Maqaalee Waaqayyoo kanaan wal baraa 


“Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganne’o”

Faarfannaa 9:10

Kutaa kana yommuu Charles Sparjiyoon hiiku akkas jedhe, “Wallaalummaan kan hammaatu yeroo Waaqayyoon wallaaluu wajjin wal gitu, akkasumas beekumsi immoo baayy’ee kan gaarii kan inni ta’u yommuu maqaa Waaqayyoo irratti yeroo shaakaludha.

Jeems Booyis kan jedhamu barsiisaan macaafa qulqulluu immoo akkas jechuun kutaa kana hiika. “Maqaan Waaqayyoo foddaa amalli isaa ittiin mul’atudha. Maqaan kun akka inni Waaqa hundumaan olii ta’e, Waaqaaf lafa akka inni uume (EL Eliyoon), Hundumaa danda’uusaa (El Shaadayii), Barabaraan kan hin geeddaramne ta’uu isaa (El Olam), Gooftaa ta’uusaa (Adoonayi), Waaqayyo isa jiru (Jehoovaah Shammah), fi kanaan ol ibsa.”

Waaqayyo baroota keessatti eenyummaa isaa mul’isuuf maqoolii garaagaraa fayyadamuun of ibsaa ture. Maqaa Waaqayyoo jechuun eenyummaa isaa ibsa. Eenyummaan isaa kunis yeroo hundumaa kan inni mul’atu hojii isaatiini. Egaa maqoolii baay’ee ta’aniin Waaqayyo waamamuu filateera. Egaa maqaa isa kamtu caala? Isa kamiin immoo kadhachuu qabna? Moo yeroo hundumaa rakkoo keenyaaf maqaa gosa tokko tokko qopheeffanna?

Gooftaan akka nuun isa waamnu waan beekuuf, afaanuma kenyaan Maqaa isaa isa hafuura ta’e kana akka nuun isa waammannuuf kennaa godhee nuuf kenneera. Macaafa kakuu haaraa Hojii Ergamootaa boqonnaa 4 lakkoofsa 12 irratti maqaan nu itti fayyifamnu kan samii gaditti nuuf kenname gara biraan maqaa Iyyesuusiin alatti akka hin jirre nu barsiisa. Maqaan Gooftaa keenyaa haa ulfaatu! Kanaaf maqaa kana waammachuun dhugumaan jireenyatti jiraanna.

Maqaan Waaqayyoo armaan gaditti tarreeffaman macaafa keenya keessatti amala Waaqayyoo akka nuun beeknuuf foddaa nuuf banu. Mee hiika isaanii wajjin haa ilaallu.

Father – Abbaa (Burqaa, Madda)

Lord Master – Adoonaayi, Gooftaa

Alpha & Omega – JALQABAA FI DHUMA 

Attiyq Youm – Kan durii kaasee ture 

Kiristoos – Isa Dibamaa 

El Chay – Waaqayyo isa jiraataa 

El Deah – Waaqa Beekumsaa 

El Elyon – Waaqayyo isa hundarra ol aanaa

El Gibhor – Waaqayyo is Jabaataa 

El Olam – Waaqayyo Isa Barabaraan jiraatu

El Roi – Waaqayyo isa argu 

El Shaddai – Waaqayyo isa hundaa danda’u 

Elohim – Waaqayyo isa uumaa 

Amaanu’eel – Waaqayyo nu wajjin jira 

Jehovah (Yaahiwwee) – Waaqa isa ofiin jiraatu 

Jehovah Bore – Waaqayo Gooftaa isa uumu  

Jehovah Jireh – Waaqayyo isa qopheessu 

Jehovah-M’Kaddesh – Waaqayyo isa qulleessu 

Jehovah Nissi – Gooftaan Alaabaa Keenya 

Jehovah Rapha – Gooftaan Fayyisaa keenya 

Jehovah Rohi – Gooftaan Tiksee keenya 

Jehovah-Sabbaoth – Waaqayyo Gooftaa Maccaa (Isa lolu) 

Jehovah Shammah – Gooftaan jira 

Jehovah Tsidkenu – Gooftaan Qajeelummaa keenya 

Jehovah Tsuri – Gooftaan Kattaa keenya 

Jesus – Fayyisaa 

Messaiah – Isa dibame 


Yaadota

5 responses to “Maqaalee Waaqayyoo kanaan wal baraa ”

  1. Baay’ee namatti tola

  2. Miressa Tesfa Avatar
    Miressa Tesfa

    Glatooma baayee gaariidha

  3. IMAAMUU GABII YAACHISOO Avatar
    IMAAMUU GABII YAACHISOO

    WAAQAYYO SI HAA EEBBISU, GALATOOMI SIIN JEDHA.

  4. Shuura Avatar

    Galatoomii Waaqayyoo sihaa eebbisuu

  5. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Barumsa baay’ee barbaachisaa fi murteessaa ta’edha. Galatoomi!

Yaada kenni