homaa hammina hin qabu” dubbii jedhan dhageenya. Garaa namaa Waaqatu arga, namni garuu dubbii keenya dhaga’a. Dubbiima kanaanis namni kaan ijaaramuu yookaan immoo ittiin miidhamuu mala.

Addunyaa yeroo ammaa kana keessatti namni hunduu waan dubbatu qaba. Nama maratu haasaa fi dubbiin guuteera. Dubbiin Waaqayyoos humna dubbiin qabu kana caalaatti akka hubannuuf kutaa macaafaa danuu keessatti nu gorsa, nu barsiisa. Waan nama gaddisiisu garuu hariiroon namoota gidduu jiru mufii fi komiin itti hammaatee argina. Kristaanota qaama kristos ta’an, Hiriyyoota, maatii waliin jiraatan, maatii fi ijoollee, darbees jaalalleewwanii; abbaa manaa fi haadha manaa gidduullee waliin dubbiin badaa ni mul’ata.

Namni tokko icciitiin jabaa jireenya gaa’elaa gammachuu qabuu maali?’ jedhee yoo si gaafate, jaalala, of kennuu, amanamummaa fi wantota akkasii kan biroo hedduu tarreessuu dandeessa. Dhugumas warren kun hunduu barbaachisoo dha. Gorsitoonni waa’ee gaaʼelaa irratti hojjetan garuu bu’uurri gaa’ela nagaa qabeessaa waliin dubbii dha jechuun jala sararu. Dhiirrii fi durbi seera gaa’elaan walitti hidhaman lamaan yeroo kamuu jaallatamuu fi kabajamuu fedhu. Jaalallis ta’e kabajni isaan waliif qaban kun immoo akkaataa dubbii isaan waliin qabaatanirraa daraan ni calaqqisa. Kana jechuun hammamuu namoonni gaa’elaan walitti hidhaman kun wal haa jaallatan akkaataan haasaa isaanii yoo bade gaa’elli isaaniis ni raafama. Akkuma hariiroo warra kaanii jireenya gaa’elaa keessattis rakkoo fi wal dhabdeen ni uumama. Kan nama dhibu garuu gaa’elli baay’een kan gargar diigamu rakkoon hamaan waan mudateef qofa miti, rakkoo uumame haasaa sirriidhaan furuu waan dadhabaniifi malee.

Haasawaa gaarii qabaachuuf qabxii jajjaboo lama yaadachuun gaarii natti fakkaata. Inni jalqabaa waliin dubbii keessatti dubbachuu yookaan deebii kennuu dura dhaggeeffachuuf dhimmuu dha. Yeroo waliin dubbatan namni inni dubbatu sun maal dubbachuu akka barbaade haalaan caqasuun wal dhabdee uumamurraa nama oolcha (Yaq 1:19).

“Obboloota ko jaallatamoo! Namni adduma addaan dhaga’uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta’uun akka isa irra jiru beekaa!”

Yaaqoob 1:19

Inni lammataa immoo otuuma dhaggeeffachaa jiranii dubbachuun dura waa’ee dubbii dubbachuuf jedhan sanaa yaaduu dha. Wanti dubbachuuf jedhan sun dubbii cimsu dha? Dubbii gargaaruu fi kan ayyaana dabalu dha? Jedhaniillee itti yaaduun ogummaa dha. Wanti jechuuf jedhan egaa waan kana gochuuf hin oolu taanaan dubbachuun barbaachisaa miti ( Efeson 4:29).Yerooma deebii waliif kennan immoo waanuma jechuuf jedhan aarii fi dheekkamsaan ta’uu hin qabu. Sababni isaas sagaleen namni ittiin dubbatullee waliin dubbii gaariif gumaacha guddaa qaba ( Fakk 15:1)

Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagahuufis ayyaana kan kennu malee dubbiin hamaa afaan keessan keessaa hin ba’in.

Efeson 4:29

Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.

Macaafa Fakkeenyaa. 15:1

Walumaa galatti haasawaan gaariin hariiroo gaa’elaa naga-qabeessa ijaaruuf wanta murteessaa dha. Dubbiin arrabaa aboo qaba: ijaaruu fi diiguu nii danda’a (Fakk 18:21). Kanaafuu haasaa gaarii uumuuf xiyyeeffannaan ofirratti hojjechuun barbaachisaa dha. Kunis jalqaba yaada qajeelaa fi gaarii waliif qabaachuu of barsiisuu irraa eegala. Nama yaada gaarii qabnuuf dubbii gaariis qabaanna waan ta’eef dursa yaada keenya qajeelchuun gaarii dha. Kan biroon immoo yerooma haasaa qabaannu kamuu dubbachuuf jarjaruu dhiisuu qabna. Yaada dubbatamu kamuu immoo hubachuuf caqasuu of shaakalsiisuun baay’ee bu’aa qabeessa. Waan kana hunda guyyaa tokkoon bira ga’uun hin danda’amu. Garuu dhimmanii of barsiisuun guyyaama guyyaan haasaa keenya miidhaksuu fi hariiroo hiriyyaa gaa’elaa keenya, darbees namoota waliin qabaannu tolchuu nii dandeenya. 

Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu.

Macaafa Fakkeenyaa. 18:21


Yaadota

Yaada kenni