Namni of qabuu hin dandeenye, akka mandara dallaawwan isaa jijjiganii ti.
Macaafa Fakkeenyaa 25:28
Dhiyoo kana Kafteeriyaa tokko teenyee utuu waan ho’aa fayyadamaa jirruu gidduutti wanti hooda ta’e tokko uumame. Qarreen tokko lafumaa kaatee iyyitee wixxifachuu eegalte. Namni cufti achi keessa jirullee fuula isaa gara isheetti naannessee taatee kana ilaaluu jalqabde. Kan utaalee ba’uuf balbala ilaallachaa turellee hin dhibu jedheen yaada. Wanti akkas ishee wixxifachiisu kun edaa waanuma shir nama godhuyyuu hin turre. “Bararoo” ishee jedhen sana ofirratti argiteetu akkas taati edaa! Dhaabbattee “Bararoo” kana ofirraa buusuuf sodaattee hoollatti, ciniinnatteema sodaachaas achi ofirraa haxoofte. “Bararoon” kunis isheerraa dubartii kan biraarra qubatte, isheenis dabaree ishee kaatee wixxifachuu eegalte, Kaaffeen nuti keessa turre kunis jeequmsaan guute. Ajab, nama jechisiisa. Kana booda keessummeessituun tokko dhuftee maaltu akka ta’aa jiru gaafattee erga hubattee booda obboleettii sanarraa “Bararoo” sana qubaan fuutee suutuma jettee alatti darbattee deebite.
Taatee kana booda garuu waan guddaa tokkon baradhe. Innis jeequmsa kanaaf sababa kan ta’e ilbiisa xiqqoo as gali hin jedhamne miti! Namni baayyeen tarii taatee kana booda “Bararoon” tokko nu jeeqxe jechuu danda’a. Namootuma ilbiisi kun irra bu’etu qabaa isaa wallaale malee. Keessummeesituun sun warra sanarra of qabuu waan dandeesseef haala salphaan furmaata fidde.
Sagaleen Waaqayyoo akka jedhutti namni of qabuu hin dandeenye akka mandara dallaawwan isaa jijjiganiitti balaaf saaxilamaadha. Kana jechuunis jireenyi nama of qabuu hin dandeenyee raafamaaf banaadha, rakkoon haala salphaatti furamuu danda’ullee nama of qabuu hin dandeenye baayyee midhee darbuu danda’a jechuudha.
Jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti akka amanaa tokkootti of qabuu yoo shaakalle murtoo murteessuuf qabnu akeekkannee murteessuu dandeenya. Murtoo qara qabu murteessuun dura rakkoo uumame sana sodaannee bibirrachuurra tasgabboofnee fuula Waaqayyoo isa hundumaa danda’uu yoo dhiyaanne Inni nu hin yeellaasisu. Waaqayyo yeroo hundumaa, haala hundumaa keessatti amanamaadha, nama gargaaruufis dhiyoodha.
Namni of qabuu hin dandeenye nama miira isaan gaggeefamu jechuudha, furmaatas fiduu hin danda’u. Akkasumas namni akkasii qorumsa Seexanaafis baayyee banaadha. Seexanni nama of qabuu hin dandeenye haala salphaan miiraan akka inni oofumu gochuu danda’a.
Kadhata
Yaa Abbaa koo isa amanamaa, jireenya koo hamma har’aa keessatti haaloti ulfaatoo yeroo na mudatan miira keessa galuudhaan utuun of hin qabin murtoo dogoggoraa baayyee murteesseera. Haalota sanaaf deebii akkamii kennuu akkan qabu, maalis gochuu akkan qabu si wajjin mari’achaa hin turre. Yeroo kanaa kaasee garuu akka Sagaleen kee Ergaa 2ffaa Ximootewos 1:7 irratti jedhu Hafuura Qulqulluu kee isa hafuura of qabuu ta’e ati anaaf kenniteen walii galee jireenya koo jireenya miiraan gaggeeffamu utuu hin ta’in jireenya of Hafuuraan of qabuun gaggeeffamu akkan gochuu danda’uuf ogummaa fi ayyaana kee anaaf baayyisi. Kadhata koos deebisuuf waan amanamteef ulfaadhu, maqaa Yesus Kristoosin. Ameen.


Yaada kenni