Addunyaa kana irratti wantoota iddoo guddaan itti keennaman keessaa tokko moggaasa maqaati. Maqaan sababa adda addaan moggaafama; sababa malees maqaan hin mogga’u. Sababoota maqaa namootni itti moggaasan keessaa muraasni warra kana. Seenaa fi hidda dhufaatii nama tokkoo ibsuuf, taatee yeroo tokkoo ittiin of yaadachiisuuf, nama maqaan sun itti mogga’eef madda ciminaa yookaan jajjabinaa akka ta’uuf, akkasuma illee hiree yookaan fuuldura namootaa akka bocuuf hawwuu irraa kan ka’e, hariiroo ijaaruu fi walitti dhufeenya namoota wajjin qaban ittiin cimsuuf yeroo namootni maqaa moggaasan ni mula’ta.
Macaafa qulqulluu irratti namoonni Waaqayyoon ibsuuf maqaa hedduu moggaasaniiru. Yeroo tokko tokko wanta Waaqayyo hojjeteef deebii kennuudhaaf kan mogaasan yeroo ta’u, yeroo biraa immoo Waaqayyoo eenyu akka ta’e ibsuuf yeroo moggaasan argina. Mee maqaawwan Waaqayyoo beekamoo ta’an muraasa haa ilaallu.
Elohim: Elohim jecha afaan Ibrootaa yeroo ta’u, maqaa hima Macaafa Qulqulluu isa jalqabaa keessatti mul’atu dha. Uma. 1:1 irratti “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume;”. Kana jechuunis “Jalqaba irratti Elohim, samii fi lafa uume” jechuudha. Jechi “Elohim” jedhu “kan ol aanuu” ykn “jabaa” jechuu dha.
El Ro’i: “Waaqayyo isa na ilaalu” jechuu dha. Uma. 16:13 akkas jedha: “Aggaaris, ‘Ani dhugumaan Waaqayyoon isa na ilaalaa ture argee?’ waan jetteef, Waaqayyo isa isheetti dubbate sana “El-Ro’i” jettee waamte.’
Yaahwee Yir’ee”: Gooftaan nuuf dhiheessa yookaan in kenna jechuu dha. Uma. 22:14 “Abrahaamis maqaa iddoo sanaa, “Yaahwee yir’ee” jedhee moggaase; [akkas jechuun, “Waaqayyo in arga” jechuu dha]; namoonni amma iyyuu, waa’ee isaa yeroo dubbatan, “Inni tulluu isa Waaqayyo irratti waa argamsiisuu dha” jedhu.”
Yaahwee Raafaa: Gooftaan fayyisaa keenya jechuu dha. Bau. 15:26 “Sagalee ana Waaqayyo gooftaa kee isa sitti dubbatu dhugumaan yoo dhaggeeffatte, wanta ana duratti qajeelaa ta’e yoo goote, abboommii koo yoo dhageesse, seerrata koo hundumaas yoo eegde, dhukkuba ani warra Gibxiitti fide hundumaa keessaa tokko illee sitti hin fidu; ani Waaqayyo fayyisaa kee ti” jedhe.
Yaahwee Nassi: Gooftaan faajjii keenya jechuu dha. Bau. 17:15 “Museenis iddoo aarsaa ijaaree, maqaa isaas “Waaqayyo faajjii koo ti” jedhee moggaase.”
Yaahwee Maahqaadeesh “Gooftaan isa Qulqulleessuu jechuu dha. Lew. 20:8 “Seerrata koo eegaa, raawwadhaas! Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessuu dha.”
Yaahwee Shaalom: Gooftaan Nagaa keenya jechuu dha. Abo Firdii. 6:24 “Giidewonis achitti Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree, maqaa isaas, “Nagaan kan Waaqayyoo ti“ jedhee moggaase; iddoon aarsaa kun hamma har’aatti iyyuu mandara Ofraa isa kan sanyii Abii’ezer sana keessa jira.”
Yaahwee Raah: Gooftaan tiksee keenya jechuu dha. Far. 23:1 “Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!”
El Elyon: Waaqayyo Ol’aana, Danda’a, yookaan yeroo tokko tokko Gooftaa, Uumaa samii fi lafaa agarsiisuuf itti fayyadaman. Far. 57:2 “Waaqayyo isa hundumaa gararraatti, Waaqayyo isa dubbii koo anaaf raawwatutti nan iyyadha.”
EL-Oholaaham [el-oh-lahm]: “Waaqa bara baraa” jechuu dha. Far. 90:2 “Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha.”
Yaahwee Sabaa’ota: “Gooftaa maccaa ykn Gooftaa Raayyaa” jechuu dha. 1Sam. 1:3 “Elqaanaan waggaa waggaatti Waaqayyo gooftaa maccaatiif sagaduudhaaf, aarsaas dhi’eessuudhaaf mandara isaatii gara Shiilootti ol in ba’a ture.”
Yaahwee Tsidqeenuu: Gooftaan Qajeelummaa keenya jechuu dha. Er. 23:6 “Bara isaa keessa Yihudaan in fayya, Israa’elis bir’aa malee in jiraata; maqaan isaa, ‘Waaqayyo qajeelummaa keenya’ in jedhama.”
Yaahwee Shaammah: Gooftaan as jira jechuu dha. His. 48:35 “Guutummaan naannoo mandarattii dhundhuma kuma kudha saddeet; guyyaa sanaa jalqabee maqaan mandarattii ‘Waaqayyo achi jira’ in jedhama” jedhe.”
Waaqayyo Eenyu Jedhee of Beeksise?
Israa’elooni maqaa kanaaf kan kana fakkaataniin Waaqayyoon ibsuuf yeroo moggaasan argineera. Garuu Waaqayyo ofii isaatiin immoo eenyu jedhee of beeksise?
Bau. 3:14 akkas jedha, “Waaqayyo deebisee Museedhaan, “Ani ‘Isa jiraataa dha,’ ati immoo saba Israa’eliin, ‘Inni jiraataan isinitti na ergeera’ in jetta.”
Waaqayyo sabni isaa akka isa waamuuf akka isa beeekuuf maqaa yommuu ofii kennu wanta hundumaa irratti olaantummaa isaa, humna isaa fi baraa barummaa isaa kan ibsuu filate. Akkas jedhe, “Ani Isa Jiraataa dha“. Inni Waaqa of danda’e, of danda’ee kan ture, kan jiru, kan jiraatudhas. Maqaan ‘Isa jiraataa’ (Yaahwee ) jedhu maqaa Waaqayyo ittiin of ibsuuf filatedha. Kunis Waaaqayyo eenyummaan isaa maal akka ta’e, akkasumas akkamitti isa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka qabnu kan nu hubachiisuu danda’u dha.
Waaqayyo isin haa eebbisu!


Yaada kenni