Maaliif Koongoon Akka Kooriyaa Kibbaa Hin Taane?

Kooriyaan Kibbaa jaarraa tokko keessatti biyya guddachaa jirtu irraa gara biyya guutummaatti guddatteetti ceeteetti. Industiriiwwan ishee industirii gurguddoo addunyaa kanaa waliin wal dorgomu. Kooriyaan biyyoota addunyaa (saboota birootiin) koloneeffatamanii turan keessaa tokko. Lammiileen Kooriyaa uummata waraanaa osoo hin taane hojii jaallattoota, baayyee ciccimoo, hojii uumtotaa fi kennaa garaagaraa kan qabani dha. Seenaa keessatti diinonnii isaanii biyya isaanii, uummata isaanii fi qabeenya isaanii saamuuf yaalaniru.

Yeroo waraana diddaa harka halagaa sanatti lallabaan wangeelaa Luba Everet Swansoon jedhamu gara Kooriyaa kibbaatti imalee daa’imman abbaa fi haadha hin qabne karaa irra jiran yeroo arge baayyee garaan isaa raafame, kana irraa ka’uunis bara 1952tti “Compassion International” dhaabbata jedhamu hundeessee daa’imman baayyees gargaare. Haa ta’u iyyuu malee kun gahaa hin turre. Gareen Kristiyaanota Kaanaadaa keessa jiran akkamitti Kooriyaa gargaaruu akka dandaʼan Waaqayyoon kadhachaa turan. Yaada garaa isaanii keessatti Kooriyaa guddatte waan arganiif Waaqayyo karaa ofii isaa akka isaanitti agarsiisuuf cimsanii kadhatan. Lammileen dhihaa tokkoon tokkoon isaanii daa’ima tokko tokkoof carraa barnootaa akka argataniif karaa maallaqaa isaaniin osoo gargaaranii, barnoonni isaan baratan kun immoo guddina biyyattii gara fuula duraatiif bu’uura guddaa akka ta’uu danda’u itti agarsiise. Dubbii afaan Waaqayyoo irraa dhagahan kana fayyadamuun dhaabbata wal gargaarsa namoomaa, kan akka Luba Everet Swansoon hundeesse sanaa , “Compassion Canada” bara 1963tti hundeessani. Namoonni Awurooppaa hedduu projektii kana deeggaruudhaan “Compassion International child sponsorship” kaka’umsa jedhuun maaallaqa isaanii erguun daa’imman baayyee gargaaran.

Dhaloonni jalqabaa dibaabee “Compassion International kid” jalatti kan kolleejjii seenanii gosa barnoota garaagaraatiin eebbifaman; keessumatti immoo ogummaa ijaarsaan bahan, bu’uura misoomaa Kooriyaa irratti gahee guddaa kaa’an. Gariin ammoo abbootii murtii ta’uun seerri biyyittii keessatti akka kabajamu gochuudhaan, kaan immoo barsiisoota ta’uun barnoota irratti jijjiirama guddaa fidan. Akkasuma illee Wangeela baballisuudhaaf hedduun isaanii Paastarootaa fi geggeessitoota manneen Kiristiyaanaa ta’uun dhimman. Kaan ammoo industiriiwwan garaagaraa keessa galuudhaan hojii daldalaa jalqaban. Sochiin murteessaa fi ajaa’ibaa yeroo sanaa hanga ammaatti illee hayyoota mootummaa Kooriyaa Kibbaa hedduudhaan ni eerama.

Kooriyaan Kibbaa guddina isheen har’a irra jirtu kana kan jalqabde Waaqayyo mul’ata egeree ishee Kiristaanota, akkasumas dhaabbilee fi gareewwan garaagaraaf waan kenneef, isaaniis amanamummaan dhagahanii waan hojjetaniifi dha. Waaqayyos amantoota kanaaf Kooriyaa har’a jirtu kana akka taatu akka isaan gargaaraniif amantii isaaniif kenne.

