Yaahwee (LORD) ( GOOFTAA) maqaa kakuu moofaa keessatti Waaqayyoon ibsuuf si’a kuma jahaa fi dhibba saddetii ol barreeffame dha. Sabnii Israa’elis Waaqayyo gochaa isaaniif godhee fi karaa isaanitti mula’te irratti hundaa’un maqaa adda addaa fayyadamaa turan. Fakkeenyaaf Yaahwee Raafaa, Yaahwee Shaaloom , Yaahwee Nasii f.k.k.f jeedhanii Waaqayyoo isaanii waamaa turan. Garuu maqoota kanaaf hundeen isaa tokko dha, innis ‘Yaahwee‘ isa jedhu dha. Kunis ammoo maqaa Waaqayyo ofii isaatii sabni Israa’el akka ittiin isa waamaniif yookin ittiin isa beekaniif karaa garbicha isaa Musee itti of beeksise dha. Yeroo waa’ee maqaa Waaqayyoo kanaa kaasnu eenyummaa abbaa maqichaa qalbeeffanna; Innis jalqabaaf xumura, kan hin jijjiiramne, dhugaa, amanamaa, fayyisaa fi k.k.f ta’uu isaatu ittin ibsama. Fakkeenyaaf ‘Yaahwee Raafaa’ yoo jenne ‘Waaqayyo fayyisaa kooti’ jechuu keenya.
Kakuu haaraa keessatti garuu Waaqayyo eenyummaa isaa mul’suuf karaa ilma isaa filatee, ilmi isaa eenyu akka ta’ee fi maal gochuuf lafa irra akka dhufu agarsiisuuf maqaa bakka bu’u moggaaseef. Maqaa kanas “Yesus” jedhe, kunis “Fayyisaa” yookaan “Gooftaa Fayyinaa” jechuu dha.
Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ‘Yesus’ jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa” jedheen.
Maatewos 1:12
Waaqayyo ilma isaa “Yesus” jedhee erga moggaasee booda humna hojjeetu keessa ka’uun enyuumaa isaa karaa ilma isaa ibsuun waan hundumaas harka isaatti kenne.
Caaffanni qulqullaa’aan Rom 10:13 irratti, “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola” in jedha.” Ooluuf yookaan fayyinaaf jechi Giriikii caqasa kana keessatti itti fayyadame “Soteria” kan jedhudha, kunis adeemsa fayyina, fayyuu, bilisa ta’uu, baraaramuu, eegumsa argachuu fi guutummaa guutuutti kunuunfamuu foonii fi hafuuraa kan argisiisu dha. Kuni immoo fayyinaa fi furii kan argannu maqaa Yesus Kristosin qofa akka ta’ee akka hubannu nu taasiisa.
Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhe.
Ergamootaa 4:12

Dhiiga isaa golgootaa irratti nuuf dhangala’e irraa kan ka’e, ilmi namaa fayyina argate, eenyummaa dura qabu dhiisuun uumama haaraa ta’e, qajeelina Waaqayyoos argatee Uumaa isaa wajjin walitti dhufeenya sirrii taʼetti deebi’e. Fannoo irratti du’uu Yesusiin gosa lamaanuu( warra saba Waaqayyoo jedhamaa turanii fi orma warra turre) akka dhagna tokkootti Waaqayyotti araarsuudhaaf ofii isaatiin diinummaa balleesse. Inni dhufee warra fagoo turre, warra dhi’oo turanittis misiraachoo nagaa lallabe. Nuyi lamaanuu hafuuruma tokkoon karaa isaa akka Abbaa bira geenyu nu taasisee
Yesus Karichi, dhugaan, jireenyis isuma akka ta’e nutti himuun jaalala Abbaa nutti agarsiise. Namni karaa isaa Abbaa, Waaqa, bira akka gahuuf karaa saaqe. Abbaanis ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma nuyi maqaa Yesus Kristosin kadhannu nuuf raawwata.
Yesus kun bifa Waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa kan abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du’uu isaatiif yeelloo isa irra ga’e homaatti utuu hin lakkaa’in, obsaan fannoo irratti du’uu in danda’e.
“Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera.”
2Qorontos 5:21
Maarree Maqaan Yesus Kun:
- Maqaa Dhiifamuu Cubbuu Itti Arganne dha
Fayyina keenyaaf mataa isaa aarsaa goodhee dhiheessuudhaan dhiifamuu cubbuu argannee. Kanaaf, kennaa cubbuutti qullaa’uu kan dhaallu maqaa Yesusiin qofa.
- Maqaa Aboo Guddaa Qabuu dha
Yeroo nuti amantiidhaan maqaa Yesus Kristos labsinu akka Maatewos 18 :19 irratti jiru, wanti lafa irratti hiinuu hundinuu samii irratti akka hidhamu, wanti lafa irratti hiiknu hundinuu samii irratti akka hiikamu waadaan nuuf galameera. kana kan godhu egaa aboo maqaa Yesus irra jiru dha.
- Dinqiiwwanii fi Mallattoowwan Gurguddaa Argisiisuuf Humna Qaba
Mallattoowwanii fi dinqiiwwan dhugaa kan raawwataman, maqaa Yesus Kristosiin qofa. Kun hundinuu Waaqayyoof ulfina fiduu fi Mootummaa isaa lafa irratti babal’isuuf jecha. Kanaaf kristos ilmaan namaa gara Waaqayyootti fiduudhaaf ulfina Waaqayyoo wajiin wal isa qixxeessu yoo qabaatee iyyuu Inni garuu gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e.”
Ammas yaa gooftaa, doorsisa isaanii ilaali, hojjetoonni kee sodaa malee dubbii kee akka dubbataniif, ija jabummaa kenniif! Maqaa Yesus hojjetaa kee isa qulqulluutiin dhukkubsatoota fayyisuudhaaf, milikkitaa fi dinqii garaa garaas gochuudhaaf, harka kee diriirsi!
Hojii Ergamootaa 4:29-30
Phaawuloos Kristos maqaa hundumaa caale akka ta’e yeroo nutti himu, Maqaan Yesus maqaa addunyaa kanarra jiru kamiyyuu caalaa guddaa fi humna qaba jechuu dha.
Gooftummaa, aboo, humna, mootumma hamma jiru hundumaa, bara kanatti, bara dhufuttis waanuma maqaa dha’uun danda’amu gararraa isa oolche.
Efesoon 1:21.
Sababiin humna kanaa hojii fannoo irratti nuuf xumurame akka ta’e yaadachuu qabna. Kristos namoota isatti amanan hundaaf dhiifamuu cubbuu, furii fi fayyina erga kennee booda, Waaqayyo Maqaa Yesus Kristosiif warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe.”
Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irraiyyuu caalu kenneeraaf
Filiphisiiyus 2:9


Yaada kenni