Waa’ee Yesus Kristoos – Du’aa fi Du’aa Ka’uu, Kutaa 1ffaa

Du’uu Isaa

Waa’een fayyisaa ta’uu Yesus ilma Waaqayyoo yeroo ka’u akkamitti akka fayyisaa ta’ee fi fayyisaa ta’uuf jecha maal akka inni hojjete gaaffii namatti ta’uun isaa hin hafu. Ofuma isaa Waaqayyo inni ta’e foon uffachuun dinqiin kan inni dhalate akkuma namoota kaanii jiraatee dulloomee du’uuf hin turre. Jireenyi isaa kaayyoo qaba ture, innis kaayyoo fannoo irratti du’uuti. Mee dubbii kana hubachuuf xiqqoo bal’isnee haa qorannu. Wangeela Yohannis 3:14 irratti Yesus akkas jechuun nama barsiisaa seeraa ta’e tokkotti dubbata. “Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimaa muka irratti akkuma ol fuudhe, ilmi namaas akkasuma muka irratti ol fuudhamuuf jira.” Kanaaf Yesus jalqabumaa maaliif akka dhufe, maaltu fuula isaa duraa akka isa eeggatu waan beekuuf yeroo adda addaa waa’ee fannifamuu isaa dubbatee ture. Kaayyoon kun egaa kan Gooftaan jaallatee fudhate duwwaa otuu hin taane yaadaa fi karoora Waaqayyo abbaas akka ta’e Macaafni Qulqulluu ni dubbata. Isa kanaaf immoo Yesus qulqulluu fi qajeelaa ta’ee waan gaarii duwwaas gochaa namoota yeroo sana turan gidduu yoo deddeebi’es, gaafa yeroon isaa ga’u firdiin jallatee akka inni fannifamee du’uuf namoonni irratti walii galan.  Bara sana namoonni yakkaman balleessaa isaaniif muka irratti fannifamanii dhiphinaan akka du’an gochuun seera mootummichaa ture. Waaqayyos ilma isaa isa jaallatu akkasitti dabarsee murtoo fi fedha namootaatti dabarsee isa kenne. Yesus sobaan himatame,  namootaa fi loltoota mootummaa bara sanaan immoo reebicha baayyeen dhiphifame, tuffatame, kabalamee ittis tufame. Kana hundumaa booda immoo fannoo irratti ol fuudhamee waraanamuun akka du’u godhame. Kana booda reeffi isaas awwaala keessa erga kaahamee kutata eegduun akka eegamaa ture kitaabni qulqulluu nii dubbata ( Mat 27: 66).


Yaadota

Yaada kenni