Ergaan Raajummaa Yommuu Naa Darbu Calliseen Fudhadhaa?

Bara kana keessa ergaan karaa raajotaa namatti darbu baayyachuu irraan kan ka’e raajota dhugaa fi raajota sobaa hamma gargar baasuuf dadhabamutti ga’eera. Sababa kanaafis, waldaan kiristiyaanaa bara kana keessa jirtu burjaajii guddaa keessa seenteetti. Amantoonnis isa kamtu sirriidha, isa kamtummoo soba jechuu wallaalaniiru kanumaanis namoonni baayyeen amantiin kun hundinuu soba akka ta’e yaaduun amantii irraa garagalaniiru.

Barruu kanaan Ergaan raajummaa maal akka ta’ee fii amantoonni ergaan yommuu isaaniif darbu akkamitti akka keessummeessuu qaban waliin baranna. Macaafa kakuu moofaa keessatti waaqayyo dibata isaa hojii gurguddaa sadiin fayyadamuun saba isaa gargaaraa ture. Kunneenis, Mootii, Luba fi Raajota kaasuun isaan dibee akka sabi isaa karaa waaqayyoo irraa hin kaanne isaan gargaaraa ture. Bara kanatti garuu macaafni ergaa gara warra Ibirootaa akkuma dubbatu, Waaqayyo bara duriitti karaa raajotaafi karaa garaa garaa nutti dubbachaa ture. Amma bara dhumaa kanatti garuu karaa ilmasaa nutti dubbate jedha.

Egaa qabxiin ijoon jalqaba irratti baruu qabnu, kakuu haaraa irratti nuti raajotaan hin geggeeffamnu Hafuura qulqulluutiin malee. Maaliif raajotaan hin geggeeffamnu? Deebiin isaa salphaa dha! Kakuu moofaa keessatti namoota dibati Hafuura Qulqulluu irra jiru qofaatu sagalee Waaqayyoo dhagaa’a ture. Bara kakuu haaraa kanatti garuu Waaqayyo afaan Raajicha Iyyu’eeliin isa dubbate “Bara booddeetti ani hafuura koo nama hundumaa irratti nan dhangalaasa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu, maanguddoonni keessanis mul’ata in argu; bara sanatti, ani hojjetoota koo warra dhiirotaa fi warra dubartoota irratti iyyuu hafuura koo nan dhangalaasa.” waan fiixaan baaseef namoonni gooftaa Iyyesuusitti amanan hundi isaanii Hafuura kana fudhataniiru. 

Kanaaf Hafuurri Qulqulluun nuyiif sagaleesaa karaa hafuura isaatii nu keessatti dhangalaasa. Kana jechuun immoo ammaa booddee raajiin kamuu nu hin barbaachisu jechuu dhaa? Lakki! Raajonni waaqayyo kennaa raajummaatiin dibaman waldaa kiristiyaanaa garagaaru. Raajummaan akka kakuu haaraatti kennaawwan hafuuraa kennaman keessaa isa tokko dha. Kunis ergaan raajii sagalee jalqabaaf isa dhumaa dha jechuu miti. Kana jechuun ergaan raajii kamuu geggeeffama Hafuurri qulqulluun keessa keenya kaa’e ykn ammoo akkaataa dubbii sagalee waaqayyootti jireenya keenya akka geggeessinuuf sagalee nuuf dhufudha. Kunis karaa lama ta’uu mala. Tokkoo geggeeffama nuti tasa bira hin geenye sagalee raajummaatiin dhaga’uuf malla, lammata ammoo ergaa Hafuurri Qulqulluun keessa keenya kaa’ee nutti dubbateef ragaa dabalataa nuuf ta’uun caalaatti sagalee sana qabatamaa nu godha. 

Waan raajiin sun jedhu akka sagalee Waaqayyoo kan hin taane yoo ta’ee fi akkaataa dubbii sagalee Waaqayyoon kan faallessu yoo ta’eef mirga qorree ilaaluu qabna. Kanas kutaa macaafaa keessaa.

Wanta Waaqayyo namatti mul’isee himsiisu hin tuffatinaa! Garuu waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa! Waanuma hamaa ta’e dhiisaa!

1 Tas 5:20-22

Kanaaf waldaan Kiristiyaanaa fi ijoolleen Waaqayyoo sagalee waaqayyoo ofii isaanii dhaga’uu dhaaf sagalee isaan yeroo hundumaa guutamuutu irraa eegama. Namni sagalee Waaqayyoo irratti hin ijaaramne akka bishaan gabatee irraati. Abbaan barbaade dhufee asiif achi raasuunii danda’a. Kanaaf namni sagalee waaqayyoon guutuu ta’e raajiin kamuu yoo dhufe kun sirriidha kun sirrii miti jechuuf ija jabina guutuu nii qabaata. Hafuurri isa keessa jirus dhugaa ni ba’aafi. 

Raajiin jireenya keenya jijjiiruu hin danda’u, qajeelfama nuuf kennuu danda’a ta’a. Kanaaf yeroo hundumaa geggeeffama raajii caalaa Hafuurri gooftichaa nu keessaa akka karaa isa sirriitti nu geggeessuuf garaa keenyaaf laphee keenya banaa gochuun nu irraa eegama. 


Yaadota

2 responses to “Ergaan Raajummaa Yommuu Naa Darbu Calliseen Fudhadhaa?”

  1. Obsaa Lammii Avatar
    Obsaa Lammii

    Barumsa gudda irraa arganne waaqayyo abbaan koo isin haa eebbisu.

  2. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Anaaf raajiin raajii caalu yoomiyyuu taanaan har’as ta’u boris macaafa qulqulluudha_Eeyyee Macaafa Qulqulluudha!!!

Yaada kenni