Jaalala Abbaa

Masaahikoo Matsumoto fi haati warraa isaa Mikiko bara 1990tti mucaa isaanii isa jalqabaa Yutoo godhatani. Haa ta’u malee, Yutoon erga dhalatee utuu hin turin dhukkuba sammuu, dandeettii qaamaa fi hubannoo isaa irratti dhiibbaa guddaa geessise qabaachuun isaa itti himame. Doktaroonni maatii Matsumoto Yutoon gonkumaa deemuu yookaan jireenya guutummaatti of danda’e jiraachuu akka hin dandeenye itti himan. Masaahikoon kana yeroo hubate mucaasaatiif jireenya hundaarra gaarii taʼe kennuu ergama isaa guddaa godhatee fudhate. Guutummaattis fayyaa fi guddina ilma isaatiif of kenne, yeroo isaa guutuu Yutoo kunuunsuuf hojii isaa raawwatee dhiise.

Jaalalli Masaahikoon Yutoo mucaa isaaf qabu daangaa hin qabu ture. Nuffii tokko malee meeshaalee wal’aansaa fi teeknooloojiiwwan gargaarsaa haala Yutoo fooyyessuu danda’an qoratachuu irratti yeroo isaa dabarsuutti ka’e. Yutoon hakiimota, teraappiistootaa fi barsiisota irraa kunuunsaa fi deeggarsa baayyee gaarii jedhamu akka argatu falmuun bukkee dhaabata.

Of kennuun Masaahikoo kanaan hin dhaabanne, kalaqaa fi guddina sammuu Yutoo irratiis xiyyeefachuun kanaaf akka isa gargaaruuf aartii akka meeshaa walii galteetti fudhatee, harka Yutoo qabuun hojjiiwwan aartii babbareedoo akka uumuu gargaare. Kutannoo Masahikoon guddina Yutoof qabu mana keessa darbee hawaasa fi manneen barnootaa irratti hojjechuun ilmi isaa barumsa gahaa fi jireenya hawaasummaa akka argatuu taasisee. Walumaagalatti, seenaan Masaahikoo jaalala addaa fi of-kennuu abbaan ilmaaf qabaatu; sababa kanaan immoo nageenya mucaan argatu agarsiisa.

Masaahikoon jaalala mucaa isaaf qabuu irraa kan ka’ee, akkamitti mucaan isaa fayyuu akka danda’uu; maatii isaa fi hawaasa faanas walii galuu danda’u barbaaduu fi waan  argate immoo mucaa isaaf dhiyeessuu irraa boddeettii hin jedhu ture.

Egaa Abbaan Inni Foonii Yoo Akkas Gochuu Danda’e…

Egaa abbaan inni foonii yoo akkas gochuu danda’e, Waaqayyo abbaan keenyii, uumaan keenyii fi gooftaan keenyi akkam caalchisee haa godhu?

Waaqayyo jalqabatti akka fakkaattii fi bifa isaatti nama uumee uumama hundumaa irratti aangoo kenneef. Ofii isaattis isa dhiyeessuun faana haasahaa tureera. Garuu Addaam abboommii cabsuu isaa irraa kan ka’e dhalooti hunduu cubbuutti kufee, hawwa foon isaa duukaa bu’uun dheekkamsa Waaqayyoo jala gale. Akkuma Masaahikoon nageenya mucaa isaaf jecha aarsaa hedduu kaffale Waaqayyos barootaaf jaalala inni namaaf qabu agarsiisuun gara iddoo isaa jalqabaattis isa deebisuuf karaa garaa garaa of mul’isaa ture. Bara isa dhumaatti garuu al takkaa fi isa dhumaaf  karaa ilma isaa isa jaallatuu Kristoosiin of mul’isee.

Of mulisuusaa kana keessatti garuu warra dhaqna qabatanii saba waaqayyoo jedhamaniif qofa osoo hin taane ormoota warra abdii hin qabneefis missiraachoo nagaa lallabe. Waaqayyo abbaan tokkicha ilma isaa erguun abdii jiraata ta’e nuuf kennee, diinuumma sababa cubbuun Waaqaa fi nama gidduu seene balleessuun offitti nu araarse.

Bara duriitti Waaqayyo si’a baay’ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera. guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate;

Ibroota 1:1-2

“Fannoo irratti du’uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkootti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse.”

Efesoon 2:16

“Caaffanni qulqullaa’aan, Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufiitti biyya lafaa jaallate jedha. Nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa Ilma isaa irra in kaa’e,  sababii yakka keenyaafis reebamee cunqurfame, waaqqayyos fuula isaa irraa galagalchee; nuyi nagaa akka argannuuf ,cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf ilmii isaa cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol akka ba’u godhe. Madaa’uu ilma isaatiinis in fayyifamne. Maarree Waaqayyo jaalala dhuma hin qabneen nu jaallachuu isaa karaa ilma isaa waan nuuf godheen nutti mul’iseera. Jaalala waaqayyoo kanaan immoo yakkamaa ta’uun keenya hafee karaa Yesus Kristos ijoollee Waaqayyoo warra mudaa hin qabne jedhamneerra.

Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa immoo Waaqayyoon waan hin beekneef, nu hin beeku.

1 Yohaannis 3:1

Waaqayyo isin haa eebbisu!


Yaadota

2 responses to “Jaalala Abbaa”

  1. Ayyaanomi

  2. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Waaqayyo abbaan keenya, abbaa keenya.Isa biyya lafaa kana keessatti fooniin nu dhalche caalaatti nu jaallata; nuuf yaadas!

Yaada kenni