Abdii jiraataa jechuun maal jechuudha? Abdiin ati qabdu isa kami?

“Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristoosiif galanni haa ta’u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du’an keessaa ka’uu isaatiin, ABDII isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera.”

1 Phe. 1:3

Phexros, seenaa waldaa Kristaanaa durii keessatti “Ergamaa Abdii” jedhameetu beekama. Sababni inni ittiin maqaa kanaan beekamus barumsii fi ergaan isaa waa’ee abdii fi amantii Kristaanotni Gooftaa Yesus Kristoos irratti qaban cimsuu irratti kan xiyyeeffatu ture. Ergaalee Phexros lamaan macaafa qulqulluu keessatti argaman irratti namoota Gooftaatti amananii utuu jiranii rakkina adda addaa keessa jiraniif Phexros ergaa jajjabinaa fi abdiin guutameen isaan qaqqabaa ture.

Akkuma kutaa macaafa qulqulluu jalqaba barruu kanaa irratti arginu, Waaqayyo araara isaa isa daangaa hin qabneen kristaanotni “abdii isa jiraataa” kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. Maal jechuudha kun? Phexros battala Yesus Kristoos du’aa ka’e sanaa kaasee Kristaanota Yesuusin “abdii” godhatanii eeggachaa turaniif misiraachoon haaraa akka labsame sirriitti isaan yaadachiisuuf ergaa isaa dubbii jabaa kanaan jalqabe.

Maalif jarri Yesus Kristoosin abdachaa turan?

Jarri Yesus duukaa bu’aa turan kun bartootaa fi duuka buutota isaa warra isatti amananii turanidha. Dhimmi cimaan isaan itti isa abdachaa turanis “ooluu” ture. Yesus kun nu oolcha, dhufee nu fudhata, nu fayyisa, gara jireenya bara baraattis nu geessa jedhanii waan dur qabatanii turan gadi dhiisanii gara isaa dhufan. Hata’u malee rakkinii fi qoramsi Kristaanotni biyya lafaa kana irratti argan abdii isaan qaban irratti shakkii akka isaan godhatan gochaa ture. Akkuma namni waan argachuu barbaadu tokko bira gahuuf abdii godhatu, waan sana irraas abdii kutachuun ni dhufa. Keessumaa waan nuyi abdanne tokko nu jalaa turu, yookis akka nuyi yaadnetti ta’uu dadhabu waan sanatti abdii kutanna.

Abdiin akkuma horamu, abdiinis ni cita!

Maalif Abdii kutanna?

Abdii kutannaan karaa baayyee namatti dhufuu danda’a. Yeroo wanta tokko irra deddeebinee yaallee waan sana argachuu dadhabnu abdii kutanna. Qaamni abdii nuuf kenne tokkos yeroo ofii isaa haala hin taane keessa galu yookin rakkatu yoo argine abdii kutanna. Haalota naannoo keenya jiran ilaallee nutti fakkaachuu yeroo didu, waan nuuf ta’a, ni arganna jennee akeekkannee turre biraa deebinee abdii kutanna. Abdiin namni biyya lafaarra jiru tokko namaaf kennu “abdii du’aa” dha. Jechuunis namni yeroo hundumaa jabaatee jabina isaan itti fufuuf gahaa ta’e hin jiru. Namni harra abdatame bor yeroo inni ofiisaa nama abdii kennuuf barbaadu argaa oolla biyya lafaa irratti.

Abdiin jiraataa maalidha?

Abdiin jiraataa abdii yeroo hunda jabaatee dhaabbatu, abdii amansiisaa ta’e, abdii warra isa abdatan hin yeellaasisne dha. Milikkiti “abdii jiraataa” maalidha yoo jennee macaafa qulqulluu qo’anne abdiin jiraataa hin duunedha! Innis Gooftaa keenya Yesus Kristoos qofadha! Phexros Yesus Kristoos abdii jiraataa ta’uu isaaf akka ragaatti kan inni dhiyeessu du’aa ka’uu isaatiin jiraataa ta’uu isaati. Inni “dhufeen isin fudhadha” jedhee duuka buutota isaa biyya lafaa irratti abdachiisee ture utuu du’ee hafeera ta’eetii abdiin isaan isarraa qaban sun “abdii jiraataa” ta’uu hin dandahu ture. Hata’u malee Yesus du’aa ka’uu isaan abdii inni kennee ture harras kan lubbuu qabuufi jiraataa ta’e nuuf mirkaneesseera.

Kanaaf obboleessa ko, obboleettii ko, inni dhufeen si fura jedhe in dhufa, inni sin oolcha jedhe si oolcha, inni sin fayyisa jedhee ture si fayyisa! Haala amma keessa jiru ilaaltee abdii hin kutatin. Humnaa fi dandeettii kee tuffattee abdii hin kutatin. Yeroo isaatti abdii siif kenne sana guutuudhaaf inni amanamaadha. Jabaadhuutii abdii kee isa jiraataa qabadhuu dhaabbadhu.


Yaadota

2 responses to “Abdii jiraataa jechuun maal jechuudha? Abdiin ati qabdu isa kami?”

  1. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Eeyyee, dhugaadha! Abdiin nu hin yeellaasisne gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa tokkicha Waaqayyo abbaan nuuf kennedha_Abdiin keenya.Isadha!

  2. Meserat Yadeta Avatar
    Meserat Yadeta

    Eeyyee abdiin keenya jiraatadha

Yaada kenni