Anaaniyaaf Saphiiraan Maaliif Dhiifama Hin Arganne?

Anaaniyaaf Saphiiraan abbaa manaaf haadha manaa seenaa waldaa kiristiyaanaa keessatti jiraachaa turani dha. Akka macaafa hojii ergamootaa boqonnaa 5:1-11 irratti caafamee jirutti, lafa qaban gurguratanii sana keessaa dhoksanii hambifatanii kanumatti gurguranne jechuun fuula ergamootaa bira fiduun yommusuma abbaan manaaf haati manaa Waaqayyoon sobuu isaaniif duuti itti faradame. Gaaffiin nama baayyee, akkamiin isaan araara hin arganne? Kakuu haaraa irratti namni sobe battala du’aa? Waaqayyo maaliif dhiifama hin gooneefi? Jechuun yoo afaan baasnee gaafachuu baanne illee yaaduun keenya hin oolu. Barruu kanaan gaaffilee kanaaf deebii isaa macaafa qulqulluu keessaa ilaalla. 

Kutichi akkas jedha,

“Namichi Anaaniyaas jedhamu tokko ture; inni haadha manaa isaa Safiiraa wajjiin waliigalee, lafa qaban tokko gurgurate. Horicha irraa garuu dhokfatee, gartokkoo fidee ergamootatti kenne; kanas immoo maree haadha manaa isaatiin waan godheef, isheen gaarii gootee beekti turte. Pheexiroos yommuus, “Anaaniyaas, akka ati hafuura qulqulluu sobduuf, horii araddaa kee itti gugurte keessaas akka dhokfattuuf, maaliif seexanni yaada garaa kee keessa guute?” Qabeenyi kee kun utuu ati hingurguriin kan kee ture, erga gurgurtees horichi harka kee keessa jira mitii ree? Attamitti garaa kee keessatti kana maltee ree? Ati namoota sobde miti, Waaqayyoon sobde malee” jedheen. Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhaga’e, lafa dha’ee du’ee, warri kana dhaga’an hundinuus, guddaa sodaaatan.”

Ibroota 13:17

Haadhi manaa isaas akka sa’atii sadii booddee dhuftee isheenis gaafa Pheexiroosiin sobdu, du’aan adabamtee achumaan duute. Egaa isaan maaliif du’aniree? Kutaa armaan olii keessatti akkuma ibsame lakkoofsa 4 irratti “…ati namoota sobde miti Waaqayyoon sobde malee” jedha. Waa’ee kanaa irratti gooftaan waan inni jedhe kutaa biraa irratti haa ilaallu.

Kanaafis ani isinittan hima, cubbuun kam illee arrabsoonis namootaaf in dhiifama; arrabsoon hafuura qulqulluu irratti ka’u garuu hin dhiifamu. Eenyu illee ilma namaatiin mormee waa isa irratti yoo dubbate, dhiifama in argata; eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu bara kanatti, bara dhufuttis dhiifama hin argatu”

Maatewoos 12:31-32

Akkuma macaafa keessatti hubannu qajeelfamoota kana bartootaaf kan kenne Hafuura Qulqulluu dha. Miseensonni fi obboloonni waldaa keessa jiran, kanaan geggeeffamaniii qabeenya isaanii hundumaa kennuu jalqaban, isaanis wantoota kana gara miila ergamootaatti fidaa turani. Gurguranii illee miila ergamootaatti fidanii kennaa godhu turan. Kun qajeelfama hafuura qulqulluu yeroo sanaa ture. Achiis jarreen kun, Abbaan manaa fi haati manaa isaa, qabeenya gurguruuf murteessan, erga qabeenya sana gurguranii immoo qarshii sana keessaa gar tokko ergamootaaf fidanii dhufani. 

Egaa, qabeenya sana gurgurree gatii isaa keessaa gar tokko isiniif fidne jechuu ni danda’u turani ta’a. Qooda kanaa garuu ulfina mataa isaanii waan barbaadaniif kunis namoota duratti akka waan gad of deebisanii abboomamaniitti fakkaachuu waan yaadaniif hamma ta’e irraa fidanii “hunduma isaa fidne” jedhanii ergamoota gowwoomsuuf yaalan. Ergamaan Pheexiroosis akka sobaa jiran Hafuura Waaqayyootiin waan beekeef maaliif seexanni yaada garaa kee keessa guute?”; Waaqayyoon malee namoota hin sobne jedheeni.

Egaa gaaffiin keenya, jarri kun dhiifama argachuu hin danda’ani turee? Deebiin isaa Lakki! Matumaa hin argatani sababni isaas isaan Hafuura Qulqulluu soban; Hafuura Waaqayyoo sobuuf dhufuuf karoorfatan. Kanaaf waan gooftaan jedhetu irratti ta’e. Kanaafis battaluma namichi kun, haati manaan isaas kufanii du’an. Egaan macaafa irraa maal hubanna yoo jenne namni Hafuura Qulqulluu sobe kam iyyuu akka adabamudha. Adabbiin gosa garaa garaa ta’uu danda’a, kaan jireenyaan, ba’aa garaa garaan bara kanattis bara dhufuttis akka adabamani dha. Duunis isaan keessaa isa tokkodha. Kanaaf, Nuti kiristiyaanonni jireenya keenyaan of eeggachuu akka qabnu nu gorsa. Kanaaf Ibiroota 10:31 irratti “Waaqayyo isa  jiraataa harka bu’uun guddaa sodaachisaa dha” jechuun nuuf barraa’e. Kanaaf, namni tokko waan wal fakkaatu hojjetee jalaa ba’a jennee yoo yaadne of gowwoomsina. Lakki! Namni  jalaa bahu hin jiru – eenyullee hin jiru. Kanaaf jireenya keenya qoruun of eeggachuun haa deddeebinu! 


Yaadota

One response to “Anaaniyaaf Saphiiraan Maaliif Dhiifama Hin Arganne?”

  1. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Dhugaadhumatti hafuura qulqulluu sobuun, of sobuu fi darbees du’a kan namatti fidu ta’uu akka gaariittan irraa baradhe; hubadhes.

Yaada kenni