Aarsaa Isa Dhumaa

Macaafa Qulqulluu keessatti aarsaa jechuun wanta Waaqayyoof gatii guddaa qabu dhiyeessuu kan argisiisu siʼa taʼu, innis gocha waaqeffannaa ykn of kennuudhaan geggeeffamudha. Bara kakuu moofaa keessatti aarsaan yeroo baay’ee bifa horiin muda maleessa ta’u qaluun ykn midhaan gubuun kan dhihaatu yoo ta’u, kunis firdii cubbuu irraa oolanii araara Waaqayyoo argachuuf kan Isaaf dhiyeeffamu ture. Aarsaan kakuu moofaa keessatti baay’ee beekamaan aarsaa hoolaa guyyaa araaraa yeroo ta’u, kunis Luboota Waaqayyo filateen kan raawwatamuu fi namoota cubbuu isaanii qulqulleessuun Waaqayyoo wajjin araarsuuf godhama ture.

Kakuu Haaraa keessatti Yesus cubbuu dhala namaatiif aarsaa isa dhumaa ta’ee ibsameera. Akka kakuu haaraatti, Yesus fedhiidhaan lubbuu isaa fannoo irratti aarsaa cubbuu biyya lafaa ta’ee, adabbii cubbamootaaf malu bakka bu’aa ta’ee of dhiheesse. Yesuus du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin namoonni Waaqayyoo wajjin akka araaramanii fi cubbuun isaanii akka dhiifama argatu taasiseera.

Aarsaan kee Inni Dhumaa Maali?

Karaa hedduu ta’een Macaafni Qulqulluun waa’ee kristaanonni jireenya ofii keessatti aarsaa akka kaffalan waamamuu isaaniis ni dubbata. Waldoota gara jalqabaa kessaatti kanneen wangeelaaf jecha aarsaa lubbuu kaffalan kan akka Phaawuloos, Pheexroos, Yohannis, Yaaqoob fi Isxiifaanoos faa akka fakkeenyaatti kaasuu ni dandeenya. Isaan jireenya dhuunfaa isaanii dhiisanii ergaa Wangeela Gooftaa Yesus Kristoos labsuu fi baballisuu irratti xiyyeeffachuuf waan qaban hunda utuu hin qusatin lubbuu isaanii, jireenya isaaniis aarsaa taasisan.

Biyya kenya keessattis wangeelli fayyinaa kun erga lallabamuu jalqabee namoota baay’ee aarsaa itti ta’an kan akka luba Guddina Tumsaa fi waayillan isaanii wangeela dhaloota biraan ga’uuf jecha wareegama foonii kaffalan irra dhaabbachuun har’a nu bira ga’ee jira. Wangeelli jireenyaa kun har’ammoo ana fi si biraa ga’ee jira.

Tarii har’a haala keessa jirruun mirgi wal qixxummaa amantaa jiraachuu isaatiin lubbuun kenya wareegamuu dhiisuu mala ta’a, garuu aarsaan nurraa barbaadamu akka nurra jiru sekoondii tokkoof dagachuu nurra hin jiraatu. Aarsaan nurraatii eegaman kunneen ammoo yeroo keenya, maallaqa keenya, dandeettii keenya, jireenya keenyaaf kan kana fakkaataniin ta’uu mala.

Wangeela fayyinaa daandii dhiphinaa fi aarsaa gootota Wangeelaan si bara ga’e kanaaf atis aarsaa sirraa eegamu gochuuf yeroon isaa amma. Maal akka sirraa eegamu baruufis guyyaan isaas har’a. Akka amanaa tokkooti har’a aarsaa inni cimaan ati Waaqayyoof baasuu qabdu maali? Goftaan keenya hanga handaara lafaatti deemaa waan jedheef, hojii Wangeela baballisuu keessatti aarsaan hamma lubbuu ofii wareeguutti nama geessisus jiraachuu mala. Har’a haa qophoofnu!

Aarsaan hundarra caalu, ulfinaa fi gonfoo hundarra caalu nama argachiisa.

Ulfina isa caalu Waaqayyo biraa argachuuf aarsaa nurraa barbaadamu barree isumaaf haa jiraannuun dhaamsa ergaa kooti.


Yaadota

2 responses to “Aarsaa Isa Dhumaa”

  1. Wogene Tiruneh Avatar
    Wogene Tiruneh

    gaariidha jireenya keenya aarsaa goonee akka dhiyeessinu phaawuloos Room.12:1 irratti ni dubbata kun akkamiin ibsama?

  2. Abarraa Gammachuu Avatar
    Abarraa Gammachuu

    Barumsii walgeelaa kun bayee natti tole jira afuraa koos qabanayee jiraa
    galatomaa

Yaada kenni