Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, Inni si eegus hin mugu. Kunoo, inni Israa’eliin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.
Faarfannaa 121:3,4
“Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, Inni si eegus hin mugu.
Kunoo, inni Israa’eliin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.” Faarfannaa 121:3,4
“
Yeroonsaa A.L.A. tti Fulbaana 7, 1940 dha. Addunyaa to’annoo isaa jala oolchuuf kan ka’e Adolf Hitlar fi waraanni Naazii Jarmanii inni hoogganu kallattii xiyyeeffannoo isaanii geeddaruun magaalaa Landaniin reebuu guyyaa isaan itti eegalan ture. Guyyaa keessaa gara sa’atii 10:00tti xiyyaaronni waraanaa 348 kan loltoota hanga 617 baatan magaalaa Landaniin marsanii abidda samii irraa gad-roobuun barbadeessan. Gamoowwan akka waraqaatti tatarsa’an, gimbiiwwaan akka qoda qodaa ijoolleetti jigjigan. Iddoowwan gara dhibbaatti siqan wal-qabatanii gubachuu eegalan. Aarri achii bahu bifa waakkoo qabachuun samii irratti akka afuuffee tuulamaa biyyattii haguuge. Magaalattii irratti kan dhageessisu iyyi akeekkachiisaa cimaan, akkasumas sagaleen kottee loltoota asiif achi fiiganii, iyyi hojjetoota ittisa abiddaa fi dheekkamsa gadi roobu jalaa dhokachuuf uummanni fiffiigu taatee sana dhuma biyya lafaa fakkeessee jira.
Guyyaa 57f utuu walirraa hin kutin haleellaa kanaan jiraattonni Landan halkanoota isaanii kan dabarsan da’oo argatan keessatti yeroo tahu, buufatoonni baaburaa lafa jalaa iddoo dahoo isaanii beekamaa turan. Waqtii tokko keessumaa namoonni 177,000 ol tahan da’oowwan laf-jalee kana keessa bulu turan.
Waggaa 40ffaa ishee dhihootti kan kabajatte Emiliin hiriyootaaf maatii ishee waliin guyyoota 32 darbaniif buufata baabura lafa jalaa dhiyeenyatti argamu keessatti dabarsite. Emiliin iddoo hin mijanne sana keessa dabarsuuf kan isheen qabattee dhufte uffata qorraa isheefi macaafa qulqulluu ishee qofa ture. Yooma waca achi keessaaf yeroo tokko tokko ammoo xiyyaaronni Jarmanii yeroo dhufan dubbisuuf haala hin mijanne uumu ta’eyyuu halkan hundumtuu erga rafee booda macaafa qulqulluu ishee dubbifatti.
Halkan tokko garuu akkas tahe. Xiyyaaronni Jarmanii akka dhufan sagaleen beeksisu halkan itti dhagahamaa jiru keessa Emiliin hiriyyoota isheefi jaalleewwan ishee iddoo ha’oo sana turan hunda wanta bitaa itti galu tokko raawwatte. Uffata qorraa ishee marattee deemuuf kaate, eessa deemuuf akka isheen kaate gaafannaan isheenis akka gara mana isheetti deebi’uuf kaatee fi guyyaa sanaa eegalee mana ishee akka bultu itti himte. Jalqaba dhiphina jiru irraa kan kahe wanta sammuun ishee darbe(sammuu ishee darbite) itti fakkaate. Haata’u iyyuu malee haasaa dheeraa booda gara kutummaa ishee itti hubachiisteen, humna isaanii ol waan ta’eef hin gaggeessaniin. Emiliin karaa simbirroon illee itti hin mullanne, karaa calleensa hamaa sana qabattee gara mana isheetti qajeelte. Galtees nyaata ishee bilcheeffattee erga nyaattee, dhaqna ishee dhiqattee uffata halkanii ishee jijjiirrattee rafte.
Halkan sun, yeroo kam caalaa haala ta’een magaalaan Landan xiyyaarota waraana Naaziin halkan itti barbadoofte ture. Naannoo sanatti kan gaggeeffame rooba boombii sana kan ilaalan firoonni Emilii achuma iddoo jirannitti imimmaan hadhaa’aan hirmii isaanii baafatan. Yagguu bari’ee haleellaan sun yeroo gab jedhu tarii lafeen ishee yoo argame sirna gaggeessaa reeffa ishee raawwachuuf gara mana Emiliitti qajeelan. Naannoon mana ishee daaraa ta’eera, yeroo kanas shakkiin isaanii gara qaxiitti geeddarame. Ta’us gara mana ishee yeroo gahan, haala nama ajaa’ibsisuun manni ishee itti hin bu’amne! Ariitiin mana ishee qosoqqosnaanis dinqisiifamuun isaanii ittuma caale. Emiliin uffata halkanii ishee akka uffatteen hirriba cimaa irraa akka kaate bifa beeksisuun balbalicha banteef. Firoonni ishee gammachuun isheetti maraman. Isheenis sababa gammachuu isaanii baruuf jettee “Wanti haaraan maaltu argame?” jechuun gaafatteen. Isaanis naannoon ishee Jeettiin halellaa hamaan akka haleelamaa akka buleefii hafuun ishee akka isaan dinqisiise itti himan. Isheen garuu hirribni cimaan waan ishee fudhateef wanta tokkollee akka hin dhageenye itti himte. Firoonni Emilii wantichi sammuu isaanii olwaan ta’eef akkamitti mana galtee rafuuf akka murteessiteefi haleellaan sun marti akkamitti akka itti hin dhagahamneefi isheen hin jeeqamne gaafataniin. Isheenis akkas jechuun deebiste. “Yeroo dheeraa jalqabee Macaafa qulqulluu dubbisuu amaleeffadheen ture. Waaqayyoos sagalee isaan natti dubbata ture. Rakkoon nurra gahe dhufuun isaa sagalichaafi abbaa sagalichaa wajjin walitti dhufeenyan qabu addaan hin kutne. Halkan tokko iddoo buufta baaburaa tokko jala da’annee utuu jirruu akka amala koo Macaafa Qulqulluu koo yeroon dubbifadhu Faarfannaa Daawwit keessatti ‘Inni miilli kee akka sigaigaatu hin godhu, Inni si eegus hin mugu.
Kunoo, inni Israa’eliin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.’ sagalee jedhun dubbifadhe. Egaas Waaqayyo ana eeguuf kan hin rafneef hin mugne taanaan tokkoon keenya rafuu qabna jedheen rafe” jechuun itti himte.
Harrahoo nuti Waaqayyoo hirriba malee utuu nu eeguu nuti garuu sodaadhaan rafuu dadhabneerraa laata? Inni waa’ee keenyaaf utuu yaaduu nutis waa’ee keenya yaaduun dhiphina hamaan rakkanaa laata? Egaahoo dhiphinaaf sodaa keenya baasnee gatnee eegumsa Waaqayyoo, kennaa Waaqayoo fi dura bu’umsa Waaqayyotti haa amanannu.
Dubbisa dabalataa: Far 41:2; Se. Keessa deebii 33:29; Far 127:2
“


Yaada kenni