Akka qajeelfama macaafa qulqulluutti jiraachuu of shaakalsiisuun akka nu irra jiru Phawulos ergaa 1 Xim 4 :7-8 irratti nuu barreesseera. Egaa wanta nuyi of shaakalsiisnu keessaa inni tokko haasawaa gaarii ta’e qabaachuu dha. Namoota biroo wajjin walitti dhufeenya bu’aa qabeessaa fi hiika qabu ijaaruuf haasawaa gaarii qabaachuun barbaachisaa dha. Qajeelfamoota waliin dubbii ilaalchisee, seera bu’uuraa dandeettii keenya guddisuuf nu gargaaran hedduutu jiru. Kanaa gaditti qajeelfamoota bu’uuraa torba dandeettii dubbii ijaaran arganna.
1. Waliin Dubbii Hunda Keessatti Dhugaa Dubbachuu; Haasawaa Sobni Keessa hin Jirre Qabaachuu
Kanaafis, namni adduma addaan, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi bu’aa dhagna walii ti.
Efesoon 4:25
Afaan nama qajeelaa ogummaadhaan in dubbata, arrabni isaas waan dhugaa ta’e in hima.
Faarfannaa 37:30
2. Gaarummaa Agarsiisuu (Gochaa fi Dubbiin)
Warra isin ari’atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa
Roomaa 12:14
3. Jechoota Sirrii Ta’an Fayyadamuu ( Jechoota Filachuun Haasahuu)
Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u beekaa.
Qolosaayis 4:6
Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta’u!
Faarfannaa 19:14
4. Arraba Gowwoomsaa Irraa of Qusachuu
Yoos arraba kee hamaattii, afaan kees sossoba dubbachuuttii eegi!
Faarfannaa 34:13
Isaan maqaa nama tokkoo illee utuu hin balleessin, naga-qaboota, garraamota ta’anii, nama hundumaatti karaa hundumaa gara-laafina haa argisiisan.
Tiitoos 3:2
5. Ofittummaa fi Of-tuulummaa of Irraa Fageessuu
Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa’aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of-dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa.
Filiphisiiyus 2:3
6.Wantota Gaarii Yaaduu Fi xiinxaluu
Ammas yaa obboloota ko, waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’e, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta’e, waanuma galata qabu yaadaa!
Filiphisiiyus 4:8
7. Jechoota Gaarii, Kan Nama Jajjabeessu Itti Dhimmuun Fayyadamuu
Amma garuu isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba’in!
Qolosaayis 3:8
Dubbiin afaan nama ogeessaa keessaa ba’u, namatti in tola; namni gowwaan garuu, arrabuma isaatiin of in balleessa.
Macaafa Lallabaa 20:12


Yaada kenni