Namni Ani Baayyee Jaalladhu Yoo Anarraa Adda Ba’e Maal Godhu?

Guyyaa tokko gooftaan Iyyesuus nama inni baayyee jaallatu tokko akka inni baayyee dhukkubsate nama isatti erganii itti himani. Haa ta’u malee guyyaa sana otoo dhaqees hin dubbisiin, utuunni hin kadhatinif hafee namni Alaazaar jedhamu kun in du’e. Yommus gadda guddaatu mana Alaazaariif maatii isaaniitti seene. Gadda kana irraa kan ka’es obboleettiin Alaazaar Maartaan, baayyee akka gooftaatti gaddite


“Gooftaa utuu ati as jiraattee obboleessikoo hin du’u ture”

Yohaannis 11:32

jechuun miira aarii fi gaddaan guutameen itti himte. Gooftaan hunda isaanii jaallatus akka Alaazar ka’ullee utuu beekuu inni garuu baayyee gaddee in boo’e.

Yeroo baay’ee gaafa namni nuuni jaallannu sababa garaa garaan nu irraa adda ba’u waan qabnee gadhiisnu wallaalla.  Miira walmakaa ta’een jireenyi keenya guutama. Takka aariitu nu guuta takkas miira gaddaa utuuma isa hin fixiin immoo miira abdii kutannaafi jireenyi keenya akka kana booda hiika hin qabneetti yaadna. Hamma nama taanee uumamnetti miirota kana ni qabaanna. Namni baay’een ani sababan maal balleesseef ykn ammoo namni kun cubbuu maalii sababa hojjeteef akkas ta’e kan jedhu baruuf guutummaa yeroo isaanii yaadota dudduuba deebisuun itti yaadda’u. Kun garuu ittumaa caalchisee miira keenya boolla nuti keessaa hin baane keessa nu galchaa adeema.

Hamma nama taanee jirrutti dirqama sababa waan hundumaa baruun nuuf hin kennamne. Yaadi keenya immoo yeroo miirota walmakaa ta’an kana waliin guyyaa guutuu dhiphachaa oolu carraan madaa keenya irraa fayyuu baayyee dhiphaa ta’aa adeema. Namoonni baayyeenis kana irraa kan ka’e aarii, gadda fi yaaddoo isaanii obbaafachuuf gara araada hin jaallannee keessa of galchu.

Macaafni Qulqulluun Yommuu Nuun Qorumsa Garaa Garaa Keessa Dabarru Maal Nu Gorsa?

Ergaa gara Ibirootaa irratti “Nuti angafa lubaa akkuma keenya waan hundumaan qorame” qabna jedha. Kana jechuun gooftaan keenya waan nuun keessa dabarru kana sirriitti akka isaaf galu keessaas nu baasuu akka danda’u nu gorsa. Nuti immoo jalqabarratti waa’ee nama nu irraa adda ba’ee sababa kamiif illee yoo ta’e fudhachuu qabna. Gooftaan keenya ammoo laphee nama miidhamee kam illee dandeettii namni hubachuu hin dandeenyeen fayyisuu danda’a. Madaa baayyee nama dhukkubu kan ogeessi fayyaa arguu hin dandeenye Gooftaa Iyyesuus qofaatu fayyisa. Inni qabbanaaf boqonnaa laphee keenya irratti nuuf dhangalaasuu danda’a. Sa’atii nuti yaadaaf miira garaa garaa keessa gallutti dhufee yaada keenya tasgabbeessee deebisee nu ijaara.

Madaa baayyee nama dhukkubu kan ogeessi fayyaa arguu hin dandeenye Gooftaa Iyyesuus qofaatu fayyisa.

Laphee keenya cabe tasgabbeessuuf garuu wanti nu irraa eegamu ni jiraata. Kunis yeroo hundumaa sagalee waaqayyoo isa qabbana baatee adeemuuf laphee miidhame fayyisu yaada keenya keessa ka’achuu qabna. Kadhataaf himataan ammoo waan nu dhiphise fuula gooftaa keenyaatti dhiheessuutu nu irra jira.

Caqasa Dabalataa


“Haati mucaa ishee akkuma urursitu, anis akkasuma isin nan urursa; Yerusaalem keessatti jajjabina in argattu.”

Isaayas 66:13


“Wanti ati jette lubbuu anatti in deebisa, kunis yeroon gad deebi’utti jajjabina koo ti.”

Faarfannaa 119:50


“Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera” jedhe.”

Yohaannis 16:33


“Waaqayyoon eeggadhu, jabaadhus! Laphee jabaadhu, Waaqayyoonis eeggadhu!”

Faarfannaa 27:14


Yaadota

One response to “Namni Ani Baayyee Jaalladhu Yoo Anarraa Adda Ba’e Maal Godhu?”

  1. Saamu'eel Avatar
    Saamu’eel

    Thoughtful! Thanks for sharing such supportive article

Yaada kenni