Ijoollummaa keenyatti yaadannoo hedduu qabaachuu malla. Isaan keessaa tokko guyyoota balleessaa balleessinee maatiin keenya itti nu adabani natti fakkaata.
Guyyoottan ijoollee ta’ee balleessaan balleesseef itti adabame baay’ee keessaa guyyaa tokko yeroon yaadadhu baayyee na dhiba, na kolfisiisas. Mi’a abbaan koo yeroo hunda ‘qodaa kana hin tuqin!’ jechuun irra deddeebi’ee natti himu tokkotu mana keenya keessa ture. Animmoo mi’a inni jedhu sana tuqeema ilaaluuf barbaadeera.
Booda keessa guyyaa tokko ija abbaakoo ilaalladhee suuta anaa meeshaa sana itti bu’u qodaan sun lafa dhahee caccabe. yeroo kun ta’u naasuun guyyaa saafaa natti dukkaneesse. Abbaan koos qodichi yeroo lafa dhahu dhagahee lafa turee gara bakka meeshaa sana ol kaa’ateetti fiigee dhufuu isaa yeroon argus naasuu guddaadhaan isa harkaa miliquuf fiigichaan manaa ba’een kute. Abbaan koo duuba koon suksukaa iyyee na waama ture. An garuu isa sodaachuu irraan kan ka’e ittuma caalchiseen isa baqachaa finxiriiree mana keenyarraa fagaadhee sokke. Ariitii ani itti isa baqadhuun abbaankoo ana waliin fiiguu waan dadhabeef nafa nafa tarkaanfachaama maqaa koo waamuu isaa itti fufe. Akkuma an fagaachaa adeemeen Sagaleen inni itti na waamus xiqqaachaa, xiqqaachaa adeemee booda keesssas sagaleen isaa guutummaa guututti ni bade.
Daqiitota muraasaaf ergan fiigaa turee boodas ofirra galagalee yeroon ilaalu, edaa manarraa baay’ee fagaadhee deemeera. ‘Wayyoo qaatan bade’ jedhee amma immoo naasuu fi sodaanan guutame. Qe’ee abbaa koo irraa fagaadhee deemee balaaf of saaxiluurra ammoo garuma inni jirutti dhiyaadhee dheekkamsumaa fi adabbii abbaa koo sana anaaf wayya jedheen garaa kootti murteesse. Battalumaanis of irra deebi’ee ammammoo gara qe’ee abbaa kootti fiiguun eegaleen isiniin jedha.
Har’a taatee ijoollummaa koo kana kanan kaase hubannaa an har’a irra gahe tokkoof fakkeenya ta’a jedhee yaaduuni. Sagaleen Waaqayyoo Yaaqoob 4:8 irratti “Waaqayyotti dhiyaadhaa, innis isinitti in dhi’aata.” jedhee dubbata. Waaqayyo jaalala hammi isaa yaada namaan bira ga’amuu hin dandeenyeen nu jaallata. Jaalalli Waaqayyoo kun immoo akka gareetti nuuf kenname miti. Tokkoon tokkoon keenya Waaqayyoon beekamneerra, jaallatamneerras.
Waaqayyotti dhiyaadhaa; Innis isinitti in dhiyaata
Yaaqoob 4:8
Waaqayyotti Dhiyaachuuf Maal Gochuun Qaba?
Waaqayyo inni ijoollee namaa jaallatu hariiroo dhuunfaa tokkoon tokkoo isaanii waliin qabaachuu ni barbaada. Isa kana agarsiisuuf Yesus Yohannis 14 :23 irratti “Eenyu illee yoo na jaallate dubbiikoo in raawwata, abbaankoo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna.” jechuun hariiroo Waaqayyo nama waliin qabaachuu barbaadu haala dinqiin dubbata. Akka dubbii kanaatti egaa Waaqayyotti waan nu dhiyeessu keessaa inni tokkichi dubbii isaa amantiin jiraachuu dha. Yoo kana goone nuyi Waaqayyotti dhiyaachuu irra iyyuu darbee Waaqayyo nutti dhiyaachuun akka nu bira jiraatu godha. kana gochuuf immoo waan Macaafni Qulqulluu jedhu dhaga’uu fi dubbisuu qofti bu’aa hin buusu; Waan dubbichi jedhu hubachuun gochuudha malee (Yaaqoob 1: 22 ilaali).
Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna
Yohannis 14: 23
Waaqayyo inni gaariin jabina siif haa kennu. Gara isaattis akka dhiyaattuuf ayyaana siif haa baay’isu!


Yaada kenni