Du’aa Ka’uu Isaa
Mee utuu kun isinirra ga’ee maal gootu? Namni isin bittaa warra Roomaa jalaa nu baasa ittiin jettanii amantan, akkasuma barsiisaa keessan ta’ee jireenyi keessan isaa wajjin qofa akka dhumu murteessitanii isa faana buutan harka jal’ootaatti dabarfamee reebamee caccabsamee utuu ajjeefame. Du’uun Kristoos bartoota isaatti miira shakkii, bitaa galuu, aarii, boo’uu, yeroon isaanii jalaa gubchuu fi miira baayyee wal makaa akka ta’uu danda’u hin haalamu.
Kristoos erga du’ee booda bartoonni hundinuu dukkana keessa turani. Mootota warra Roomaa, barsiisota seeraa fi Saduuqota akkasumas namoota kaan baqachuun dhokatanii turani. Utuuma haala kanaan jiranii garuu dubartooti akka Maariyaam ishee Magdalaa, kunis isheen hafuuronni hamoonni keessaa ba’anii ergasii Gooftaa duukaa buute, Gaafa Sambata guddaa reeffa gooftaa urgoofuu dibuuf qophaa’anii maariyaam ishee kaanii wajjin dhaqani. Garuu yommuu achi ga’an Gooftaan bakka sana hin turre, erbee uffata isaa qofaatu dacha’ee ture. Isaan naasuu dhaan waan reeffa Gooftaa isaanii jalaa fudhatan se’anii turani.
“Yommusumas Phexrosii fi bartuun inni kaan ba’anii, gara awwaalichaa dhaqan. Isaan lamaan walii wajjin fiigan; bartuun inni kaan garuu Phexros dura darbee fiigee, dafee awwaalicha bira ga’e. Innis gad jedhee kafanni achi akka jiru arge malee, keessa hin linne. Simoon Phexrosis immoo isa booddeedhaan dhufee, achumaan awwaalichatti ol lixee, kafanichi achi kaa’amee arge. Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafanichaa wajjin hin kaa’amne, dachaafamee kophaatti iddoo tokko ture malee.” Yoh 20:3-7
Kutaa kana irratti akka arginutti, Pheexiroosiif Yohannis fiigaa gara awwaalaa yommuu deeman awwaalichi duwwaa ture, kafannii fi erbeen mataa isaa garuu dachaafamee ture kan jedhu akka namni reeffa isaa sana hatee hin deemiin dhugaa ba’a. Bartoonni kun Kristoos akka du’aa ka’e isa du’aa ka’e arganii utuu hin taane reeffi sun bakka sanaa dhibuu isaan amananii hafani. Dhugumas immoo Kristoos du’aa ka’uu isaa booda isaan kunii fi namoonni kaanis ijumaan arganii, isa waliin jiraatanii arganii dhugaa ba’aniiru.
Dhoksaan du’aa ka’uu kanaa maali? Namoonni du’anii ka’an baay’eenis jiru garuu kana maaltu adda godha?
- Kiristoos yommuu du’e cubbuu biyya lafaa guutummaa fudhatee du’e ka’uun isaa ammoo dhala namaa hundumaaf akka isaan lammata dhalatan godhe.
- Du’aa ka’uun isaa namoonni hundinuu garbummaa cubbuu fi kan isaan qabee jiru keessaa akka ba’an godheera.
- Dhuga baatiin amantii Kiristiyaanaa jiraataaakka inni ta’u godheera.
- Namni du’aa ka’uu Kristoos amanu Waaqayyo irraa lammaffaa dhalata.
- Du’aa ka’uu isaan aangoo diinaa diigee jireenya barabaraa nuuf kenneera.
Phaawulosis kana hubachuun du’aa ka’uun hammam jireenya namaatiif murteessaa akka ta’e akkas jechuun ibsa: “Nuyis Waaqayyo, Kristosin du’aa kaaseera jennee, Waaqayyoof dhugaa ba’uu keenyaan sobduu taanee argamuu keenya; warri du’an hin kaafaman erga ta’ee, Waaqayyo Kristosin immoo du’aa hin kaafne jechuu dha. Kristos du’aa hin kaafamne erga ta’ee, amantiin keessan immoo waa’ee hin baasu, cubbuun keessan ammuma iyyuu isin irra jira. Yoos immoo warri Kristositti amananii obbaafatan baduu isaanii ti. “1 Qorontos 15:15-18
Egaa Yesus Gooftaan inni du’aa ka’e kun akkuma waa’ee isaaf murteeffametti lubbuu isaa aarsaa sababa cubbuu namootaaf dhiyeeffamu godhee fannoo irratti dhiyeessee dheekkamsa sababa cubbuun dhufu hundumaa waan baateef Waaqayyoo fi nama gidduu dhaabbachuun nagaa buuseera. kanaaf dubbiin Waaqayyoo Qol 1 :20 irratti “Waaqayyo waan hundumaa karaa isaa ofitti araarse; dhiiga kristos isa fannoo irratti dhangala’eenis lafa irratti waaqa irrattis nagaa buuseera” jechuun kan dubbatu. Kanaaf amma sababa Yesus aarsaa ta’ee dhiyaateef warra isatti amanatanii fi Waaqayyo gidduu diinummaan hin jiru. Yesus karaa tokkicha namoonni gara abbaa ittiin dhaqani dha. Ilmichi inni araaraaf sababa ta’e; warri isa simatan hundumtuu ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo waan isaaniif kenneef isaan dhugumatti ijoollee Waaqayyoo ta’aniiru.
Egaa har’a Yesus erga salphinaa fi dhiphina guddaadhaan du’ee du’aas ka’ee booda mirga abbaa isaa ulfinaan taa’ee jira. Akkuma abdii namootaaf kennettis deebi’ee dhufuuf jira ( Yoh 14:28).


Yaada kenni