Humni raajummaa kan dhufu yoo yaada Waaqayyoo isa jalqabaa inni sabootaaf, magaalotaaf, tookkummaa obbolootaaf, dhalootaaf qabu arguu danda’uuni.

Koongoo

Mee amma immoo Rippabilikii Dimookiraatawaa Koongoo haa ilaallu. Koongoon qabeenya uumamaatiin biyya badhaatuu addunyaa taatee fudhatamti. Kuufamni albuudaa kan itti hin bu’amin jiru tilmaamaan doolaara tiriliyoona 24 ta’a jedhama. Kuufamni kunneenis kuufama albuuda Koltaan addunyaa irratti isa guddaa fi Koobaaltii baay’ee kan dabalatu dha. Haa ta’uu iyyuu malee biyyi kun biyyoota addunyaa keessatti hiyyummaa gadi badiin jirtu, tasgabbii hin qabaannee fi waraanaan beekaman keessaa ishee tokko dha! Osoo Koongoon akka ta’utti qabeenya albuudaa ishee kana fayyadamteetti ta’ee maal fakkaatti laata ture? Eenyutu yaada Waaqayyoo duraan dursee biyyittii kanaaf qabuu fi saba sana keessatti maal gochuu akka barbaadu beekuuf akka Kirstiyanoota Kaanaadaa bara sanaa jilbeenfatee Waaqayyoon gaafatee beeka laata? Eenyutu kana gochuufis yaada Ogummaa qaba laata? Waraana biyya sana keessa jirutti dhuma tolchuuf, hiyyummaa gadi badii keessaa saba sana baasuuf, daa’imman karaa irra jiran gargaaruudhaaf, yaada Waaqayyoo duraan dursee biyya sanaaf qabu gaafachuuf eenyutu kaka’umsa qaba laata?

Mandara ani akka isin booji’amtanii itti geeffamtan godhevkanaaf nagaa barbaadaa, Waaqayyoonis kadhadhaaf! Isheen nagaa yoo argatte isinis nagaa in argattu

  Ermiyaas. 29:7

Mul’ata Waaqayyo biyya tokkoof qabu fiixaan baasuun kan danda’amu, oduu waa’ee hin baafne, dubbii waraanaa, haala qabatamaa biyyattii keessa jiru dhaggeeffachuudhaan osoo hin taanee; gabaasa garaa Waaqayyoo irraa dhufu dhaga’uudhaan, karooraa fi yaada isaa isa jalqabaa fi karoora hojii isaa isa ammaa gaafachuun isa dhageenyee immoo amantiidhaan hojjechuu nu gaafata. Kana yeroo goonus waan arginuu fi dhageenyu hundi faallaa ta’uu danda’a, garuu yaada Waaqayyoo raawwachuuf duraan dursee qopheesseefi garaa keenya keessa bulche amanuudhaan hojiitti seenuu qabna.

Waaqayyo  Nohitti wanta ta’uuf jiruu itti hime, innis amantiidhaan fudhatee bidiruu hojjechuu eegale. Biyyi hunduu yoo itti qoose iyyuu karoora Waaqayyoo duraan dursee waan argeef amanamummaadhaan bidiruu ittiin bishaan badiisaa oolan hojjetee xumure.

Nohi amantiidhaan isa Waaqayyo waa’ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul’anneetiif akeekkachise dhaga’ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfate;” amantii isaatiin immoo biyya lafaatti yakka muree, qajeelina amantiidhaan argamus qabeenya isaa isa godhate.

Ibaroot 11:7

Kadhata

Waaqayyo Abbaa, yaada ati biyyootaaf, sabootaaf, obbolotaaf akkasumas dhalootaaf qabdu baruuf, cimsinee si kadhachuu akka dandeenyu humna nuuf kenni. Mul’ataa fi karoora sirraa dhageenye immoo fudhannee amantiidhaan hojjechuu akka dandeenyu nu garagaari. Ameen!


Yaadota

Yaada kenni